Oduu Haaraya

JECHOOTA GAMNAA KUTAA 4FFAA

 

Gamteessaa Sabaa

Mucaa Gamna:- Mucaan Gamni Wayii Daldalaa Wayiitin Wal Lolee

Yeroo wayii namichaa daldalataa woytuu ture. Innis kan qabeenna karaa dharaatiin guurratee of duroomsu ture. Innis mucaa beekaa wayii yeroo tokko qarshii inni meeshaan bitachuuf amaanaa bira kaayate natti hin kennine jedhee dhoorgate. Mucaanis aarus ima callisee itti dhiisee biraa deeme. Guyyaa biraas bakka biraa walgahii dhimma biraatiif taa’amerratti wal ga’an. Namichaan rakkisaa waan taheef bakka wal gahii haajaa biraa irratti akka mucaa sana irraa yaada fuune ganzaba koo hate bade jedheen. Jaarsi abbaan waltajjiis dhimmicha mucaan duraa waan itti himee tureef maal daldalataan afaan faallaa hujii faallaa! Ufii irraa fuudhee dhooggatee faallaa haasayaa; na jalaa hatte jedhaa! jedhee didee mucaa irraa yaada fuudhe.

Mucichis yoo duraa yaada biraa haasayuu ka barbaade namichaan wal qaban. Mucaa dubbii nama guddaa, beekaa keessa jirraa dhiisi ati jedheen daldaltichi! Ilma beeraa jedheen afaan taree.

Daldalataa:- Haatee gamnaa? jedheen

Mucaa:- Abbaa kee ni caalti! jedheen

Daldalataa:- Ati hoo gamnaa? jennaan

Mucaa:- Si ima caala! jedheen

Daldalataa:- Abbaan kee hoo jennaan

Mucaa:- Kan ambaa diina afaan qabachiise mitii; kan ambaa diina addaan galche mitii? Jedheen

Daldalataa:-Ati mucaa anaa sitti dubbate balleesse jedheen!

Mucaa:- Qacceen ofumaa garaftee ofumaa iyyiti; atuu beekte jedheen; guddaa jedhanii dubbii hin taane, argan irraa hin fudhatan dargaggeessa jedhaniis callisi hin jedhaniin. Guddas xiqqas kan jechisiisuu danda’u wanta nama sana keessa jiruu fi dubbii isaati jedheen!! Eega ofii keetii ka na dubbiftuu jedhee mucaan aaraa akka armaan gadii dubbate!

Akkuma beekamu daldaltoonni dhiifama naaf godhaatii amma kan daldalaa hattuu kanaa dubbadhaa isin warri karaa sirriitiin daldaltanii duroomtan akkuma jirtan; warri hannaa fi humnaan duroome akka namichaa kanaa jiruu. Argaa si’a lama natty deebi’uu isaatii:-

1FFAA… Qarshii kook an ani meeshaa bituuf bira kaayadhe na dhoorgatuu fi na arrabsuu isaa.

2FFAA… Bakka walgahii kanattis an dhimma biraa walitti qabamneef yaada kennuuf carraa yoo gaafadhu naan mormuu isaa. Bakka hundatti dhiibbaa narraan gahuuf fedhuu isaa hubattan yaa daldaltoota karaa sirrii akkasumas warren biraa. Kana kan waa’ee qabeenna ofii malee kan biraatii hin yaadne; hiriyyoota isaas dabalatee hattoota ta’uu beektan nama meeqaas kallattii meeqaan akka miidhan!… yoo mucaan jedhu Namoonnis harka dhayan!! Ililchanis waan garee sana hin jaalanneef. Mucaan itti fufees akkas jedhe:- Beekaa calliseeti malee anis waan inni hojjate beeka! Maal akka hojjataa jirus beeka,waan inni na hin fedhiniifis beeka, beekaa callise malee! Callisan fixan jechaaf malee! Jedhe itti fufuunis…

“Ooftee ooftee hoolaa hatte tana abbatti fidda jedha mammaaksi” jedhan.  Warra garaa haadhatitti ilkee baasee! Yoo nuti gurshaa sadiin guyyaa dabarsinu isaan si’a sadii ol nyaata akkam akkamii nyaatu? Hojii humnaa nu hojjachiisanii kan nuuf hin kaffalle meeqa?Kan qabeennaa tuullatee hiyyeessa gama hundaan of jalatti galchee hacuucuu barbaadu kanaa fi hiriyyoota isaa. Uffanni isaanii meeqa guyyatti hagam jijjiiratu? Nuti uffanni dhumatu malee jijjiirannaa? Mana meeqa qabu? Waa meeqa qabu? Qabeenna kana akkamitti horatan yoo jenne kama isin beettanii fi anis himadhe; hannaan, humnaan ta’uun beekamaa!!Warra uummata qorqatee jiraataa jiru jira. “Galata  Rabbii garuu akka isaan nu tuffatanii mitii kallattii kamiinuu hojjannee jiraanna. Yaada illee bilchaatas qabna!!” jedheen. Mucichi namichaaa fi hiriyyoota isaa daldaltoota dharaa salphisee namoonnis gammadan!!

 

***

Gamni gamnatti dhufee akkana jedhe “Namni jabaan nama maal huje? Laafaan hoo?” jedheen. Gamnichis “Namni jabaan nama dogongora, rakkoo, laafina ofii irraa baree sanirrattillee of fooyyessee gara carraatitti jijjiire! Laafaan ammo faallaa kanaati.” jedheen

 

***

“Abaarsa eessa dhaqxa?” jennaan “Gara abbaan na erge!”

Yoo dhabde hoo jennaan “Abbamaaf deebi’a!” jette abaarsi

 

***

“Guddaan/beekaan maaf nama kabaja?” jennaan “Guddinnuma/beekumsuma isaatif” jedhe “Wallaalaan/laafaan hoo maa nama xiqqeessa?” jennaan “Xiqqeennuma isaatif!” jedhe gamni gamnichi gaafannaan.

 

***

Waa wallaala dabalatte waan falli baafne:-

-Deegni wallaala dabalatte waan falli baafne

-Laafinni/dadhabinni wallaala dabalatte waan falli baafne

-Jallinni/makkaltummaa wallaala dabalatte waan falli baafne

-Rakkoon/gideen wallaala dabalatte waan falli baafne

-Gabrummaan wallaala dabalatte waan falli baafne

Itti fufaa…

 

Check Also

a

Kuusa jechoota Afaan Oromoo Ramaddiin isii maqaa. (noun) A Qubee 1 Jechi kun akkmitti dubbifma? …