Oduu Haaraya

Haala yeroo fi dubbii lola Toophiyaa keessatti adeemaa jiru muraasa

Lalisa Hussein

Warri Mootummaa walii galtee Aafrikaa Kibbaa cinatti “Maqalee qabannee injifannoo labsina” jedhanii qophiirra jiru.

Garuummoo dubbiin akkasii miti.

Lolli dhumachuu fi olaantummaa waraanaa qabachuun gara gara.

Yeroo kanatti Maqalee qabattus, qabatuu baattus lolicha injifannoon hin xumurtu. Yeroof garuu olaantummaa waraanichaa ni dhuunfatta. Miidiyaalen biyyattii torbaanota ykn ji’ootaf oduu injifannoo qofa akka gabaasu ni goota, Jeneraalonni baay’een olaantummaa waraanaa ni labsu, kaadiree fi kaabineen hamilee addaatin ganda keessa deemtee sangoota qotee bulaa ni funaanti.

Dubbiin lola kaabaa ammas deebitee maraammartoodhuma taati!

loltuu abiyyii 4

Wayyaaneenis Gama isheetin Waliigalteen South-Afrikatti balbala cufatanii godhaa jiran milkaa’uu dhabnaan lola ijibbaataa fi tooftaa waraanaa 3 baafattee qophiirra jirti!

1. Lola kallattii – Humna qabdu hundaan dahannaa/mishigiilee isaan danqee jiru cabsitee ba’uun naannolee biroo keessa babaldhachuu!

2. Lola ummataa – Lola kallattiin ofirraa ittisaa, lola Ummataaf ammoo karaa banuudha. Humna diinaa facasuu fi ummanni hidhate marsee akka rukutu haala mijeessuu dha. Fincila Ummataa qawween deeggarame jechuu dha.

3. Lola Riphee Lolaati. Lola kana dhumarra malee ammaa hin eegaltu. Toftaa 1ffaa fi 2ffaan yoo hin milkoofne garasitti cehuun waan hin oolleedha!

Kanaaf, Tigraay yeroo ammaa toftaa 2ffaa kanatti cichuuf karoora baafattee xumurteerti.

Tooftaan lolaa kunimmoo magaalaan Maqalees yoo harka Bilxiginnaatti kan kuftu ta’es maandheewwan gurguddaa fi lafa tarsiimoo qabatee lola kan itti fufuu danda’u ta’ee qophaa’e!

Walumaa galatti:

Waraanni kaabaa fi Oromiyaa keessatti adeemaa jiru saffisaan dhaabbatee gama waliigaltetti luucca’uu qaba.

Ta’uu baannaan Siyaasni biyya kanaa xaxaa amma jiru keessaa ba’ee gara fuulduratti tarkaanfachuun dura yoo xiqqaate balaan gurguddaan( #shocks) marsaa lama ykn sadii uumamuu mala.

Nutimmoo akka Oromootti Warra waan hundumaa salphisee nutti himu dhaggeeffannee of dagatuu hin qabnu. Balaa guddaa (shocks) as deemaa jiru kana keessatti gatii baafamu gad-xiqqeessuuf qophaa’uu qabna. Akkasuma akka Sabaatti injifannee ba’uuf siyaasa adeemaa jiru qalbiin hordofuu, hidhannoo gama hundaa jabeeffachuu fi Gadi teenyee malaaf mariin ‘Road Map’ waloo saba keenya dhumaa jiru kanaaf baasuu qabna!

Kanuma!

Lolli deeggarsa hin qabu!

Nageenyi filannoo hin qabu!

Check Also

Amanuel Wondimu

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *