IBSA BARENTO
Kaayoo ganamaa saniitu Oromoota hoggaa dhibbaa ol olola fi soba diinaatiin gargarfagaatee ture bara 1992 keessa walitti fidee magaalaa guddittii Oromia Finfinnee keessatti akka yeroo jalqabaatiif Alabaan Oromoo fannifamu goosise. Kaayoo jalqabaa saniin Oromoonni kutaa kudha tokkon Oromoo keessaa wal’itti dhufee akka yaaddni saanii tokko ta’ee fi garaan isaanii wal’itti bo’u kan godhe. Kaayoo ganamaa sani Oromoo dur maqaa gaallaa fi qottuun yaamamu akka Oromoon yaamamu goosise. Kaayoo ganamaa saniitu afaan Oromoo kan dur media cabsa jedhanii akka Oromoon afaan isaa tuffatu fi guddisuu saalfatu habashoonni ammo balleysuuf duula guddaa hoggaa dhibbaa ol irratti godhaa turan san jalaa baasee afaan ittiin barsiisanii fi ittiin barreysan taasise. Kaayoo ganamaa sanii tu Oromoo dur bishaan keessaa baate biyya hin qabdu habashaan jechaanii ture kutaan kudha tokko lafti Oromoo maappi ykn kaarta biyya Ethiopia keessatti akka beekkamu goosise. Kaayoo jalqabaa saniitu arra Oromoota hedduu an Oromoo maqaan Ethiopia jedhu garuu dirqiin narratti fiame akka jedhu taasise. Otoo kaayoon ganamaa tan Oromoon manaa ba’eef san Ethiopia democraseysuu ta’e, tarii arra hedduun keenya akka dur ittiin nu yaamaa turan nutiis an Ethiopiawi ofiin jenna, bu’aleen kaayoon keenya kan ganamaa nu gonfachiise kunneeniis hin jiran ta’a.
Hagamuu qabsoon Oromoo dadhabduus, qancertuus, adeemissa qocaa deemtuus, kaayuma ganamaa san irratti cichinee yo qabsoofne qofa bu’aa gaarii kabajaa fi ulfina ummata Oromoo gonfachiisuu dandeenya. Seenaa bilisumma baaftuu addunyaa keessatti , qabsoon saba tokkoo yeroof dadhabuun , suuta deemuun fi fofottoquun wanuma jiraati malee waan qabsoo Oromoo qofa keessatti arkame miti. Qabsoo Oromoo kessattiis kanneen kana fakkaatan keessatti mul’achuun waan baasa ta’e miti. Garuu yeroo haalli akkanaa dadhabuu fi wal-rukutuunilleen erga uumame booda hoogganni cimaan ykn jabaan keessaa ba’uutu irra jiraata. As irratti qabsoo Oromoo kan adda godhu bakka silaa hoogganni jabaan gad ba’uu qabu, bu’aa ba’ii fi dadhabina asiin ol itti ibsame booda , hogganni dadhabaan, yaada dadhabaa fi kufaatii ummata isaa irraan ga’u qabatee mul’achuun waan hedduu nama dinqisiisuu fi kan hedduu wal nama gaafachiisu dha. Rabbiin ykn Waaqni Leenca taanee Jeedalatti gad-deebi’uu nu haa oolchu.
Hogganni haarayni dadhabaan yaada dadhabaa , yaada hoggaa dhibbaa ol ummata Oromoo gabrummaa jalatti shakaalee hidhee ture kan ammaas sanuma jalatti ummata Oromoo hidhu waan ta’eef ummanni Oromoo kana hubatee dogoggora kana duraas goobanaa daacee tin irra ga’e irraa waa baratee dogoggora wal fakkaata akka lammada itti hin deebineen hubachiisuu barbaada. Akeekni warra Ethiopia democrateysina jedhu kun ummata Oromoo tiif bu’aa ba’eessa ni qabaata jedhee hin yaadu. Garuu kufaatii guddaa tan ummanni Oromoo yeroo dheeraaf itti sheena’uuf ta’u silaa akkas godhuu baannee kan jedhan irraan ga’uuf taa’a. Bu’aalee haga ammaa dhiiga gootota ilmaan Oromootiin arkaman kanneen asii ol’itti tarreysine san hunda kan nu harkaa booji’u ta’uun haalaan naaf ifaa dha akka nama tokkotti. Dhuma irratti, ummanni habashaa kan warri Ethiopia democrateysina jedhu kun waliin hojjena jedhu, ummata sammuma abaabayyoo fi akaakayyoon isaanii qabaachaa turan kan Biyya takka,Afaan tokko, Alaabaa takka, Amantii takka namni hundi Amaara ta’u qaba, akka Amaara ykn akka habashatti yaadu qaba kan jedhu. Kan media habashaa kan adda addaa irratti biyyi Oromia jedhamtu hin jirtu sammuu jedhuun warra deemu, warra harrallee ummata Oromoo sobaa qabsoo isaani irra tooftaa addaatiin mysaa jiraachuun saanii waan shakkii tokko qabu miti. Kanaa fu ummanni Oromoo hedduu eeggannaa guddaa godhu nu barbaachisan jedha. Oromoon guddoon arraas harka habashatti hin kennine haguma arka kennee tu kenne malee, yo habashaa ti akkuma Oromoon hundi abdii kutatee harka isaanitti kenne itti fakkaatti. Garuu nuti wayyabni Oromoo yaada Ethiopia democrateysuu jedhu dura dhaabbana. Ethiopian democrata’u dura, Oromian bilisoomu qabdi. Yo barbaanne, erga Oromian bilisoomte booda waan san irratti waliin haasawna. An akka nama tokkotti haga qawween takka fi namni tokko kan Oromia bilisoomsuu barbaadu jirutti harka habashatti hin kennu.