Oduu Haaraya

Labsa Waloo THBO fi GQM-ABO

Waxabajjii 16, 2013

 

LABSA WALOO

 

Mootummaan Itoophiyaa kan Adda Bilisummaa Ummata Tigraayin (ABUT hkn TPLF) dursamu shoorarkeessummaa isaa caalatti itti fufuudhan gidiraan inni ummata Oromoo irraan si’ana gahaa jiru haalan yaaddessaa waan ta’eef dabalees, haalli qabsoon bilisummaa saba Oromoo yeroo ammaa keessa hulluuqaa jiru har-malee hoorsaa ta’uu isaarraan kan ka’e, Tokkummaan Humnoota Bilisummaa Oromiyaa (THBO) fii Gurmuun Qabsaawota fi Miseensota Adda Bilisummaa Oromoo (GQM-ABO) haallan sardaa ta’an kanaaf yaada furmaataa soquudhaf walgahii marii godhanne. Kana irraa ka’uudhanis, tokkummaan jaarmyoolee bilisummaa Oromoo akkaata itti mirkanaahuu danda’u, darbees fala qabsoo saba Oromoo sirneessee ummata Oromoo badii diini irran ga’aa jiru irraa hanqisuu malu irratti yaada wal-jijjiiruf yaalii goone.

 

Nuti, THBO fi GQM-ABO, haaluma kanaan bu’ura bal’aa ta’an irratti yeroo adda addaa walgahuudhan marii gaggeeffannee jirra. Bu’uroota mariin irratti godhame keessaa kan ijoo ta’an: (1) Balaa mootummaan ABUTin dursamu saba Oromoo irraan gahaa jiruu fi haalli ummanni keenyaa itti jiru, (2) tokkummaa jaarmyoolee bilisummaa Oromiyaa fi qabsaawotaa akka barbaachisaa ta’etti itituu dhabuu irraan kan ka’e, waayeen tokkummaa ummata keessatti nuffissiissaa fi abdii kutachiisaa ta’a dhufu isaa, (3) rakkoolee qabsoo bilisummaa korkodanii qaban, fii (4) malaa fii fala rakkoo deddiibi’ee qabsoo bilisummaa saba Oromoo gaadi’u keessa baasan fa’a. Gadi fageenyan qabxiileewwan kana irratti erga mari’anne booda, labsa waloo kana baasnee jirra.

 

Mootummaan ABUT (Tigree) balaa inni saba Oromoo irratti dhaqabsiisaa jiru siyaasaa, diinagdee, fii hawaasumaa ummata keenya irratti dhiibba inni qabu sirnaan toohachuudhan, gocha mootumichaa THBO fii GQM-ABO akka armaan gadiitti addeessanii jiru:

 

 

· Haala jireenya saba Oromoo guutuudhumatti balleessaa jira; caalattuu barbadeessudhaaf halkanii- guyyaa irratti dalagaa jira;

 

· Ummata Oromoo dhimma siyaasa biyya isaa ilaalu irratti qooda akka hin-qabaanne taasisee jira; inumaahu dirree siyaasaa dhiphoo, kan jaarmya maqaa Oromootin ijaaree maxxannee isaa godhateef hayyameef illee mulquudhan saba Oromoo siyaasa irraa guutumatti moggaatti baasee jira;

 

· Karaa diinagdeetin, jireenyaa Oromoo hudhuudhan guutun saba keenyaa akka hiyyummaa gara- hinqabneef saaxilamu godhee jira;

 

· Ummata Oromoo, baadiyyaa fii magaala irraa, qe’ee abaabayyuu fii akaakayyuu isaaniirraa humnaan buqqisee lafa isaanii tujjaaroota biyyota alaati (kan wara saba isaani rakkoo nyaataa irra baraaruuf dachii qonnaa adamsanii) fii kanneen biyya keessaaf (kan akka soorayyiiwwan Tigroota fi kittillayyoota isaanii fa’aaf) kireessee jira; gariis bu’aa hangana hin-jedhamneen lafa saba keenyaa gurgurachaa jira.

 

· Ummatoota bara kumaatamaaf ollumma fii obbolummaan waliin jiraachaa turan walitti buusee lubbuu namaa fii qabeenya Oromoo barbadeessee jira: Fakkeenyaaf, dhiheenya kana Oromoon Anniyaa shira kanaan lafa abaabayyuu isaarraa buqqifamee jira; akkasumattillee, lolli kana fakkaatu Mi’eesso fii ona Jaarsoo keessatti lubbuu nama hedduu galaafateera;

 

· Haala naannawaa Oromiyaa irrattis jeequmsaa uumaa jira. Oromiyaa keessa bakka gariitti inumaahuu beekaa bosona fii daggala uumaa barbadeessaa jira. Ilu Abbaa Booraa keessati daggala Mootummoota Tokkoomen (UNESCOn) galmeeffame, bosona bunaa kan Yayyuu barbadeessuun gidiraa ABUTn Oromiyaarrattu hojjate keessa tokko;

 

· Dargaggeeyyii Oromiyaa kan misoomaan biyya guddisu malan mana hidhaatti naquudhan, guddina diinagdee fii hawaasummaa haalan qancarsee jira; guutumatti ummata shoorarkeessudhan misoomaa irraatti qaamaa-qalbii guutudhaan akka hin-bobbaane sakaalee  guddina biyyaa hanqisaa jira;

 

· Ummata shoorarkeessee kum-dhibbootaan qe’ee isaaniirraa akka bu’qanii, biyya ambaa, biyyoota ollaa fii Arabatti baqatan; baqattoonni akkanaas akka jiruu hadhooftudhaaf saaxilaman,  gariin isaani ammoo laga lixanii dhihan qurxummii tahuudhaan akka dhuman godhe jira;

 

· Duula waraanaa kan duguugiinsa shanyii dhoysatti Oromotti bobbaasee jira; dulla kana osuma arganuu biyyoonni addunyaa ijaafii gurra cufatanii irraa cal’isanii jiru.

 

Mootummaa Itoophiyaa kan ABUTiin hogganamu, yakka inni ummata Oromiyaa irratti hojjachaa jiru kana maraafu cimsinee balaaleeffanna. Hawaasni addunyaatiis iyyannoo ummata Oromoo kana dhagayanii haala hamilee fii itti gaafatama-qabeessa taheen akka dirmatan yaamicha goonaaf.

 

Weeyrara ABUT guddaa herreguun nama dhibu kana THBOn fii GQM-ABO duubatti mil’atanii xiinxaluudhan, osoo humnootni siyaasaa Oromoo mana isaanii qulqulleessanii qindoominan hojjatanii haalli badaan abdii nama kutachiisu kan armaan olitti ibsame ummata Oromoo irra akka hin geenye hubannee jirra. Dhugaa akka aduutti mul’atu kana hubachuudhaan, humnootni siyaasa Oromoo tokkummaa fii qindoominaan akka hojjatan yaadachiisuu feena.

 

Tokkummaa jaarmayoota siyaasaa irratti shakkii fii mamii ummanni Oromo qabu hubachuudhaan THBO fii

GQM-ABOn yaamicha asii gadii godhu:

 

 

· Jaarmyoonni walaba tahan hundi waan afaanii fii xalayaadhaan jechaa turan hunda hojiidhaan mirkaneessanii ummata irraa amantii akka horatan;

 

· Jaarmayoonni Civikii Oromoo (jaarmayoonni hawaasummaa, kan amantii, kan daldalaa, kan barnootaa fii qorannoo akkasumas kanneen kana fakkaatan) biyyaa fii biyya ambaa jiran hundi jaarmyoota siyaasaa Oromoo karaa ijaaraa ta’een dhiibanii tokkummaan isaanii shafisaan akka mirkanaawu irratti akka hojjatan;

 

· Ummani bal’aan Oromoo, abbichi haajaa siyaasaa Oromiyaa, qabsoo keessatti qooda fudhannaa isaa daran olkaasudhan, projektii ofii kan biyya dhugoomfachu, kan Oromiyaa bilisoomsuu irratti akka bal’innaan bobba’u;

 

· Hayyoonni Oromoo haala hatattamaa kan yeroo ammaa sabni Oromoo keessa jiruuf furmaata soquuf ogummaa qaban hundi Oromiyaan yoomiyuu caala akka isaanitti dhimmamtu qalbeefachuudhan, osoo

 

rakkoo jirtu arganii akka nama hinagareetti bira darbuu hkn miliquu dhiisanii, akka rakkoo saba keenya mudateef furmaata barbaadan;

 

· Namoonni moggaa taa’aanii jarmyoota siyaasa Oromoo karaa ijaara hintaanen qeeqan hundi, jarmyoota irraa ala ta’uu dhiisanii keeysa galanii qooda fudhachuudhaan rakkoo obsa fixachiiftuu qabsoon Oromoo keessa jirtu kanaaf furmaata akka laatan.

 

Rakkoo qabsoo bilisummaa Oromoo haga ammaa qabate kanaaf furmaata bu’uraa arguufin kan dadhabameef tattaafin haqa-qabeessa kanaan dura waani hir’ateefi. Waloodhaan rakkoo dhalateef yeroodhan furmaata soquu dhabuun kuni deebisee qabsoo bilisummaa Oromiyaa baay’eee gara duubaa harkisee jira. Haala kana mara hubachuudhaan jaarmyoonni siyaasaa Oromoo xiyyeeffannaa guddaa laataniifii, rakkoo balbeltuu amma biyya keenya harkaa qabduuf, osoo yeroon hin dabarre jarjarsaadhan furmaata waloo akka laatan iyyanna.

 

Gama isaaniitiin THBO fii GQM-ABO yaada furmaataa kan rakkoo tanaaf qaban gumaachuuf qophaawoodha. Furmaatni kuniis kan qabsoo bilisummaa Oromiyaa karaa qaceelaa taraarameef irratti deebisu taha. Jaarmyoonni bilisummaa Oromoo kanneen biraatiis karuma kanarratti hojjachaa jiraachuu isaanii

hubachuudhan, THBO fii GQM-ABO tattaafii ijaaraa akkasii eebisaa, furmaani waayee tokkummaa jaarmyoota bilisummaa Oromoo dhugoomsu haala shafisaa fi qindoominaan akka waloodhan irratti hojatan kabajaadhan hunda gaafanna.

 

Tokkummaan Humna!

 

Tokkummaa Humnoota Bilisummaa Oromiyaa (THBO)

Gurmuu Qabsaawota fii Miseensota Adda Bilisummaa Oromo (GQM-ABO)

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

The Pathognomonic Syndrome of Settler-Colonial Abyssinia’s Psychology

Part 1 Odaa Hora  Most of the accomplishments of human activities in daily life, ideas: …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *