Oduu Haaraya

Lafeen ilmaan Oromoo bara 1980moota keessa mootummaa Darguutin, baroota 1990moota keessa ammoo Wayyaaneen dhoksaan kaampii waraanaa Hammarreessaa keessatti ajjeefamanii argame.

Ilmaan Oromoo mooraa san keessatti hidhamanii booda
ajjeefaman keessa wallisaan beekamaan Musxafaa
Harawwee isa tokko. Musxafaa Harawwee wallee
qabsoo inni baasaa tureef jecha qabamee yeroo
dheeraaf erga hiraarfamee booda toora bara 1982
keessa ajjeefame.
Hiraar Musxafaarra geessifamaa ture keessa tokko aara
wallee isaatirraa qaban garsiisuuf muka afaanitti
dhiibuun isaa cabsuun ni yaadatama.
Baroota 1990moota keessas Oromoonni
kumaatamaan tilmaamaman warra amma
aangorra jiru kanaan achitti hidhamanii, hedduun
isaanii achumaan dhabamuun yaadannoo yeroo
dhihooti.
Haqxi dukkana halkaniitiin ajjeesanii lafa jalatti
awwaalan kunoo har’a rabbi as baase.
Dhugaan Oromoo tun kan amma as bahe, hammarreessaa
mootummaa kaampii waraanaa kana diiguun warra
lafa isaa warra Turkiitiif kennuuf osoo qopheessuuf
yaaluti. Lafee warra dhumee akkuma arganiin dhoksaan achirra gara biraatti dabarsuuf osoo yaalanii hojjattonni ummata naannotti iccitii san himan. Ummanniis dafee wal-dammaqsuun bakka sanitti argamuun ekeraan nama keenyaa akka achii hin kaafamneefi siidaan yaadannoo akka jaaramu gaafachaa jiranHamma feetes turtu dhugaan Oromoo awwaalamtee hin haftu.Walleelee Musxafaa Harawee keessaa tokko kan armaan gadiiti.

Maddi; oromos.com

Check Also

kfo

Walii galtee biyyaalessaarraa baqachuun gaaga’ama biyya keenyaa rakkisaafi wal-xaxaa taasisaa Jira

Haala Yeroo Ammaa Itoophiyaa Keessa Jiru Ilaalchisee Ibsa Kongiresii Federaalawaa Oromoo-KFO (Oromo Federalist Congress – …