Oduu Haaraya

“Kan nutti aanu TPLF malee ABO miti”. Abbaa Duulaa Gammadaa


Ee yaa Oromoo cidhi hunduu 4 kiiloodhaaf malee siif waan madaala kiiloo tokko kaastu of keessaa hinqabu. Ati barumaan waan si godhan dagattee nyaaphuma kee waliin cidha dhiichisaa oolta. Jaarsummaa moo siyaasuma wayya ture dubbiin kun? jettees hingaafattu. Barumaan si moggeessu. Garuu, rakkoo malee si moggeessanii furmaanni biyyattiif argame hinturre.

Marii Xarapheessaarraa Afrikaa Kibbaatti ta’aa jirtu ilaalchisee qabxiilee 4n kana qabadhu:-

1ffaa. Ameerikaan shira dhokataa duubaan qopheessite wayiitu jira. Tarii tolaaf ykn lolaaf waa aanjessitee jirti shakkii jedhun qaba.

2ffaa. Warri TPLF mataan isaanii #conspiracy siyaasaa ilkaan itti buqqifatan. Kunis ija shakkiin ilaalamuu cinatti mooraan Oromoo yeroo hunda dammaqinaan tarkaanfatuu akka qabu nu akeekkachiisa. Shirummaafis haa ta’u firummaaf yoo alagaan kana gootu Oromoon immoo filannoo hedduu qopheeffataa deemuu qaba.

3ffaa. Mootummaa Itoophiyaatu hojii dipiloomaasii fooyyee qabu Ameerikaa waliin hojjetuu malas ta’a. Gareen kun yoo Ameerikaan dhiibbaa Humna Oromoo irras naaf keesse waan USAn jettu nan fudha jedhanii waada galanis ta’a.

4ffaa. Akkuma yeroo tokko Abbaa Duulaa Gammadaan “OPDOfi Uummata Oromootti kan nutti aanu TPLF malee ABO miti” jedhe sana, gareen kun ammas “diinummaa keenya har’aa dhiisnee firummaa keenya duriitti haa deebinu” waamicha jedhu waan waliif godhaa jiran natti fakkaata. Wayyaaneen garuu gamna. Akka Oromoon yaadus miti akka Ormi itti yaadus miti. Dhugaa dubbachuuf yoo ta’e Oromootti kan aanu TPLF osoo hin taane OPDO isaan tolchan sana ture. Ilaalaa OPDO irraa gara ODP irraa gara PP.

Kana jechuun har’as PP tti kan aanu TPLF malee ABO miti akka jechuuti. Sababni isaas Warruma kaleessa OPDO keessa ture sanatu har’as PP keessa jira waan ta’eef.

Furmaata: A. Oromoon Tokkummaa isaatti amanu qaba

B. Hayyoonni Dipiloomaasii dalaguu

C. Mooraan Oromoo Option_B qabaachuu

D. Jaarmiyaaleen Oromoo dhaloota qopheessu

E. Uummanni waan qabu jabeessuu

F. Diyaasfooraan Humna qabu qixeessuu

G. Miidiyaaleen Dhugaa qabnu balballoomsuu

H. Qeerroo fi Qarreen of haaromsuu

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *