Oduu Haaraya

”L O O K O O ”——KITAABA YEROO LAMMAFFAAF BAHEDHA!!!!

 

Kitaaba kana bara 2012’tti mata duree ‘LOOKOO JAALALAA’ jedhuun maxxansuukoo warri argattanii dubbistan niyaadattu ta’a. Ammoo torbee lamaan darbe kanaa ka’ee irra deebi’amee fooyyeeffamuun jecha ‘JAALALA’ jedhu biraa hambisuun ‘LOOKOO’’ kan jedhuun maxxanfamee Oromiyaa mara keessatti raabsamuurra jira. Namni barruu kana akkasumaan fudhatee baldhinaan saba Oromootiin naaf gahe qomookoo ta’uu baatus galateeffachaa isaaf qabeenya, anaaf seenaa ta’uusaatti carroomeen jira. Ergaa, dhaamsaafi imaanaa ‘LOOKOO’keessa jiru akka dhmadhamtaniif waamichakoo siniif dabarsa. Oromoo!! aartiin keenya eertuu walabummaafi birmadummaa keenyaa ta’uushee hindagatiinaa….!!

‘’L O O K O O ‘’

Murxuxxee bara kanaa halangaa micciiramtuu
Duubaan jaalala fakkaatee jibba foon nama nyaatuu

Duubni dibata dhadhaa keessi sum’ii bofaatii
Xurreen xiiqii waamattee dachee gubbaa walhaatii

Waan keessi namaa baatu gumbiif gootaraa cabsaa
Ba’aan yaaddoof gidiraa qoleeyyuu nama dabsaa

Roorroon yoo bubbulte mataas gadi cabsiti
Qalbii nama bubbuttee sammuufaa joonjessiti

Gaaffiin mar’immaan keessaa dhikkifanni onneedhaa
Seenaan nama hinlakkisuu maxxantuu akka hapheedhaa

Hiikkaan jiraachuuf du’uu yoonarganne furmaata
Wallaalaa guungumee hayyuutu hamuummata

Kumaatamni qeerrookoo kitilli qarreewwanii
Dheebuu waggaa kumaati abdiin kan wal eeganii

Harkisni humna dachee lookoon haatii hundumaa
Gatii birmadummaatiif kaffaltiim lubbuu dhumaa

Hiree murteeffannaafi gaaffiin abbaa biyyummaa
Of keessaatti kan qabdu Lookoonkoo lookoodhuma

Dubbisa gaarii…

Beekan Guluma Erena
Harvard University
50B Linnaean Street
Cambridge, MA 02138
Tel. No (617) 949-6489
Email.beekangulummaairranaa@gmail.com
hayyuubeekan@gmail.com

Check Also

a

Kuusa jechoota Afaan Oromoo Ramaddiin isii maqaa. (noun) A Qubee 1 Jechi kun akkmitti dubbifma? …