Oduu Haaraya

Jibbaafi Jaalala

Hawi Anole ~ Hag/2017
———————-
Yunivarsitii Tokko Keessatti Barsiistuun Muummee Xiinsamuu barattoota isheetiif barumsa isaan yoomiyyuu hin irraanfanne kennuu barbaadde. Haaluma kanaan Hojii Manaa tokko Qopheessite. Barattoonni daree ishii hunduu Dinnicha qabatanii akka dhufan ajajje. Dinnicha sanarrattis Maqaa Namoota Jibbanii irratti barreessanii akka dhufan itti himte. Baay’inni Dinnichaa fidanii dhufaniitis baay’ina namoota jibbaniitiin akkawal qixxaatu jetteen. Kana jechuun namni nama akka malee jibbu 1 qabu Dinnicha tokko fida jechuudha, ka lama qabus akkasuma. Haaluma kanaan barattoonnis gariin isaanii 3, gariin isaanii 5, gariin isaanii 8 fidanii dhufan.

Guyyaa Borumtaa sanaa Barattoonni Haala jedhamaniin Dinnicha Qopheessuu isaanii ilaaltee mirkaneeffate. Irra deebitees ~ ” Har’arraa Eegalee torban tokkoof Dinnicha kana Shaanxaa keessan keessatti qabattanii Joortu/ sochootu. Eddoo kamittuu ofirraa lafa kaayun hin danda’amu. Mana fincaaniis yoo seentan lafa kaa’uun dhorkadha” jetteen.
.
.
.
Adaduma guyyaan dabalaa adeemun Dinnichi baadhatan waan shamaa adeemeef barattoonni foolii isaa too’achuu dadhaban. Keessattuu Barattoonni Dinnicha 6 ol baadhatan ba’aanifii foolin ajaawaan garmalee akka itti ulfaate hadheeffatanii dubbachuu eegalan::)

Torban booda Hojiin Manaatiif yeroon kenname waan dhumeef Barattoonni Dinnicha sana baasanii akka gatan hayyamameef. Barattoonnis Gammachuun fuulli isaanii cululuqee ajaafii foolii hamaa baadhatanii jooraa bahan ofirraa darban. Gammachuunifi Mirqaanni haaraan itti dhagayame.
.
.
.

Barattoota Koo Mee Hojiin Manaa Akkam Ture? Jettee barattoota isii gaafatte;

Uuuhhhf Barsiistuu Keenya ~ Mee nu hin gaafatinaa, Ulfaatinni isaa , Ajaawinna foolii isaa…. Jedhanii waan isaan mudate hunda itti himan.
.
.
.
Barsiistunis ” Argitanii Barattootakoo, torban tokko keessatti waan badaa kana baadhattanii oliif gadi jooruu dadhabdan. Jibbaan Isin Ilmoo namaatiif qabdanis akkanuma. Jibbaan Onnee Xureessa. Eddoo deemtan hunda isin jala deemee isin jeeqa. Tasgabbii sammuu isin dhoorka. Mee Xiinxalaa ~ Dinnicha Torban tokko keessatti shame/ badee ajaawa foolii isaa too’achuu dadhabdan, akkamitti Onnee teessan Jibbaadhaan balfamte qabattanii jiraattu?!” Jettee gaafii ajaa’ibaa gaafatte.

Kanaafuu; Waanuma Fedhes ta’u Jibbaa Onnee keessan keessaa baasaa. Yoo dandeettan onnee teessan jaalalaafii gammachuudhaan guutuudhaaf yaalaa. Yoo dadhabdan onnee teessan jibbaa irraa eegaa! Jettee barumsa isaan yoomuu hin irraanfanne barsiisfte ~ Nutis Waljala deemnee dogongoroota wal jala barbaaduufi dadhabina namaa qofa hordofuu osoo hin ta’in waliif hubannee jaalalaan waliin jiraachuun faaydaa guddaa nuıf qaba. Jibbi keessoo keenya nu xureessa, foolii keenya nu hammeessa. Kanaafuu hamma dandeenyen jibba ofirraa fageessinee eddoo hındatti ilillii jaalalaa haa facaasnun isiniin je’a1f91e 1f3fb

Kanuma
Keenyas Oluma
#HawiAnole

Check Also

a

Kuusa jechoota Afaan Oromoo Ramaddiin isii maqaa. (noun) A Qubee 1 Jechi kun akkmitti dubbifma? …