Oduu Haaraya

LOLLI WAYYAANEEN OROMORRATTI LABSE FASHALUU QABA!

Akkuma hordofaa jirtan mootummaa Wayyaanee gaafii lafa ofii Oromoon gama nagayaatin gaafachaa jiru humnaan cabsuuf murteessee jira. Ibsa galgala kana gara miidiyaa isaanitiin facaasaniin, hoogganoonni jaarmaya TPLF mormii ummataa ‘ sochii shorokeessummaa jechuun’ waamanii jiran. I Kana jechuun ummata nagayaan mormii dhageessisaa jiru kana tarkaanfii shoororkeessaa irratti fudhatamu mara irratti fudhachuun sirridha jedhanii jiru. Humna barbaachise hundaan mormii nagayaaf haqa qabeesa kana akka cabsu humna waraanaatiif tika biyyatitiif aangoof qajeelfama kennee jira. Qajeelfama kanas guyya lama dura irraa kaasee waraana Shawaa Kibbaafi Kibba Lixaatti duulchisuun qonnaan bulaa Oromoofi ilmaan isaa lafarraa duguugaa jiran.

Tarkaanfiin kun godinoota biroottis akka cehu karoorii baafame hojii irra oolaa jira. Fakkeenyaaf har’a Godina Harargee Bahaa dhuunfachuudhaaf waraanni guddaan daangaa Soomaliyaatirraa socho’ee jira. Akeeka sanyii duguuginsa Oromorratti ifatti labsamee guyyaa adii hojirra oolaa jiru kanarraa of baraaruuf Oromoon bakka hundaa tokkummaafi bifa qindaa’een socho’uun dirqama waaytawaadha. Ifatti lola labsuun kun rifaatuufi na’uu sirnichaa waan agarsiisuuf duula ammaa kana jalaa fashalsinaan takkaa adabattee gaafii ummataa deebisa ykn babbaqayxee addaan facaati.
Kanaafuu tarkaanfilee fudhatamuu qaban keessaa:

1) Mormiin bifa walitti bu’iinsa hin qabne (low risk) kanneen akka gadda agarsiisuu, iccitii baasuu, gurraacha offachuu, muufachuu, nyaata diduu kkf manneen barnootaa, hospitaalota, warshaaleefi waajjiroota keessatti godhamaa jiran bal’inaan itti fufuu feesisa.

2) Wanti dinni Oromoo ajjeesaa jiruuf qabeenya Oromiyaa waan ta’eef bakka isaan dhukkubdu rukutuun barbaachisaadha. Kanaafuu kubbaniyyaalee Wayyaanee addaan baafachuun irraa bituu dhabuu, warshaaleen isaanii bifa milkaayeen akka hin calleesine gufachiisuufi callaan isaanii nagayaan Oromiyaa keessa akka hin qaxxamurre ugguruun barbaachisaa.Waliigalatti sochii diinaggee TPLF Oromiyaa keessaa qabduu tarkaanfii barbaachisaa kamiinuu fudhachuun yeroo gabaabaa keessatti cufsiisuu qabna. Maqaafi eddoo kubbaniyyaalee kana walitti qabamaa waan jirruuf gara marsaalee hawaasaatin isiniif ergina isinis kan beektan nuuf dabarsaa.

3) Waraanni isaani Oromiyaa keessa akka feedhe akka hin sochoofne taarkaanfiin karaa cufuu itti fufuu qaba. Keessattuu karaaleen gurguddaa godinoota geessan tooftaa adda addaatin danquun hudhanii qabuu feesisa.

4) Biyya alaatti hiriirri deeggarsaa godhamaa jiru itti dabalee deemuu qaba. Hojii diplomaasiifi daladalaa Wayyaaneen biyyota alaa keessati qabdu hordofuun hoongessurratti fuulleffanna. ( Tarkaanfilee fudhatamuu qaban gara keessaatin waliif dabarsina). Dhiibbaan miidiyaalee garagaraa irratti godhamaa jirus jabaatee itti fufuu qaba. Ummata keenya madaayaa jiruufi gargaarsa adda addaatiif kan ta’u maallaqa saffisaan walitti qabuun barbaachisaadha

5) Amma booda diinis ummanni Oromoos bakka ji’a takka dura turetti hin deebi’u. kanaafuu mooraan qabsoo Oromoo saffisaan itituun humna gama maraan cimsachuun tarkaanfii dhumaatif of qopheessuu barbaachiisa.
Ji’a tokkoof ummanni keenyaa sodaa moo’atee, tokkummaa cimsatee, diina naasisee jira. Har’as kana darna injifannoo goonfachuu qaba, ni danda’as. Namuu bakka jiruu waan danda’uun diinarratti duuluu qaba. Tana booda of duuba deebi’uun kopha kophatti qalamuu qofaafi. Kanaaf alaaf keessaan, xiqqaa guddaan, baddaa gammajjiin walqabannee injifannoodhaan keessaa bahu qabna.

Dhugaa qabna, tokkummaan falmanna, ni moo’anna!

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …

One comment

  1. Bineensa mana keesa seene takka nama nyaata takka hinajjeefama.qabsoo nagaa duwarrati xiiyyeefatu gaamiti kanafu , wareegama gababsuuf, Ummata keena hidhachiisuun yoomiyuu caala gaafi belbeltuudha. qootee bulaa muuxanno warana qabu waraana ummata keesati akka gayee taphatu irrati dalagu,dargageesa kara maleen gammoojifi galaanati dhuma jiru akkata itti leenjii fudhate ittisa ummata keesati gayee taphatu biyoota adda adda qarqarsa gaafatu/qindeesu,Abdii kutannan tarkaanfi adda adda fudhatun waan maluuf kanafu gad fageenyaan itti yaadame qophiin godhamu qaba.lammilee Oromoo waraana diina keesa jiran odo hidhanno irra hikkamnee akka dafan sochii ummatat dabalaman irrati hojjachu. hangadandameen wareegama gababsuf qaama hunda waalin tarsiimoofi toftadhan waaln dalagun barabaachisadha.