Oduu Haaraya
dambi doolloo

MAAL SI GOONE YAA BIYYOO???

Isa kam moo kam boonyaree
Nuuf game hoo karaa hundaa
Maal si goone yaa biyyoo
Maaf dhiiga Oromoo dhugdaa?
Lammii koo Dambi Doolloo
Geedootti dhidhimsitee
Na quqquuqa inni ati
Lafee koo liqimsite!!!!
Otuma duunuu baay’annaan
Sa kaaniin nu dhadhabdee
Amma immoo kanatu hafnaan
Konkolaataan jalqabdee?

Shamarree kadhimamtee
Gaa’elaaf guyyaa eeggattu
Harmee ulfa ji’a torbaa
Deessee hin dhungatiin jirtu
Abbaa maatii guddisuuf
Jooree…dhama’ee…dhiigu
Dargaggoo kakuu sabaa
Galmaan ga’uudhaaf fiigu
Barataa barnoota fixee
Eebbaaf guyyaa lakkaa’u
Maaliif nyaatta yaa biyyo
Xiqqoo sitti hin hadhaa’uu??
Silaa illee imimmaan koo
Otuu qabaatee gatii
Ammuma tuftee baafta
Lammii koo hin nyaattu ati!
.
Yaa Waaqa hunda dandeessuu
Ilaa wantan si kadhu
Lubbuu dhangala’e kana
Teessoo kee irraa yaadadhu
Warra cabee, warra meelateefis
Fayyina gaarii laadhu!
…2ffaa adaraa garuu….
Kaayyoofi karoora keenya
Otuu galma hin geessisiin
Gaddaafi du’a saba koo
Gurraan na hin dhageessisiin!
………………..
Bitootessa 13, 2015 4:55 Pm,
6 kilo J.F. Kennedy Memorial Library
(Yaadannoo namoota Dambi Doolloo balaa konkolaataadhaan du’aniif)

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …