Oduu Haaraya

KORBOO SHEEKKOTAA

 

                               Taammanaa Bitimaa irraa

DURADUBBII
Dubbiftoota barreeffata kanaa jaalatamoo fi kabajamoo, kanaan dura dhaamsa kanatti aanee jiru isiniif dabarseen ture: “kunoo harra irraa jalqabeen mataduree “KORBOO SHEEKKOTAA”, jedhamu kana jalatti sheekkota gaggabaaboo (“short stories”) tan addaddaa isinii dhiyeessuuf yaala. Egaa kunis akkuma yeroon naaf hayyametti. Isin warri kana duukaa-buutanii dubbiftan akka itti gammaddan abdiin qaba.”Dabaleesoo, yeroo dabre sheekkoon: “1) HARKA TOLAA BALLEESSUU DIDE“, jedhamu akka mandheedhuma tana irratti baye kabajaanan isin yaadachiisa.

 

2) WALLAALUMMAAN BOONAA

Amma qilleensi Shaggar gammachiisaa miti. Kunoo, gara iyya-indaanqoo irraa kaasee hamma ammaattuu roobaa jira. Roobni kun kan harfixoon walsimate waan tayeef, oggaa keessa deeman nama waxala. Dabalee Uumaa waan beellama qabuuf, otuma bokkaan gadi-galaanuu manaa baye. Daatuun harkatti qabatee baye sunillee bokkeenya sirriitti irraa dhoowwuu hin dandeenyee, uffanni isaa xoolayee jira. Inni naannoo Birbirsaatti (Piyaassaatti) beellama namoota lama wajjin qaba. Tokko ilma eessuma-saatii wajjin yoo tahu, kaan immoo hiriyaa isaa takka tan: durayyaa, jidduyyaa fi oliyyaa-tti waliin baratan wajjini. Inni jara lachanuu bakka tokkoo fi yeroo tokkotti beellame.

Egaa, akkuma uummata Oromootti yeroo beellamaa sirriitti eeguun, akka yeroo Oromootti saafaa-dura sa’aa kudhanitti, mana-keekii isa mana manarraa, kan fuullee mana muuziqaa Abbaa-Doorii Abbaa-Diggaa jiruu sana dhaqqabe. Dabaleen fooqii fokkisaa, fokkisee Shaggar shaggaa biyyaa fokkisiise sana yoo hin jaalanneyyuu, waan jiddugaleessa tayeef, achitti isaan beellamuu dandaye.

Dubriin Dabalee Uumaa, Keelloo Magarsaa, namicha tokko kan hiriyaa-hojii waliif tahan fideetoo dhufe. Jarri lachuu mabba (unbarsitii) Finfinneetti wajjin xinjiree baratanii xumuruun, amma waajjira dhuunfaa tokko keessa wajjin hojjachaa jiru. Dabalee Uumaa waan jara sadan dursee bakka beellamaa gayeeef, shaayii ajajatee dhugaa jira. Inni erga Paaris, Biyya Faransaa irraa Shaggar dhufee kunoo bultiin afur guutera. Silaa nama biyya alagaa jiraate fi deebiyee galetti, waan biyyaa hundatuu itti-mi’aawaa inni ammallee shaayii Shaggar dhugee hin quufne. Dur, waggaa saddeet dura otoo Biyya Faranjii, Oroppaa hin ceyin, wanni Shaggar kan inni jaalatu yookaan otoo hin arrabsin dhuguu fi nyaatu, akaayyii fi bishaan Shaggar isa damma san qofa. “Biddeenni harka-harka jedha, itti-nyaanni barbareen weerarame, farshoon bishaan lagaa taye, bunni manneen bunaa dhamdhama buna biyya keenyaa hin qabu, — ” jedheetoo wanni inni hin komannee fi hin shokanne hedduu miti. Kunoo, biyya ambaatu biyya ofii kan dur caala nama jaalachiisaa, hardha waan Shaggar waan hedduu jaja, waan hedduu saada, waan hedduus faarsa.

Keelloo Magarsaa hiriyaa isaa, kan Aassaggid Geetaahuun jedhamu Dabalee wajjin walbarsiise. Amma kaan buna-aannanii, kaan immoo buna duwwaa, kaanis shaayii xoosanyii ajajatanii keekiis irratti dabalchaa jiru. Keelloo Magarsaas akkuma dubrii isaa, akka Dabalee Uumaa nama tapha jaalatu waan taheef, tapha hoo’aa irratti argamu. Dabaleen nama dira Shaggar, golobee Eekkaa keessatti dhalatee guddate. Ammoo, dubriin isaa dhalootaan nama Hara Maayaa ti. Hiriyaan Dabalees, Kumanii Gonfaa lammii Oromoo waan taateef, namoota amma wajjin haasawaa jiran keessaa kan Afaan Oromoo hin beekne, Aassaggid Geetaahuun qofa. Innis akkuma Dabalee Uumaa nama Shaggar keessatti dhalatee guddate.

Amma jarri sadanuu Aassaggid-iif jedhanii Afaan Amaaratiin haasawaa jiru. Booda haalli kun waan Dabaleetti hin tolleef, akka inni Afaan Oromoo beeku gaafate. Yoona Aassaggid Geetaahuun akka boonuu fi akka dallanuu taye. Eenyumtuu fuula isaa irraa kana beekuu waan dandawuuf, Dabaleen: “Afaan Oromoo beektaan siin jedhe mee, beekta moo hin beektu?” jedheeni. Akka abbaa lafaa, keessummaa nafxanyaa baacaa, isa ciisii ofiitti dubbatuu of-gochaa “maal afaan kana hin dandawuu, kuni gaafii maaliitti-mmoo? “, jedheen of-tuulaa, of-guuraa, fuula of-cilaattessee, adda isaa qoncoorsuun hoddhaa gundoo fakkeessee!

Ennasuma Dabalee Uumatiif dubbiin galte. Jennaan Dabaleen naamusaan of-qabee: “asuma Shaggaritti dhalattee mitii?” “Ee, ani namuma Shaggarikaa“, jedheen akka boonuus, akka caaquus tayeetoo! “Warri kees asumatti dhalatani moo gara biraatii dhufani?” “Abbilee kiyyaa fi aayyoo tiyyatu dursee Gondor irraa as dhufe. Isaan Gondoroota boontota hiriyaa hin qabne.” Namticha kanaaf nama keessaa Amaara, Amaara keessaa immoo Gondoreetu caala. Sammuu isaa keessa walqixxummaan ilmoo namaa maxxaana wayiittillee dhokatee, waan jiru hin fakkaatu. Booda Dabalee Uumaa: “erga asitti dhalattee Afaan Oromoo keessaa sagaleewwan tokko tokkollee hin wallaaltukaa”, isaan jedhe. “Lakki, ani waan tokkoyyuu hin beeku.” “Waawuu, dubbii hoo’ifte malee, jechoota lamaa-sadii beekuu hin ooltu! Namni Shaggaritti dhalate, keessumaa yeroo ammaa kana, yommuu guyyum guyyaan telebiishinni Afaan Oromootiin dabarfamu, waa dhagawuun isaa hin hafu.” “Abboo, ani homaayyuu hin beeku. Kunimmoomaal naaf godha jetteeti?” Himtii namticha kana keessa of-tuulummaa sonaan guddaatu asiinis, achiinis jamamamee ciisa. 

Keelloo Magarsaa fi hiriyaan Dabalee Uumaa, Kumanii Gonfaa, hamma yoonaatti haasawa kana keessa hin seennee, callisanii jara lamaan dhaggeeffachaa jiru. Amma Kumanii Gonfaa: “Akkam afaan kun maal naaf godha jetta? Afaan Oromoo isa guddicha dhiisitii afaan xinnaan, namni 70 000-ni dubbatuyyuu beeknaan gaarii dha. Keessumaa as Toopphiyaa, impaayera afaanonni 77 dubbatamanitti, akka eegee re’ee afaanuma tokkicha duwwaa rarraafatanii deemuun nama hin baasu. Afaanota lamaa-sadii, dandeenyaan immoo sanaa ol beekuun faatii dha; badhaadhina!“, jetteen buna-aannanii kubbaayyaa keessaa habbuuqqachaa, ija ishii isa akka baatirii dhagaan isaa reefu bitameetti ifu sanaan hunda isaanii mimildhachaa. Yoona Aassaggid Geetaahuun akka dheekkamuus, akka mufachuus taye. Silaa dhipphinnii fi duubatti-hafiinsi golum golaan jiruu, Afaan Oromoo dubbachuun waan isa qaanessu;afaan namoota kitila 55-iin dubbatamuu kana beekuun waan afaan Amaaraa isa jalaa tuqu wayii itti-fakkaate.

Dabalee Uumaa isa Kumanii Gonfaa jettetti daran gammade. Fuulli isaa gurraachi bareedaan, inni akka nuugii mooyyeetti tumamee bayyeetti cululuqee miidhaguu sun, gammachuu isatti dhagayame sirriitti muldhiisa. Akka waan ibsaan gaafa gubaa fuula isaatti qabamee ifuutti bakkalchoomee muldhata. Gammachuu isaa kanas dhoksuu waan hin barbaanneef: “dubbiin obboleettiin too Kumaniin jette kun, dubbii sonaan cimaa taye. Dubbichi beekumsa guddaa fi kan tujuba-qabeessa taye of-keessatti hammatee jira. Afaan Oromoo afaan ganda wayii, afaan gosa xiqqaa wayii, afaan saba bicuu wayii fi afaan biyya maddee wayii sitti hin fakkaatin. Yoo feete bakka amma jirtu kana, Birbirsa wiirtuu Shaggarii fi wiirtuu Oromiyaa irraa kaatee hamma Maanya Hindiitti dubbachuu dandeessa. Oromiyaa baldhoo keessatti qofa otoo hin taane, Keeniyaa fi Somaaliyaa Kibbaa keessattis ittiin-dhimma bawuu dandeessa. Akkuma Kumaniin jette, afaan xiqqaa tokkoyyuu beekuun kennaa dha; badhaadhina. Nuti dukkana wallaalummaa isa ginni-bittee Habashaa nutti fe’e keessa teenyeti malee, harra biyyoota qaroomina ammayyaatiin sokkan, isaan saayinsii fi teeknolojiin ruuda qaxxaamuran keessatti, ijoolleen jidduyyaa fi oliyyaa irraa kaaftee afaanota alagaa lama yookaan sadii barachuu dha qabdi. Dabaleesoo, nama tokko afaan naannoo isaa beekuutu isa boonsisa malee, wallaaluun waan isa boonsisu tahuu hin qabu.

Namni tokko Maqaleetti dhalatee guddatee, Afaan Tigree wallaaluun waan isa boonsisuu miti. Akkanuma ani Gondoritti guddaddhee, yoon Afaan Amaaraa hin dubbaddhu tahe, waanan itti leeyyawu malee, waanan itti boonuu miti. Ati yaa obboleessa koo, hiriyoota kee isaan Afaan Oromoo dubbatan jidduu, as Oromoota walakkaa, Oromoota wajjin uumurii kee guutuu jiraattee sagalee tokkollee hin beeku jechuun kee raajii dha. Ilaakaa, kanatti boontee of-tuuluun kee wallaalummaa dha malee, beekumsa miti. Kan jaanjoffee (“faaraa”) nama jechisiisu malee, kan araadoyyee nama jechisiisuu miti. Haatahu malee, ani nama maaf ati afaan kiyya hin dubbanne jedheetoo sitti dhaadatu hin sehini. “Qurciidhaan yoo qurcii jedhan malee, maaddiitti seenee borca. Booda keessa kuteeyyuu afaanan si kaaya namaan jedha, kan jedhamu mammaaksa uummata keessanii, kan Amaaraan si yaadachiisuu fedha. Hundumtuu geeddaramaa deema. Dhagaanillee: rooba, lolaa, galaana, dambalii, cabbii, shuula, bubbee fi obomboleettii fayiin jijjiiramuun isaa waan beekamu. Geeddaramni lubbuu jireenyaa fi jiruu ti.

Hamma yoonaatti dubriin Dabalee, Keelloo Magarsaa, riphee dhaggeeffachuu malee, kana irratti yaada ofii hin kennineeyyu. Dubbiin deemaa jiru kun, waan isa hin gammachiifne fakkaataa, jara gara yaada biraatti ceesisuuf jedhee: “maal kun mee kan nama tokko jaanjoffee jechisiisuu mitii!” Dabalee Uumaa akka abbaa alangeetti qubbeen isaa qaqallayyoo sana asii fi achi daddaaqsaa: “kan wanni akkanaa jaanjoffee hin jedhamne maaltu jedhamaree? Shaggar mee magaalaa guddicha dirbantii (“metropolis”) tayee! Dirbantii kana keessa kan jiraatu Amaara qofaa miti. Uummatoota baay’ee kan garagaraatu keessa jiraata. Afaanota hedduu kan addaddaatu keessatti dubbatama. Magaalaawwan guguddoon Dirbantii tahan karaa aadaas buburree dha. Aadaawwan danuutu isaan keessatti walsimata. Cuukkoo, caccabsaa, qincee, qorii, dhoddhoobboo, jikita, hollataa, qummushii, laaffisoo, qimxoo, dinnicha Oromoo, hancootee, qoqqocaa, jimaa — Oromoo nyaachaa; buna, itittuu, kantaraa, shaameta, bushbushii, bordee, daadhii — Oromoo dhugaa, handhuura Oromiyaa irra Oromootaan marfamii jiraachaa, otoo hireen jirtuu Afaan Oromoo lagachuun, dabraniituu gadi-xixiqqeessuun waan nama hin baafne.

Dhugaa dha; qotee-bulaan Mooxaa faa yookiis kan Sulultaa faa maaf afaan ormaa hin dubbanne hin jedhamu. Inni afaan biraa barachuu fi dubbachuuf carraa tokkollee, haala mijaawaa tokkollee hin qabu. Eessattuu qotee-bulaan afaanuma abbaa isaa qofa dubbata. Garuu, namni magaalaawwan guguddoo akka Shaggar keenyaa keessa jiraatu adda. Haala addaatu nama addaa isa taasisa. Ammaan tana: Londonitti Afaan Ingilizii qofa, Paarisitti Afaan Faransaa qofa, Barliinitti Afaan Jarmanii qofa, Roomaatti Afaan Xaaliyaanii qofa miti, kan dubbatamu. Kanaafan sagalee jaanjoffee jedhamtutti dhimma baye.

Sana booda Dabalee Uumaa: “Ilaa kuunnoo argitaa!” jedhe, gara qarmammeettii manduree (barandaa) fooqii amma irra taa’anii haasawaa jiraniitti, quba-elemaa qabaa! “Ee, kuunnoo nan arga!“. “Mee maaltu achitti barreeffamee sitti muldhachaa jira?” “Afaan Arabaa, Afaan Faransaa, Afaan Xaaliyaanii fi Afaan Ingilizii gatii salphaan barsiifnaa, mee as koottaa jedha!” “Argitee gaaf tokko, gaafa biiftuun ganamaan baatee sirriitti nuuf iftu, dursanii otoo baargama hin ceene, isuma funyaan keenya jala jiru, as goraatii baraddhaa kan nuun jedhutu argama. Maal jette naan jedhi, otoo lubbuun tee jirtuu iddoodhuma sanatti: “Afaan Oromoo, Afaan Somaalee, Afaan Afaar, Afaan Sidaamoo, Afaan Hadiyyaa, Afaan Walaayitaa faa isin barsiifnaa koottaa itti-gammadaa kan jedhu agarta!” “Mee Waaqni kanuma nu haa dhaqqabsiisu!”, jedhe Keelloon, ammas dubbii qabbaneessuuf. Kanaa achi Dabalee Uumaa dubbii biraa itti hin fufne. Waan Qaallittii-tti beellama sa’aa kudhashanitti qabuuf, sa’aatii harkaa ilaallachaa herrega baasuuf, faadduu (keessummeessituu) waame. 

Waan faadduun sun uffata-hojii isa baqqala-faajjitiin jifaaramee alaabaa Oromiyaa agarsiisu: koofiyyaagurraacha, qomee diimaa fi dalgee adii uffatteef, Dabalee Uumaa ishii fi abbaa mana-keekii sanaa danuu malaalfate. Onneen isaa dhadhaa gammachuu dhuguun qabbanoofte. Qalbiin isaa sorsa gammachuu ulachuun urgoofte. Akkanuma garaan isaas daadhii isa booka dhuguun mirqaane.

Dabalee Uumaa herrega baasee, hojjattuu sanaaf shurgee (“tip“) qunnaan hammaaree kenneefii olka’e. Jara maraan “nagaan oolaa!” jedhee, Keelloo Magarsaa wajjin gara dhaabbii taaksiitti qajeele. Amma samiin Shaggar bishaan gadi-dhangalaasuu dhiisee jira. Kanaaf, Dabaleen aduu saafaa qaqqaammachaa taaksii wayyaalaan akkuma amala isaa: “guute, guute, guutekaa ka’uufii nama tokko duwwaatu hanqate“, jedhee wawwaatuuf sana yaabbatee, Keelloo wajjin gara Qaallittii-tti finxiriire.
Bishooftuu, Waxabajjii 2000
**************    //    **************

 

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Qeerroon lafaa ol ka’i mirga kee kabachiisi Hayyoota keetis hiksisi

PRO.Mararaa Guddinaatiin Yaa Saba Bal’aa !! Akkuma beekamu yeroo ammaa kana haala rakkisaa fi yaaddessaa …

One comment

  1. This is never what we expect.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *