Oduu Haaraya

Kan Tiitisarraa Damma Eegee Dhabe,Kan Aaruu Qabu Ofitti Malee Tiitisattii Miti!

Baarentuu Gadaa irraa

Mee seenaa Habshootaa  keessatti bara kam..? eenyurraa eenyutti Angoon
karaa nagahaa darbee beeka…?  Seenaa isaanii keessa kan jiru.. kan
beekamu …aangoof jecha ilmi abbaa ajjeesa, abbaan ilma ajjeesa,
niitiin dhirsa ajjeesti, dhirsi niitii ajjeesa. Kan seenaa isaanii
keessatti beekamu aangoof jecha  yoo Obboleessi, obboleessa ajjeesu,
yoo lammiin lammii ajjeesuu, saamuu, hidhuu fi dararuu dha.
Inni aangoo dabarsus, inni aangoo kennus du’aa fi ajjeechaa malee
aangoo walii dabarsuu akka salphinaatti ilaala. Mariin, karaa
nagahaatin aangoo walii dabarsuun Habshoota biratti du’a, aadaa
badaadha, sirna cabsuu dha. Nagahaan wal bulchuu hin barbaadanis hin
beekanis. Aadaan isaanii, barmaatileen kunuunsanii wal-dhaalchisaa
asiin gahan jaalala, ollaa ofii waliin nagahaan jiraachuu osoo hin
ta’in aangoof jecha wal qaluudha, wal fannisuudha, wal hidhuudha.
Dhiiga walii dhangalaasanii, summii wal nyaachisanii aangoo walirraa
fudhachuudha.
Aadaa Habshootaa keessatti  nama namaan morme ajjeesanii, hidhanii
aangorra turuun, bara bittaa dheereeffachuun gootummaa dha. yoo ofii
dadhabanilleen akka aangoon nama biraa harka hin seenne maatiin wal
dhaalchisuun aadaa isaaniti. Aangoo haala kanaan qabatanitti
fayyadamanii aadaa, seenaa fi afaan ummattoota biraatti duuluun
balleessanii qabeenya ummatichaa saamaa jiraachun isaan biratti gocha
heebbifamaadha. Waan kalees har’as itti jiraniidha. Hidhaan, saamichi
fi ajjeechaan har’a wayyaaneen ummata Oromoorratti gaggeessaa jirtus
ittuma fufa deemsa aadaa fi sirna bittaa Habshootaa ta’uun ifaadha.
Osoo murni ISIS fi Alqaa’idaa jedhamu  kun  hin dhalatin  dura wanta
har’a ISIS dalagaa jiru kana kan ummata Oromoorratti dalagaa ture
bittoota Habashaati. Kan fagoo  fi dur durii dhiifnee kan namni ‘Astee
Teediroos’ jedhamu ummata Oromoo walloorratti raawwate yoo kaafnee
ilaalle humnaan mootii irratti ta’uuf jecha dhiiraaf dubartii, xiqqaa
fi guddaa osoo hin jedhin ejjetatti harkaa fi miila ciraa turuu
seenaan ifatti lafa kaa’eera. Minilikis  erga maatii fi firoottan isaa
fixee aangoo  humnaan qabatee booda duula Oromoorratti gaggeesseen
seenaadhuma Teediroos irra deebi’uun harkaa fi harma lammiilee Oromoo
Muruun yakka sukanneessaa, raawwateen bara bittaa fi saamichaa
dheereffate.
Inatala Miniliki Zawidtuu ajjeesuun kan Aangotti dhufe H/sillaaseenis
taa’ee rakkoo Impaayeerittii  keessa jiru karaa nagahaatin furuurra
cunqurfamtootarratti bara bittaa fi saamichaa dheereeffachuuf  jecha
akkuma aadaa abbootii isaa ajjeechaa fi dararaa itti fufe. Waggoota
44fis ummattoota Impaayeera Itiyoophiyaa keessa jiranirratti
keessumaawuu ummata Oromoorratti sirba bittaa fi hacuccaa diriirsee
yakka sukanneessaa raawwataa ture.
Kan gaafii cunqurfamtootaa butuun kan ofii taasifatee,  H/sillaasees
ukkaansee ajjeesuun aangoo dhuunfate Kolaneel Mangistuu H/Maariyaamis
gaafii sabaa fi sablamootaa belbelaa ture karaa nagahaan furuurra
akkuma abbootii isaa humnaan ukkaamsee, ajjeesaa fi hidhaa bulchuu
itti fufe,yaale. Kan mirgaa fi bilisummaa gaafate hunda akkuma aadaa
abbootii isaa gittoota bittaa Habshootaa ajjeesuu fi hidhuu
babalise.waggaa 17f Impaayeerri Itiyoophiyaas dirree du’aa fi
ajjeechaa taate dabarte.
Kufaatii Dargii booda  kan qabsoo saboota cunqurfamoo  gara dabarsuu
fi shiraan  aangoo Impaayeera Itiyoophiyaa dhuunfatte murni wayyaanee
ammoo mootummoota Habashaa ishiin dura turan kamirrayyuu  caalaa murna
hidhaa,  dararaa fi ajjeechadhaan bara bittaa fi saamichaa
dheeraffachuuf murattee kaate ta’uu mirkaneessite.  Haaluma sanaanis
kunoo waggoottan 24n darbaniif Imapaayerittii dhuunfattee
cunqurfamtoota keessumaawuu ummata Oromoo ajjeeftee, hitee saamaa
jirti. Fuunduraafis karaa nagahaatiin aangoo gadi dhiisuuf akka fedhii
hin qabne afaaninis, gochaanis  ifatti mirkaneessaa jirti.
Seenaalee mootummoota Habashaa darbanii fi wayyaanee ammaarraa
muldhachaa jiru kanarraa ka’uun  salphaatti wanti hubachuus ta’e
tilmaamun danda’amu amma  bittoonni Habashaa  darbaa dabarsaan  sirna
saamichaa fi  cunqursaa diriirsanii as gahan kun iddichaa hin
buqqa’initti Impaayeera Itiyoophiyaa keessatti aangoo karaa
nagahaatiin walitti dabarsuun hin danada’amu.
Impaayeera itiyoophiyaa keessatti akka karaa nagahaatin aangoo walitti
dabarsuun hin danada’amne kan kaleessaa arginee dabarree jirra, kan
wayyaanee ammaa ammoo akkuma argaa fi dhagahaa jirru murna karaa
nagahaatin aangoo dabarsuuf qophii qabduu miti. Inumaawuu sichi waggaa
50 fi 60f ummattoota cunqurfamoo Impaayeera Itiyoophiyaarratti karoora
saamichaa baafattee socho’aa jiraachutu ifatti  irraa muldhachaa jira.
Egaa dhugaa ifaa fi muldhataa akkasii Osoo arganuu wayyaaneen karaa
nagahaatin aangoo gadi nuudhiifti jedhanii diraamaa maqaa filannootin
gaggeeffamaa jirurratti hirmaachuun maal bu’aa buusufi…?,anaaf
gowwumaadha. Gowwummaa qofas osoo hin ta’in lammiirratti bara gabrumaa
fi saamichaa dheerressuu dha. Karaa nagahaatiin aangoo walii dabarsuun
aadaa isaanitii miti, aadaan isaanii  amma  qawween bu’anitti
taayitaa qabatanirratti cichuudha. Waan aadaa isaanii hin taaneerratti
yeroo ofii gubuun ammoo dhugaa lafarra jiru hubachuu dhabuudha,
raata’uudha.  Cida namaarratti harka dhahuuf argamuudha.Ittuu
saamichaa fi ajjeechaa lammiirratti jajjabeessudha.
Diraamaa amma maqaa filannootiin gaggeeffamaa jiru kana irraa ummanni
Oromoo faayidaa takkaa hin eegu, hin argatus, tarii namoonni murtaawan
mormitoota keessaa paarlaamaa galuu danda’u, yoo paarlaamaa taa’anii
iyyuu ta’e malee bilisummaa ummanni Oromoo dheebootee jiruuf  deebii
hin ta’u.  wayyaaneen injifatamtus murna aangoo gadi dhiiftuu miti.
Wayyaaneen Erga gaafii ummattootaa gara dabrsitee aangoo qabattee
waggoottan 24 darbaniiru, Filannoon fakkeessii 4s darbeera, kun 5ffaa
dha. mormitoonnis paarlaamaa galanii bahaniiru, Wanti karaa filannoo
fakkeessii kanaan dhufee  fi argame hin jiru. Inumaawuu falannooleen
darbanis ta’e kan ammaa akka wayyaaneen mootummaa dimookiraatawaa of
fakkeessitee maqaa saboota biyyattiitin hololttuu fi gargaarsa
guurrattu taasise, taasisaa jira.  Bu’aan cunqurfamtoonni filannoolee
darbanirraa argatan garuu hidhamuudha, dararamuudha ajjeefamuudha.
Filannoon ammaas kanaan addaa miti. Akkuma argaa fi dhagahaa jirru
maqaa filannoo fakkeesitii hololamaa jiru kanaan bakka marattuu ilmaan
Oromoo balleessaa tokko malee hidhamuu dha, ajjeefamuu dha, saamamuu
dha.
Egaan warri maqaa filannoo ifaa fi bilisaatiin wayyaanee injifannee
aangoo qabanna jedhanii  habjootaa  turanii fi jiran  dhugaa
Impaayeera Ityoophiyaa keessatti ta’aa turee fi jiru keessumaawuu
diraamaalee maqaa fialnnootiin wayyaaneen waggoottan 24n darbaniif
gaggeessaa turte of duuba deebi’anii ilaaluu qabu. Wayyaaneen gongumaa
murna karaa nagahaatiin aangoo gadi dhiisuuf qophii qabduu miti. Murna
ajjeesaa, hidhaa fi ukkaamsaa jiraachuuf murteeffattee socho’aa jirtuu
dha.  Akkuma arguu fi dhagahuuf  teenyu filannoon fakkeessii  darbee
osoo oolee hin bulin kunoo parsantii ammanaatin injifadhe jettee yoo
lallabattuudha. Yoo of  muududha.
Dhugaa kana namni beeku fi hubatu ammoo gama kamiinuu
wayyaaneerraayiin karaa  filannootin aangoo fudhadha jedhee hawwuus ,
eeguus hin qabu. Kan at’u qabu akkuma ABOn ganamumaan deemsaa fi amala
wayyaanee baree qabsoo hidhannoo morannoon irratti gaggeessaa jiru
fallii fi daandiin jiru irree tokkoon murna saamtuu fi weeratuu tana
gateettii ummata keenyaarraa buusuf qabsaawudha.
Namni kamuu karaa fala jedheen qabsaawun mirga isaa ta’us
Wayyaaneerraa kadhaa ykn maqaa filannoo sobaa fi fakkeessitiin aangoo
qooddanna jedhanii hawwii hin taanee, hawwii Tiitisarraa Damma Hawwuu,
hawwuun  dogongoraa fi hubannaa dhabuudha. Hubannaa dhabuun ykn anatu
beekaadhaan kan Wayyaaneerraa maqaa filannootiin aangoo eeguu yoo
jiraate  garuu Titisarraa Damma Eggudha, kan Tiitisarraa Damma eegee
dhabeef ammoo rakkoon kan Tiitiisaa osoo hin ta’in, kan nama
Tiitisarraa Damma Eggee  dhabee ta’uun hubatamuu qaba. Kanaafuu holola
maqaa filannootin gaggeeffamaa jiru dhiifnee qabsoo hidhannoo eegallee
jabeessinee itti fufuudhaan mirgaa fi bilisummaa saba keenyaatif
qabsoo keenya jabeesinee itti fufuun dubbii fardiidha!

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

AMALOOTA KUFAATII SIRNA ABBAA IRREE MIRKANEESSAN BEEKTAA?

Saphaloo Kadiir irraa. Sirnoonni Abbaa Irree kamuu amaloota wal fakkaatoo gaafa kufuuf qilee irra gahan …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *