Oduu Haaraya

JAGNI YOOMIYYUU HIN DU’U*

                      

                                                     Taammanaa Bitimaa irraa
Jeneraal Waaqoo Guutuu hin du’e jettanii
Waan hin taane addunyaatti himtanii?
Inni ni du’een sobumaa
Ammoo ni rafeen dhugumaa
Kunoo, gadi ciisee karoorfata gumaa!

Gumaan gumaa aayyoo
Ilaa kan abbayyoo
Ishii harmi mummurame
Ishii harki kukkutame
Akka korma goobee isa kolaafame
Dhiigni ilmoo namaa akkas lolaafamee!

Aannoleen Dhiigaan laaqamee
Calanqoon namaan waadamee
Gullalleen barbadaayee
Iluutti reeffi ajaawee
Minilik gaaraa as duulee
Walaayitaa fi Oromootti
Hadiyyaa fi Kafichootti
Jawwee sibiilaa irratuulee
Qeyee ambaa qabatee
Nu gabroomsuuf kakate.

Kan kiyya kootuma jedhee
Keessan kootiin ol-jedhee
Ginnisaa barumbaraan
Qacceensaa garumgaraan
Akka nu bitu
Akka nu kutu
Masqaliidhaan eebbisee
Phaapphasaas gaddeebisee
Kiristaana wawwaammatee
Oroppaa daboo kadhatee
Kiristaana of-fakkeessee
Maqaa Kiristooyyuu balleesse!

Gumaan ani baanu
Kan Waaqo caraanu
Gumaa dhiigaa miti
Kan jarri gaddhangalaasu
Gumaa fooniis miti
Kan namni mummuree baasu!

Gumaan ani baanu
Kan innis caraanu:
Gumaa bilisummaa
Gumoo walqixxummaa
Siiqqee birmadummaa
Bokkuu walabummaa
Mallattoo namummaa!

Waaqon yoom qobaa taye?
Eenyutoo kan-haasaye?
Leencotatoo marsee jiraa
Qeerransooleenis biraa
Gichilloonnis isaa firaa!        

Leencota kaani fi qeerransoota
Baludoota kaani fi gichilloota:
Bowwaa Dallootti
Boongoo Wallootti
Caakkaa Carcaritti
Yaa’ii Shaggaritti
Dagala Gibeetti
Bosona Waabetti
Hurruma Jibaati fi Mogoritti
Roggee Ammayyaa fi Nyamaritti
Oromiyaa boongoo jagnootatti
Biyyoromoo goodaa gamnootaatti
Waliin oolanii walbeekan-kaa
Wajjin bulaatoo waleegan-kaa!

Maqaan leencota kanaa danuu
Kitaaba guutuyyuu kan banuu
Warri akkuma Waaqoo rafan
Jarri akkuma isaa kufan
Karoorawoo nuuf baasaa jiranii
Harmee Oromiyaatii jedhanii!

Leenconni Toopphiyaan hin dhaadanne
Qeeransoonni biyya ergisaa hin waammanne:
Elemoo Qilxuu qeerransi bahaa
Firrisaa Abbaa-Fooggii qeerransi dhihaa
Ammayyuu rafee nu warra hafne didhaa!
Jaatanii Alii leenci Kibbaa
Sheek Xalihaan leenci kaabaa
Ilaa faajjii gurraacha-deemaa-adii dhaabaa
Hamaaqenni waltajji Alamuu Qixxeessaa
Insaakloppeediyaan gubate Guutaa Sirneessaa
Hayila-Maaramii fi yaaTaaddoo
Hagarii Tulluu fi yaa Maammoo
Koottaa nu laalaa-kaa ammammoo!

      Magarsaa Barii akka barii
Dukkana ibsaa wabarii
Qeerransittiin yaa Saartuu
Akka Biiftuu Amoosaa
Kan fardaan diina dhaantuu
Yaa Guutamaa Awaas, yaa Nadhii Gammadaa
Leenca Roorroo qabeetoo caccagadaa
Yaa lameen Tumsaa, yaa Abboomaa
Sanduuqa dhiibaa ka’aa
Darbaddhaatii acha’aa
Oromootoo isin shoomaa!

Ilaansoo Halloo sunoo qeerransi riphee ciisu
Hardhallee “yaa Oromoo hin baddee“-saa hin dhiisuu:
Qeerransoonni biyya gadaa
Gichilloonni caayaan odaa
Maqaan saanii himan homaan raawwatamuu
Kan dhaloota boruu boruutiin yaadatamu!

Jagnoonni barana rafan
Gamnoonni yaadan nuttafan
Adam leenchi Jiloo
Nama roorrooniloo
Sisaay Raagaan Ibsaa
Beekumsaan biyya marsaa
Iyyee iyya dabarsaan
Gadaadhan dhaadataan
Aayyoo Oromiyaa waammataan
Hin duune mee ni jiruu
Laalaa ammallee
Ilaa hardhallee
Qoricha bilisummaa hiruu!

Jagni yoomiyyuu hin du’uu
Maqaanoo boolla hin bu’uu
Dhaabateetoo hafaa akka ruudaa
Dhalootaa dhalootatoo isa muudaa!

Haanibaal yoom du’e
Shaakan yoom boolla bu’e
Muhaammad Abdullaa Hasan Somaaliyaa
Leenjisoo Diigaa inni kan Oromiyaa
Amilkaar Kabraal kan Giiniyaa
Ahimad Turee biyya Giinii-Maalii
Lumbaa Koongoo inni maqaan gaarii
Hochiminii, Neeruu fi Gaandii
Bolibaar Ameerikaa Laatinii
Gaaribaaldiin warra Xaaliyaanii
Nikiruumaan inni Mootummaa Afrikaa ciccimsee Abjoote
Nereereen inni gadaa Afrikaatiin korma lameen aboote
Arafaati fi kaan-faa Bambeellaa
Bakkalchoonni akka Mandeellaa
Yoom du’an ammayyuu ni dhaabatuu
Muu yaa kolonii duraa
Buu yaa kolonii hardhaa,
J
edhaniitoo kunoo dhaadatuu!

Waaqo qobaa-saas mitii
Kan gacciisee yaadu
Ilaa qobaa mitii
Kan cinqamee aadu
Kan inni bira deeme
Beekamoon qeerransootaa
Inni isaaniin mariyataa
Warra jiranittisoo iyyataa
Mariin-saa tokkichuma
Iyyi-saas takkittuma
Maariin marii Toopphiyaa mitii
Iyyis iyya Toopphiyaa mitii
Iyyoo iyya aayyotii
Kan harmee Oromiyaati!

Marii-saan dagatinaa
Iyya-saas hin gatinaa
Hamma aayyoon ol-kaatee
Hanga harmeen ol-jettee
Alaabaa qabattee
Ejersaan marfattee
Yaa’ii NiwuYoorkii seentutti
Hamma addunyaanis ishii beektutti
Yaa ijoolle gadi hin ciisinaa
Waanjoo ofirratti hin dhiisinaa!

Ka’aa ol-jedhaatii deemaa
Addunyaa bilisa seenaa:
Qubee qubeeffachaa
Qubas walqabaachaa
Ohaa jechaa qotachaa
Ohoo jechaa lolachaa
Hayyee jechaa qolachaa
Jigsaa ijaarrachaa
Ijaarrachaas jijjigsaa
Rooroo asiifachi bittimsaa
Tokkummaa jabeeffachaa
Namummaa qalbeeffachaa
Baaqaa-callaa addaan baafachaa
Ol-jedhaatii xuruuraa
Walabummaan walfuraa!

Ekeraan kan Waaqoo-hoo jiraa
Dabalees kan leencota biraa
Homaan sodaatinaa
Harmeen dagatinaa
Bokkuu sabaa adaraa hin gatinaa
Kakuu uummataas hin irraanfatinaa!

Jireenyi abdii-dhaa
Abdii hin kutinaa
Hardhammoo kuftaniif
Jalawoo ciiftaniif
Hin-kaanu hin jedhinaa
Kan waaraa hin se’inaa!

Hunduu kufaa ka’ee
Ilaamee as gayee
Kufaatii ka’iinsatti geeddaraa
Gabrummaa bilisummaatti jijjiiraa
Walqabaddhaa xuruuratii deemaa
Walabdachaa galma walabaa seenaa!

                               Barliin, 05. 02. 06 

        * Walaloon kun gaafa Caamsaa 20, bara 2006 yaadannoo jeneraal Waaqoo Guutuu-tii jedhamee, yaa’ii Hawaasni Oromoo Barliin waame irratti kan dhiyaate ture. Kunoo, amma yaadannoo Qabsoo Hidhannoo isa waggaalee 50-an hardhaa jagnoota Oromoo Baale-Arsiitiin jalqabame sanii akka tahuuf, isinii dhiyaatee jira

==================    //    =================

Check Also

baqqalaa gabraa

Obbo Baqqalaa Garbaa biyya aambaatti hafuufi hooggansummaa KFO’s gad-dhiise

Baroota dheeraaf karaa dhaabaa fi dhuunfaan siyaasa Itoophiyaa keessatti hirmannaa godhaniin kan beekaman Dura taa’aa …