Oduu Haaraya

LAMA FIIGUU IRRA TOKKO TIRACHUU WAYYA!

Haga ammaatti deemsaaleen deemamaa turanii fi bu’aan isaanii sadarakaa ol-aanaan Nama gammachiisa. Yeroo darbe waliin ta’uun qaamoleen Shan waliigaltee irra ga’uun wal-mallateessanii sochii jalqabuunis sad. Alaatti ta’ee ture. kun hunduu bu’aa cimaadha. Kan biyya keessaa gama Uummta Oromoon jiruu fi Qabsoo Saboonni Kuush biro godhanis isa ol-aanaadha. Haa ta’u malee deemsi sun akka yaada dhuunfaatti guutummaan guutuutti deemsa ga’aa fi quubsaadha jechuun Nama rakkisa. Maaliif yoo jenne, sochiin amma hojiin argamaa jiru kun qaamolee biroo ykn Saba keenya biroo (Maatii Kuush) kana waliin wal-ta’aa akka hin taane ni hubatama.

Yaadi dhuunfaan as jiru, Uummanni Oromoo hanga Angafa Saba kuush ta’etti abbaa Saboota Kuush kan biroo ykn Angafa ta’ee isaan deeggaraa wal-qabatee deemuu qaba inni jedhu yaada ijoodha. Kun immoo kan ta’u itti gaafatamummaan Saba hafee yoo nutti dhaga’ameedha. Yaadikoo lama fiiguu irra jedhu kun, kophaa keenya fiignee galma yoo geenye illee, ammas Uummattoota garbummaajalatti hafan ykn maatii Kuush kan biroof irra deebinee fiiguu nu gaafata jechuudha. Kun immoo bara daangaa mataa keenyaa kabachiifne quuqamni ijoollee ykn maatii kuush bakkeetti(alatti) hafanii nutty hin dhaga’amiin hin hafu. Kanaaf Daangaa isaaniif ammas fiigicha biro barbaada jechuudha. Dabalataan warra Humna hanga keenya hin qabne Uummata Kuush ta’anii jiran kana dhiisnee fiiguun Garaa nu raasuu qaba.

Kaayyoon keenya yoo xiqqaatee xiqqaate Mootummaa Kuush ishee naannoo keenya keessa ykn biyya kana keessa jirtu dhaabuu ta’uu qaba. Kun immoo maqaa keenyaa fi Qaroomina nuti walitti duriin kaasnee qabnuuf abbummaa nuuf kenna. Maqaan Kuush(Kulus) jedhu kun osoo deebi’ee hanga xiqqaa ta’eenuu argamee bu’aa guddaa akka nuuf qabu xiinxaluun Nama hin rakkisu. Kanaaf nuti har’a hangam Saboota Kuush kan nu bira jiran of-waliin ofitti qabnee deemsisaa, akka Angafummaa keenyaatti karaa argisiisaa, ofitti fiduuf yaalle? gaaffiin jedhu gaaffii baayyee guddaa dha.Maaliif kun barbaachisaa kan jedhu dhiyaachuuni danda’a. Kuush(Kulus/Nubian/Kemet/Aithiopians) kun Qaama tokko ykn Maatii tokko irraa amma gad-bu’eefi Qaroomina hedduu waliin ta’uun hanga Addunyaa jijjiiruu danda’etti, amma adda adda fiiguun isaa bareedina waan qabu miti. Akka Qorattoota seenaa fi beektota Addunyaatti Uuummanni Kuush kun waggoota 12000’n duraa kaasee Uummata kaaba-baha Afiriikaa irra waliin jiraataa turee fi baayyee humna guddaa qabu ta’uu isaa ni ibsu.

1. Qaroominni Kuush waggota 2500’f baay’ee dagaagee ture. kun immoo waliin ta’iinsa jabaa inni Diina cabsuu fi Sodaachisuu guddaadhaan Daangaa isaa yeroo inni itti kabachiifatee dha. Bara sanatti Piraamidii warra Ijiptii caalaa kan Kuush 300 ijaaramuun isaa Qorannoo beektotaa fi har’a illee hangi ta’e kan jiran ta’uun isaa addeeffamaadha.Akka Kitaaba qulqulluu kiristaanaatti Nohi Seem(Ham) iin yoodhalchu, Seem immoo Abbaa Kuush kanaa ta’uu nutti hima( Uuma 10:6-8 ; Isa 1:8-10) ijoollee abbaa tokkoo taanee qabsoo kophaa kophaa fiiguun kun immoo nu yaachisuu qaba.

2. Ijoolleen Kuush Mesoopotaamiyaa(Uuma 2:13), Arabiyaa(Hamb 3:7) fi baay’inaan Afriikaakeessa akka tamsa’an. Yeroon kun yeroo Qaroominaa dura haala qubsamaa kan ibsuudha.Kuush Ummata Cimaa fi Jabaa Injifannoon guute ykn sodaachisaa ture(Isa 18: 1-2) Uummanni ykn biyyi Kuush kun biyya Impaayera Assiiriyaa/Siiriyaa tti yaaddoo guddaa ta’e ta’uu isaa ni hima(2Mot 19 : 9 fi Isa 37:9) kun hundi dhufuu kan danda’e tokkumaa fiObbolummaa maatiin Kuush waliin qabu yeroo sanatti Cimaa waan ta’eefi.

3. Akka Ogeettii beekamtuu-Drusilla Dunjeetti-Houston (Wonderful Ethiopians of the Cushitic Empire” jettetti. Cushites were the Founder of world culture and civilization, Cushites were a Global people, The Matriarchy was a central Component of African civilization, and Teaching Cushites civilization was a centralcomponent of African civilization. Kan jedhu hangam akka Ciminni Cush galeef hubachuu Nama hin rakkisu. Akka galmee Addunyaattis qaroominaalee jiran hunda kanaaf Abbaa ta’uudhaaf yoo ballisnee gara Kuush biyya itoophiyaa jiraniitti harka ballisne bu’aa caalu argamsiisuu ni dandeenya. Kana jechuun, qabsoon Uummata Oromoo kun warreen maatii Kuush ta’anii cunqursaa waggoota heedduu nu waliin qooddachaa jiran kana harka qabee fiiguu qaba isa jedhudha.

4. Tokkumaan Impaayera Kushan yeroo sanaa hundeen turuu fi Sodaachisaa ta’uun waggota 1420 ykn 1070 BC- AD 350 turuun isaa tokkummaa fi akka maatiitti walitti dhufeenya ga’aa qabaachuun Diina cabsuu isaa nutti hima. Mootummaan Kuush kan magaalaa Kermaa(1070BC) Napata(780BC) ykn Meroe(591BC) Rakkoo hedduu dandamachuun haa turu iyyu malee Mereon erga waggaa 57’f turteen booda akka 350 AD tti baddu kan godhe humni keessaa waliin turuu irratti akka laafe hubachuutu salphata malee Humna Alaatu akkahin caalle beekamaadha. Mootummaan Kuush(Monarchy)kun immoo xiqqoo ykn Dabooroo ta’ee miti. Uummanni Kuush 1,150,000 yeroo Uummata. Ijiptii 100,000’f Seenaa ykn qaroomina isaa ballisuuf(lakkisuuf)rakkoo maalii akka qabaate beekuu ni dandeessu. Har’as Uummanni Oromoo tokkoomeera. Garuu Qaroominni Addunyaaf bu’aa buusee beekamtii argate kunii fi Uummanni Maqaa bareedaa kanaan faca’e akkamitti haa sassaabamu? Eenyutuu caalaatti irra jireessa ykn tarkaanfii fudhachuu qaba?

Innijedhu garuu sirriitti itti hin deemamne!Maatiin waliin bu’aa ba’ii ba’ee har’a adda addafagaate kun keessumaa kan Itoophiyaa keessa jiraatan akka wal-hin beekneetti kophaa kophaarakkoo sukkuummachuun isaanii waan Nama gaddisiisudha. Mee eenyu waliin yoo deemne salphata? Eenyu waliin deemuu haa dhiisnu? Eenyu waliin deemnaan nu baasuu dide? Eenyu waliin turre? Eenyutuu dhugaa Soba godha? Eenyutuu Soba dhugaa godha? Kamtuu dhiyoo jira? Isa jedhuufi deebii bilchaataa qopheessuun nurraa eegama. Uummatooti Kuush ta’an walii galaan Afaanota 47 ol kan dubbatan keessaa hangi caalu eddoon jireenya isaanii Itiyoophiyaa ykn Uummata Oromoo, Sidaamaa, Affaar, Somaalee, Agawoo, Saawoo, Halaabaa, Xambaroo, Beejjaa, Qawwaana, Maraqoo, Haadiyyaa, Koonsoo, Daasanach, Darashee, Arbooree, fi Baayisoo hundi nu waliin jiru. Obboloota keenya waliin sochoo’uufi waliin jiraachuuf, akkasumas Maqaa keenya durii ykn biyyaa keenya(Kuush) hanga xiqqaa ta’een deebisuuf ga’ee guddaa taphatu warra jedhamaniidha.

Kan biroo immoo Oromoo Keeniyaa keessa jiran (Boorana, Ormaa, Waata, kkf) fi Kuush kan Keeniyaa( Reedilee, Saakuyyee, Boonii(Awweer),Eal-moloo, akkasumas Kuush kibbaa ykn Iraaqwaa, Buruungii, Gorowwaa, fi Algawaa(kan Naajeeriyaa) warra alaati. Kana duwwaa osoo hin taane Beejjaa kan biyya Misiraa fi Nuubiyaa Misiraa kan biroo, Sudaan, kkfn ni argamu. Isaan kana waliin deemuun sababa fageenyaaf rakkisuu danda’a. warra nu biraawoo seeraan hirmaachisaa, carraaqii cimaa gochuun firoomsaa jirraa?Qaroominni fi mo’ichi Uummata bal’aa kanaan ta’e har’as itti fufee isa duraatiin dabalata ammas bu’aa guddaa galmeessisuu qaba. Afaan guddaan kun ykn Afaan Oromoon illee Afaan Saba kanaa (Lingua Franca) Kuush (kan warra Itoophiyaa keessaa) ta’ee akka hojjetu karoorri guddaan ta’uu qaba.

Barnoonni waa’ee qaroomina keenyaa akka diriiruu fi Seenaa Sobaa kan warra Greek fi kan Habashaa haxaawwamee kan keenya bakka akka qabatuuf xiyyeeffannoon keennamuu qaba.Hanni warra Greek ykn Pythagoras, Thales, Plato, Democritus, Socrates fi kkf deebi’ee keenya ta’uun Maqaa keenyaan biyya Keenya Kuush ishee dhufuuf jirtu akka barsiifamu kaayyoon guddaa taa’uu qaba. Jaroonni biyya Kuush dhufuun barnoota isaanii argatanii deemsa keessa Hannaan fudhachuun Qaroomina keenya kan Greek godhanii ittiin Filoosooferootajedhaman kun kitaaba barnootaa keenya irraa haqamuu qabu. Kun immoo barnoota Seenaa Habashaa waliin baduutuu irra jira. Akkas jedha Ogeessi Seenaa James, George G.M akka “The Stolen Legacy’’ tti. “What these philosophers were disseminating was really the thoughts and doctrines of these Nubians, Cush in ancient times, were supreme in the leadership of civilization, and that students from all parts, including Greek ones, flocked to that Land (Land of Cush), seeking education and admission into her Mystery system.

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Waraana calqaba isaa malee xumurrii fi ittibahinsi isaa hin beekamne – Oromoon maal godhuu qaba?

Berhanu Hundee Waraanni amma garee seeraa fi heeraa ala mootummaa Federaalaa ofiin jedhu fi mootummaa …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *