Oduu Haaraya
buna buna

Kitaabni Dhimma madda Bunaa Ilaalchisee qophaa’uusaan kan jalqabaa ta’etokko Hayyuu Oromoo tokkoon gadi ba’e.


Barreessaan kun Garramuu Hayilee Firrisaa jedhama. Lixa Oromiyaati kan biqile Hayyuun barnootaa, seenaafi qorataan kun digirii lammataasaas kan xumure barnoota seenaatiinidha. Obbo Garramuu..H. Firrisaa leenjiiwwan barnootasaa gabbisan hedduu kan qabu, iddoo jiruufi itti ramadamee hojjetaa ture maratti nama jijjiiramaaafi kijibaaf iddoo hinlaanne, dantaa sabaafi dhalootaa dursuun kan beekamu, waan haaraa kalaquun naannoosaatti lammiisaatiin jaallatamudha. Haaluma kanaan sammuu Waaqni isaa kenneen ijoollee Oromoo guddisaa kan ture ta’uusaa duubeensaafi barattoonni isarra baratan, hiriyoonni isa faana hjjetaniifi hawaasni naannoo inni jiraatu jiraatan dhugaa isaaf bahaniiru. Hayyuun akkasii kun jajjabeeffamus qaba. Garramuun, kitaaba kana yeroof akka addunyaan kun haqa uummata Oromoo kana beektuuf Afaan Ingiliziitiin qopheesse. Gara fuuladuraattis gargaarsiifi haamileen keessan yoo cinaa ta’e Afaan Oromoofi Afaan Amaaraatiin qopheessee saba hubachuu qabu hubachiisuufi mirga abbeentaa bunaa irratti uummanni Oromoo waamamuu akka qabu hubachiisuuf qophii mara xumuree jira; ga’umsa kanaas nama qabudha!. Haaluma kanaan warreen miidiyaarra jirtanis gaafannoo dhiyyeessuufiin hojii kana sagalee Addunyaa biraan geessistan haata’u,…akkasumas hayyoonni, dargaggoonni, barsiisonniifi barattoonni hojii boonsaa kana fudhannee babal’isuun waan keenya ta’e kana mirgasaa halagaaf akka dabarsinee hinlaanneef dhaloonni kun dhaamsa keenya dabarfachuu qabnu dhaloonni kun dhaamsa keenya dabarfanna…
Kitaabni kun kan inni ittiin adda ta’u keessaa muraasnisaa:
1. Waa’ee dhimma madda bunaarratti qorannoo jalqabaa ta’uusaafi ragaalee waggaa dhibba 600 oliitiin kan deggarameefi ragaa saayinsaawwaa ta’een kan dhiyaate ta’uusaa…
2. Seenaa sobaa halagaan booressiteefi dhimma argama bunaa ilaallchisee yaada waldhahaa ture haala qajeelaafi nama amansiisuu danda’uutiin hayyuun kun dhiyeessuusaa…
3. Leekchereraafi qorataa seenaatiin qophaa’uusaa …
4. Mata dureewwan kana booda qorannoo addaa addaatiif oolan mara of jalatti kan qabate ta’uusaa…
5. Hayyoota seenaa bebbeekamoofi qorattoota afaaniifi aadaatiin kan gulaalame ta’uusaa
6. Yaadota walfalmisiisaafi baay’ee dubbachiisaa ta’erratti deebii saayinsaawaa kan kenne ta’uusaa…..
7. Hojiin qophaa’e kun wiirtuu dhaabbata dhimma kanarratti gadifageenyaan qorachuu barbaaduuf utubaa ta’uusaafi
8. Mirgi abbentummaa(authentic right) bunaa Oromoon akka dhugumfatuuf carraa guddaa nuuf laata…
Barreessaa, barsiisaafi Leekcherera keenya Garramuu H. Firrisaatiin baga gammadde jechaa, hayyoonni keenya ammas waan qoratamuu qabu mara qoratanii addunyaatti agaarsiisuudhaan boojuu seenaa nujalaa danqaman akka iddootti nuuf deebisaniif waamicha seenaa dabarsina. Kana booda iyyi dhimma Oromoo nibanbana!!!

TEESSOO ARMAAN GADII KANAAN BARREESSICHA JAJJABEESSA, OONNACHIISAA, SICINAA JIRRA JEDHANII—Hayyuun kun ammallee hojii gurguddoo harkaati qaba!!!
Email. geremewhaile@gmail.com
Bilbila. 0911073633

Check Also

a

Kuusa jechoota Afaan Oromoo Ramaddiin isii maqaa. (noun) A Qubee 1 Jechi kun akkmitti dubbifma? …