Oduu Haaraya

Keemikaalli,Zayita nyaataan walfakkaatu odoo gara magaalaa Gimbiitti geeffamaa jiruu daandiirratti qabame

Wayyaneen Oromoo fixxuudhaaf karrorfattee jirtii.
Keemikaalli,Zayita nyaataan walfakkaatu odoo gara magaalaa Gimbiitti geeffamaa jiruu daandiirratti qabame.
OMN:Oduu Adol. 07,2015 Namooti Keemikaala zayita nyaataa fakkeessuun barmeela 18 gara Magaalaa Gimbitti geessaa turan Magaalaa Diggaa Irratti Poolisii aanichaan to’annaa Jala oolfaman.

Hogeessi Fayyaa OMN dubbise akka jedhanitti// Keemikaaloti akkasii kun Yoo soorataman dhukkuba Tiruu fi Kaanserii dhiigaa namarraan ga’uu Maluu jedhan.

Itti gaafatamaan Waajjira poolisii aanaa Diggaa Komaander Tashoomaa Mootummaa akka OMN tti himanitti, namni kun barmeela 18 Keemikaala Zayitii nyaataa Fakkeessuun Gurgurtaaf otuu gara Magaalaa Gimbiitti geessaa Jiruuti kan Qabame.

Waanti Zayitii nyaataati jedhamee fe’amee deemamaatti ture kun qorannoof gara Hospitaala Paasteritti akka ergame kan dubbatan Komander Tashoomeen, erga qoratamee booda Zayita Nyaataa akka hintaane nuu ibsaniiru.

Komaander Tashoomaan gaaffii fi deebii OMN waliin taasisaniin,
“Maalummaan keemikaala Sanaa sirriitti qoratamaa jira. Namni yakka sana dalages qabamee to’annaa mootummaa jala jira.”

Dhimma kana ilaalchisuun waa’ee rakkoolee Keemikaaloti waliin isaanii hinbeekamne kun namarraan ga’anii irratti Ogeessa Fayyaa Dr Abdulsamed Mohammed dubbisneerra.

Dr Abdulsamed hunda dura Maalummaan Keemikaala Sanaa qoratamee beekamuu akka qabu erga nuu himanii booda, Keemikaaloti amala Zayitii qabanii fi akka salphaatti zayita nyaataa waliin wal makatan hedduun jiru. Isaan kun kan qaama Namaa irratti balaa geessisanis ta’e hingeessisne ta’uu maluu Jedhan.

Hata’uutii Keemikalli sun kanneen fayyina namaa miidhan yoo ta’e dheerina yeroo keessa Madda dhukkuba Tiruutii fi Dhukkuba Kaanserii dhiigaa namatti fiduu malu akka Dr Abdulsamed Jedhanitti.

Dr Abdulsamed, Kaanseriin dhiigaa Maal akka ta’e erga nuu ibsanii booda, Isa kana addaan baafachuuf qorattooti, Keemikaalli sun Keemikaala attamii akka ta’e sirriitti qorachuu isaan feesisaa jedhan.

Dr Abdulsamed Mohammed, Itti dabaluunis Keemikaala sana qorachuu qofaa osoo hintaane, tarii Keemikaalli sun yeroo dheeraaf gabaarra kan ture ta’uu waan danda’uuf, iddoowwan Keemikaalli kun itti geessamaa turanii fi naannoon sun guutummaatti sirriitti hubatamee, Jiraattoti naannoo Sanaa Haalli Fayyaa isaanii maal akka fakkaatuu gadi fageenyaan qorachuun barbaachisaadhaa Jedhan.

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …