Oduu Haaraya

Oromummaa fi Qabso Oromo Eenyummaa fi Birmadummaaf

Oromoo Oromiyaa irratt mirga dhabsiisuuf diinni eenyummaa isaan akka ummata walaba tokkoott qaban haquun Oromiyaa irratt abbumaa saanii haaluu fedha. Garuu jagnooti Oromoo bilisummaa dheebotan gaarreenii fi sululoota  biyya abbaa saanii keessaa lafa raasaa jiru. Diinni ilkaan raafame buqqisuu malee fala hin qabne. Garuu sana eenyutu shaffisaan godha?

Caalaan dhaabotaa malbulchaa maqaa Oromoo dhahatan Oromiyaa keessatt hojiin silaa irratt xiyyeeffachuu malan irraa maqa jiru. Ugganii waan labsatan hojiirra oolchuu utuu hin ta’in waamicha “tokkummaa,  walitt baquu, walii tumsuu”jedhu tarrisaa ooluuf waan umaman fakkaata. Akeeki sagantaa malbulchaa saaniin labsame hariiroo ambaa qofaa jedhameetu. Kanaafi afaanii fi hojii saanii gidduu walfincilli kan mullatu. Kanaafi Wayyaaneen bitintiraa jirtu kan silaa duri gaggeeffamtu badisa hin eegamne kan geessisaa jirtu. Nuti eenyu, eessaa kaanee eessa geenye, eessatt qajeeluuf jirra? jennee wal yaadachisuu nuffuu hin qabnu. Oromoon  dame Kuusaa keessaa tokko. Kuusaan isa caalaa dullacha yoo hin taane ulumaa dhaloota  qarooma ilmoo namaa dullachoota keessaa tokko. Mamii tokko malee qaroommi Oromoo lata qarooma sanaati. Yeroo waa’een Oromoo dubbatamu yoo hiddi qarooma dullacha kanaa waliin qabu, qacceen saa ammalee keessaa mullatu, hin dhahamne guutuu hin ta’u. . Mallattooti Abbooliin Gadaa badisa irraa oolan dhimma itt bahanii fi hoodi saanii horcowii shakala qaroomicha bakka hedduu badanii. Sun Oromoof qaabachiisaa karaa fagoo seenaa keessaa imalanii fi haalama, ganamaa fi hamaa isaan mudateetii. Seenaa dureessa kan Oromummaa, barbaacha lafaa, eenyummaa, ofiinbulummaa fi birmadummaaf qabsiisuu.Mootummaan Kuusaa Barabra ture erga kufee booda qunnamtiin dameelee gidduu ture kan cite fakkaata. Tarii, yero sana ta’a Oromoon misooma addaa eegalee sirni Gadaa sirna bulcha Kandaasee bakka bu’uun  faara  goddinaa kan mullisuutt kan ka’ee.. Sochiin Oromoo gara kibbaatii jalqabe baqqaana baha Afrikaa kaabaa kibbatt faana dhahamu of duubatt dhiiseera.  Godaansa gara kibbaatt godhame irratt Oromdur bakka bakkatt qubachiifaman hanga raayyaan Oromoo jabaatee ijaaramuun jaarraa 16faa keessa birmatuufitt garri tokkoon saanii humnoota empayera Habashaa fi Adaaliin dhuunfatamanii turani. Yeroo sana Oromummaan sadarkaa olhaanaatt guddachuun diinota kan rommisiise. Booda garuu dhiibbaa alaa fi keessaan aaboon Gadaa laaffataa dhufe. Dhumarratti, Gadaan, keessaayyuu akka dhaaba malbulchaatti jalqaba jaarraa 20ffaa keessa koloneeffatan raawwachiifame. Oromummaanis haleellaa jala seenee hanga 1960mootaatt dandamachuu hin dandeenye ture.

Oromiyaan lafaa fi ofiinbulummaan see koloneeffataan irraa mulqame. Lafa malee ilmoo namummaa himachuun hofonfola ta’aa. Koloneeffataan kutaa Awuraajjaa jedhamutt Oromiyaa kukkutee lafa isaa firoota saa fi Oromoo galtuuf hire. Akkasumas dirii fi foo’aa malbulchaa, hawasomaa fi diinagdee hawaasa Oromoos gargar ciree. Eenyummaan sabummaa kamuu kan sabicha walitt guduunfu ni awwaalame. Muuxannoo laalessaa jaarra tokko caalaaf jiratu ta’e. Haala kana jalatt aadaa, dudhaa fi dhaaba malbulchaa Oromoo balleessuun salphaa ta’eef. Akaakuun roorroo Awuraajjota hunda irra diriirfate battala tokko irraa kan ka’u ture. Kanaaf hundi gadadoo walfakkaataa  jala waan tureef didha walfakkaataa seensisee. Hammuma gaaddisa tolaa walfakkaataa jala turan rakkina hongee walfakkaataas waliin dhandhamatani. Qabamuun manca’a dhaqqabsiisullee laalaa gabbarsiifama irraanfachiisee qaabannoo Gadaa boonsaa durii Oromoo keessaa haquu hin dandeenye. Oromummaan sabicha deebisee walitt guduunfuuf gufuu halle irra qaari’uu danda’e.

Akka sanatt ture kan Waldaan Maccaa fi Tuulamaa Oromoo walitt fiduun waa’ee nageenya biyya saanii mari’achiisuu kan danda’e. Itt haansee seenaa kolonooma Oro moo keessatt jalqabaaf ABOn sagantaa malbulchaa qabatee gadi ba’e. Miseensota, dabbaloota, hooggansaa fi hordoftoota qaba ture. Dabbalooti  barbaachisummaa Oromummaa fi frummaa inni bilisummaa Oromiyaa fi addunyaa waliin qabu barsiisaa turani. Yaa’a kana keessa kan itt amanan kumootii horatamanii, kumootis Kaayyoof wareegamaniiruu. Ari’ama 1992n miseensota hoggansaa fi dabballooti gurguddaa biyyaa bahan yartuu turani.  Hogganooti, dabbalootaa fi ummati dammaqfaman caalaan qabsoo itt fufuuf biyyatt hafani.

Humna sana beekanii dhaqabuufii dadhabuun warraaqsa Oromoo ciiga’uu ta’a. Alii alii abdii kutannaan ofii fi murtoo dogoggoraan utuu hin beekin yaada bira hin gahamne keessa nama naquu dandaha. Qabsoon Oromoo waa’ee qabsaawota tibba tokko qooda fudhatanii qofa miti. Qabsaawoti sun barbaachisoo tahuu kan haalu hin jiru garuu nammi toko fakkaattii isa caalaa guddaa ilaaluu danda’uu qabaa, guddachuuf hangi inni fudhatee fi lalisuuf maal akka fedhu?  Qabsaawota beeknu kanaan bakka jirru geenyee. Kan isaan rakkise kanneen egerees akka hin rakkisne iggitiin hin jiru. Dadhabbiin taatotaa dhugaan jiru haa ta’u kan se’ame, qabsicha itt gala akeekkate irraa maqsuu hin qabuu. Qooqaa warraqxotaa keessa qooqi “hin danda’amu” jedhu hin jiru. Kanaaf rakkoo keessaa baqatanii hariiroo namoota gidduu furuuf qormaata haala walii gala dagatuun gadi bahuuf maalifaan jirachuu hin qabuu. Fulduratt deemaa ilaa fi Ilaamee dudhaa deebfachuuf qabsoo keessaa gaggeesuu yaaluutu dursuu qaba.

Caasaa malbulchaa leelloo horatee qaata lafa jiru fi jalcaasa dhiigaa fi lafee dabaan kufootaan ijaaramee jiruu, haaraa lafaa kaasanii ijaaruuf barbaachisummaan saa hin mullatu. Yaadota fi mala haaraa qabna yoo ta’e gabbisinee kaara dadhabina namaa fi hanqina waatattaan dhalate haa guutnu. Nammuu qabsoo Oromoo keessa koonkaa guutuu jirra jedhee yaaduu hin qabu. Diinni akkasitt yaadee hin beeku. Kallacha sochii bilisummaa Oromoo, ABO fi mallattooti ofiin bulummaa Oromoo yaadachisan akka naannatt hin hafne haquuf wuxifataa. Shira diinaa kana akka biraatt ilaaluun utuu hin beekin dhooftuu milkaawina saa ta’uun gamnooma dhabuu fakkaata. Yaada fedhe haata’uu waan Oromiyaa ilaalu irratt Badii keessatt utuu hin ta’in achumatt bu’urfamuu qaba. Humnas dandeettii ofiis kan itt madaalan yoo achii ta’e.

Oromummaan akka ilaalcha addunyaatt, waa’ee birmadummaa fi ofiinbulummaa Oromiyaa labsaa, dagaagaa jira. Akka dudhaa Gadaatti Oromummaan kan raagu, walqixxummaa ilmoo namaa, nagaa fi araaraa addunyaa fi haalli sanyii, amantee, saala yk garagarummaa biraan qabatee, murni  an hundaa oli ofiin jedhu tokko  keessa hin jiraannee dha. Amma eenyummaa sabummaa saanii baruun sillimii waggaa hedduu booda bosona Oromiyaa keessa qabsaawota jiranitt makamuuf hedduun ka’aniiru. Oromummaan ilaalcha addunyaa bilisummaati malee kan sanyeessituu miti;  Oromoon jaallummaaf qulqullooma sanyiitt utuu hin ta’in fedha akeeka Gadaa demokraasi eeguu, moo’ummaa Oromiyaa fudhachuu fi walqixxummaa, qajeeltuu fi birmadummaatti amanuu gaafata.

Oromoon jagnummaa, beekumsa, qajeeltuu, nagaa, birmadummaa, waldandahuu, dhugaa fi jaalbiyyummaa  leellisuu. Seenaa waloo surraan guute, aadaa, dudhaa, hooda, afaanii fi dhaalmaa Gadaa waliin qabaniin hedduu boonu. Kanneen akka hojiirra oolanii fi eegaman jaarmiyaa barbaachisaan qopheeffatanii turani. Oromoon nama qofaa utuu hin ta’in uumaa hundaaf seera qabu. Oromoon, tarii, kanneen diina irraa baranii qaran yoo hin taane gocha hamaa hin qabani, sunuu Gadaan tumamne hin jiru. Nammi hunduu walqixxummaatt ilaalama. Qabeenyaan, hojiin yk boojummaan seera malee hin tuqamuu. Sun safuu dha. Oromummaan walitt qaba eegaloota miiraa fi seeraan bulmaata kanaati.

Oromoon yaa’iin ummataa yk Caffeen iddoosotaa sirna humna olhaanaa itt tahe qabu turani. Waajjiroti hundi namoota kennatamaniin waggaa saddeet sadeetiin gaggeeffamu. Dhalooti hundi dantaa saba saanii keessatt qooda kennan qabu. Bulchi, dhalooti duubaa isa duraa waggaa saddeet sadeetiin bakka bu’uun gaggeeffama. Kanaaf nammi Oromoo hundi sadarkaa malbulchaa fi hawaasomaa biyya ofii keessatt carraa qooda fudhachuu qaba. Ummatii iddoosaa saa waajjira saaniif jechuun kabaja guddaa kennaaf. Garuu nammi isaan ayyaaneffatu hin jiru.  Oromoon nama dhugaa kan ta’e,  amanamaa, hardha ijaaree bor diiggaa hin olle, akka tafkii gamaa gamanatti carraa foolii dhahuuf  hin kukuruphisnee ulfeessa.

Oromoo jechuun ummata jechuu dha.; sirni saanii ilmaan namaa nagaa jaallatan hundaaf banaa dha. Gadaan ummata biraa yk abba tokkootaaf sirna golgaa yeroo yk Oromsaa dhaabbataa  kennuuf qaba. Qooqoti “Luka Kennaa, Moggaasa, Guddifacha fi Luba baasa” jedhan sana agarsiisuu. Altokko sirnichaan fudhatamnaan amanummaa Heera Gadaaf malee eenyuufuu hin kakattu.  Fudhatamnaan miseensa gosa, isa keessaan kan sabaa ta’ama. Faanfanamaa fi gaabba oolchuuf nammi dhaabbataatt dhalootee tasifame yk guddifame haa tahu nammi biraa waa’ee seenaa saa darbee dubbachuun safuu dha. Oromsamuun waan fedhaati malee kan itt dirqisiifaman miti. Boojuun ulaagaa guutellee filmaata biyya ofiitt deebi’uu yk Oromsamuu akka gaafatu carraa qabaa.   Namooti finnoota addunyaa adda addaa keessatt nambiyyummaa argatan sirni Gadaa qabattee kana irratt hagam tarkanfataa akka ture qayyabachuu danda’u.

Egaa ilaalchi Gadaa qaccee qarooma Kuusaa durii kan qabuu fi nafii ofii guddifate, ilaalcha addunyaa Oromoo hunda tokkomsu qaba jechuu dha. Maaljechi Oromummaa barreessaama kanaan Barlabsi Gubirmans irratt akka kennameti “Oromummaan mullisa mararfannaa jaalbiyyuummaa,  bilisummaa, nagaa fi walabummaa Oromiyaati”. Innis jaalala namoomaa,biyyaa, ummataa, seenaa waloo surra qabeessa, aadaa, dudhaa, hoodaa, afaanii fi akaakilee tokkicha, dhahachuu irratt hundaawa. Oromummaan farra namoomaa baasaa, hacuuccaa fi dabaati.  Hundaa olitt farra kolonummaati

Nammi tokko yeroo waa’ee biyya ofii yaadu kan jalqaba itt mullatu diida hiriyaa waliin keessa burraaqaa  guddattee. Danaan waliigala biyyaa achii eegalee kan ijaaramaa dhufu. Diida sana malee qaabannoo haa ta’u nameenyaan yaadatamu hin jiraatu. Diida sana, isaa waliinis qaabannoo  bakka kiyya kan ittiin jedhan, biyya yk gandaa, diinni dhabsiisuu kan fedhu. Kan du’an illee reeffa saanii girgijii walirraa jalatt ijaarame “fukaa” jedhamu yeroof kiraayyii fudhatan keessa suuqama malee bakka awwalaa dhaabbbataa dhabsiisaniru.  Kan lubbbuun jiranis araddaa akaakilee saaniitii baasanii karaatt  gad darbatu. Dudhaan nammi dhalatee lafa hidda handhuura itt awwaalan dhabu, du’ee awwaala dhowwamuu caalaa hamaan maaltu jira? Lafa biyya offii irratt aangoo qabatan malee waa’ee Oromiyaa fi Oromummaa dubbachuun nama dhiba. Achiiti kan Oromummaan biifee addunyaa waliin gahuu dandahu.

Dhaaboti Oromoo hedduun akka “Daldaloota Ayyer Bayyer” jedhamaniiti (abba tokkee hin homishnee fi  gibira hin baafne).  Jarri akkasii kanneen homishanii fi raabsan waliin wal argaa hin qabani. Bakka qubatan waan hin qabneef qilleensaa  qilleensa irraatt waamicha tumsaa milkaawullee dhimma hin baafne tolchaa oolu. Hobbaatiin saa kan lakkoofsaa malee kan akaakuu hin ta’u. Kanuma kaleessa waliin socho’uu dadhabne jedhantu deebisanii wal xaxuuf walwaamu. Ummati Oromoo ballaan dilga’uu malee murnota keessatt erga addaan bahani wal muuduu yoo hin taane  kan jijjiirame hin jiru. Kan waamicha dhugaa gochuu barbaadu hunda dura lafa Oromiyaa irraa gocha agarsiisuu qaba.  Kana malee,”carpetbaggers” (ayyaan laallatoota Amerikaa bakka waa bu’inaa jedhanii hin dhibne) waliin kan adda isaan godhu hin jiru. Wan wareegan kophaa jalqabuu hin danda’an taanaan maaf gargar bahanii? Kaayyoon ganamaa nu hin baasu Oromoof mala addaa qabna kan jedhan isatt deebinaamoo amma ejjennoo lamaan maaliin walitt araarsuuf jedhu?  ABO fi kanneen kaayyoott amanan waamuu haa ta’u ABOn fi kanfakkaatan sanaaf deebii kennuun walabummaa Oromiyaatt ga’isuu ta’a.

Maqaa ofiif yoo ni yaadu ta’e, biyya qabna yoo jedhu ta’es dhaaboti malbulchaa hundi Oromiyaa keesssaa socha’uu qabu.  Yeroo hundaa sabi biyya malee jiraachuu isa fakkeenyi himamu kan Yihudotaati. Dilormaa harka caalaatu biyyaa ari’amee addunyaa irra faca’ee waggooota kumaa ol jiraate.Bakka biyyi hin jirrett ayyaana saboomaa cimaan isaan walitt hidhee turse, amantee saanii durii kitaabota irratt hundaawe, afaan Hibruu, faanfanama  Badii irratt isaan mudate, filmata yartuu qaban daldalaa fi barumsaa ture. Isaanuu akka ummataatti qorumsa jireenyaa saaniitt dhufeen bakka keenya kan jedhan soquu dirqisiifamani. Hanga Badii turanitt irbuu amantee saaniitt abdii kutatanii hin beekani.

Oromoon biyya ofii keessatt buqqa’anii; kan biyyaa ari’amanii bahan kan hafaniin walitt yoo ilaalaman lakkoofsaan hamma hin jirree dha. Qabsoon biyya ofii deeffachuuf tolfamu kamuu achumaa hoogganamuu fi hojiirra oolchamuu qaba. Fakmishoon Yehuudii waan wal hin fakkaanneef Oromoo Badiin kan yaadamu miti. Waggootii kumii hafanii digdama keessattuu afaan addaa addaa dubbachuutt ka’aniiruu. Fakmishoon Hayila Sillaasee harka alaa fi masaka saanii gaafata. Sun murna biyyaa bade bara hedduu ture deebisanii biyya irratt fe’uu ta’aa. Murna akkasii fi koloneeffataa gidduu addumaan hin jiru. Hayila Sillaaseen Biritishootaan gargaaramee Itoophiyaatt deebi’un injifannoo adda biyyaa karaa irraa akka maqsee argameeraa. Kan Empayera Itoophiyaa bilisomsan jaalbiyyoota turanii, garuu duuba irratt Badii fi Baandaa gantuutu bu’aa itt argate. Nammi mataa nagaa qabu yaada ifsateef  baqatttuu deebiteen fannifama jaalbiyyicha guddaa, Balaayi Zallaqaa hin deggeru.

Oromoon bakka hallett kan malbulchaa haa tahu kan hawaasomaa jarmaa cimaa barbaadu. Keessatuu kanneen ala jiraatan walitt dhiheenya saanii jabeessuu fi horee saanii jeequmsa eenyummaa egeree irraa baraaruuf jaarmaa hawaasaa cimfachuun anja qaba. Jarmaa cimaan lammii ofiif wan tokko tokko buusuuf saaqaa argachuu ni salphisa. Ijoollee saanii seenaa fi afaan ofii barsiisuuf sagantaa waloo baafachuu dandeessisa. Ijoollee hedduun biyya dhaqxee hojjechuu yk ilaaluu jireenya addunyaa tokkoffaatt bartee, sadaffatt gadeebitee baruun ni rakkisa taha.

Kanaaf kan qaamaan dhaquu hin dandeenye yoo jiraatan biyyi akaakilee saanii qaabannoo saanii keessaa akka hin haqamne falamuu qaba. Waldaa Hawaasa Badii Addunyaa Guutuu ijaaranii qabeenya namaa fi waatattaa saanii qindeessuun bu’aa tolaa waloof akka dhimma baasu gochuu danda’uu. Dhaabi hawaasaa jabaan Oromummaa irratt hundaawe qabsoo sabaa biyya jiru utubuu danda’a.  Biyya ofii jaallachuun malbulcha keessatt qooda fudhachuu qofaan akka  hin mullifamne hubachuun dansa. Abbaan qooda caalaa taphachuu danda’u yoo taphate misha.  Dandeettii  walitt qabame  keessaa wanti nagaan bahee guboo rakkoo biyyattii buqqisuu dandaha ta’aa. Kan fedha qabu hundi sana akka  godhan jajabeesuu dha.  Yero hedduu kan mataatt nama dhufan jabduu dhaabota akka Bu’uursa Mediyaa Madda Walaabuu, OMN fi Afaanii.  Nokkorro malee waan danda’anitt bobba’anii. Ummata Oromoof sagalee fi wan ittiin boonu ta’aa jiru. Sanaa alatt, “Booyicha hin beektuu dhaqii dhagaa guuri” waliin jechuu danda’uunis gaarii dha.

Marsaa seenaa sabichaa kanatt hojiin dhaabota malbulchaa garri caalaan lafa jala gaggeeffamu. Kan biyya alaatt seerawaa ta’e biyyatt wanjala ta’a. Wanti bilisummaa demokraasii lixaa jalatt karoorfannu biyya akeekatameef keessaa tokko akka hubuu dandahu hubachuu dha. Kun sammuu keessaa gola malbulchaa qabaachuun utuu hin ta’in sochii bilisummaa diina sabaa loluutt jiru herreguunii.  Biyyatt Oromoo ta’anii yaada walaba qabaachuunillee yakkaa. Eessa akka dhukubuun kan beekan jara biyya jirani. Laalaa saanii qooddachuuf hogganootii fi beekoti t yeroo hundaa naannaatt argamuu qabu.  Lammiin ala jiran dandeettii  qeyee ol kaasuuf waan gumaachan hedduutu jira.

Guddina seenaa keessa, Oromiyaan bakka amma jirtu geesseettii. Tibboota sana hunda Oromummaan humna ittiin oofamtu ture. Koloneeffataan eenyummaa sabaa balleessuuf kan dandahu hunda tolchaa jira. Caasoliin malbulchaa fi hawaasomaa hundi burkutaawanii sabicha walitt fufuuf afaan saanii qofatu hafe ture. Erga of barri Oromummaan qabsiifamee sochii jala dhaabbachuu farraa kolonii ta’e eegalee, daangaa Awuraajjota gidduu cacabsuutt  ka’ee, ammaa gara walakkaa jaarraa tokkoo ta’ee jira. Oromummaan akka sochii sabbonakarisoo biyyoota tokko tokkoo utuu hin ta’in ilaalcha addunyaa bilisummaan masakama. Malraaga Gadaa, birmadummaa, ulfina ilmoo namaa, olhantummaa fi walqixxumaa hundaawa.  Oromoon nagaa fi birmadummaa jaallata. Wajjirooti saanii kennataan guutaman, daangaan waggaa saddeetii kan kennataman irratt buufamu fi Gumiin ummataa angoo olhanaa ta’un dharraa ummataa kanatt igitii tolcha. Qabsoon Oromoo akka dalaga Badii gaagaa hin qabneett ilaalamuu hin qabu. Sabboonota  jaalbiyyootaa fi jannootaan bakka rakkoon jirtuu gaggeeffamuu qaba. Walmarri qabsawootaa fi qaaqi biyya alaatt toora galfaman yoo dimshashumatt jijjiiramuu baatan dhimma hin baasuu. Ammaaf tafkittii “Jettee duute haa jedhanii mo’oo na kooba” jetteen adda hin jirani. Lafti kan mootummaa koloneeffataati jedhamee labsamee. Oromoon lafti saanii butamuu fi mirgi saanii ugguramuun bitintirfamani.  Diinni sabboonta koomeerra ijaajjaa fi mallattoo eenyummaa sabaa fi qabsoo bilisummaa mancaasaa jira. Sanaafi ABOn kan gooltuutt galmeeffame. Rakkinni harka irra jiru Oromoo finiinsuu fi koloneeffataa qaccefixaa tolchu sanaa. ABOn goolutuu dha jedhameef Oromoon hin fedhamne hundii ABO ta’ee gooltummaan dararamaa jira. Falli saa qabsoo dhiifama hin qabne kutannoo fi naamusa cimaa akka sibiilaan oofamu.

Ulfinaa fi surraan dabaankufootaaf; walabummaa, walqixxummaa fi bilisummaan kan hafaniif; nagaa fi araarri Ayyaana abboolii fi ayyoliif haa tahu!

Ibsaa Guutama
Waxabajjii  2014 

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Waraana calqaba isaa malee xumurrii fi ittibahinsi isaa hin beekamne – Oromoon maal godhuu qaba?

Berhanu Hundee Waraanni amma garee seeraa fi heeraa ala mootummaa Federaalaa ofiin jedhu fi mootummaa …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *