Oduu Haaraya

OROMIYAA DAANDII ” SIYAASAA FI DIINAGDEE” KAMMIIRRAA GARAM?

Kutaa 3ffaa fi kan maayyii.
‪#‎stopTPLF‬ ‪#‎StopabayTeshaye‬ ‪#‎Oromoodidaa‬

Qabsoon bilisummaa saba oromoo hooggana gahaa fii waalta’aa akkanaa tokko dhabu irraa kan ka’ee haccuccaa haalaan cimaa ta’ee keessa jiraachuun mamii maleedha. Sabni keenya sadarkaa biyyaatti fi adunyaattis gola sirna siyaasaa kan waliigala( National institution) humnoota, jaarmayootaa fi qabsaawoota Oromoo mara irraa ijaarame qabaachuun isaa bu’aa kana jedhamee herregamu hin dandeenye qabaata. waan ammaan dura hin guutamne akka guutatuus isa gargaara jechuu dha. Kanneeniis;
• Baayy’ina humna namaa, qabeenya, beekumsaa fi muuyxanno bakka bakkatti fafacca’ee wal quba hin qabne bakka takkatti deebiisuu fi qindeesuun diina Oromiyaa irraa buqqiisuu qofa irratti akka fuula deefatu godha,
Qabsoo bilisummaa Oromoo bilchina siyaasaa goonfachiisee ollaa fi adunyaa birratti fudhatama ykn dhageeyytti guddaa akka argatu waan gochuu danda’uuf,
• Humnoota qabsoo bilisummaa Oromoo bakka bakkatti jaaramani walhubannoota dhabarraa kan ka’e sababa gahaa hin taaneen akka diinatti wal-ilaaluuf wal-irratti duulan, waljibuu fi wal abaaruu hojii godhatan, waliin hojjachuu dhabuun, waliitumsuu dhabuun , dabreetiis diina kaayyoo faashisttoota ABUT dagachuun humna, diinagdee fi yeroo walirratti balleeysuu waan dhabamsiisuuf jecha, isaan kana illee waan qajeelchuuf,
• Gaafatama gararaa kan dhimma guutuu biyyaa, tabaroo fi daangaa siyaasaa qabsoo bilisummaa Oromoo murteeysuu, hiree saba keenyaa ilaalchiise harka Gola Agoobara Adda Tokkummaa (maqaa fedhee itta haa baafatan) kanatti waan galchuu jecha sabni keenya murtii akka dhihoo kana humna Oromoo yartuu takkaan murtaawuun akka hin rakkanne ykn hin dararamne waan gochuu danda’uuf,
• Rakko ijaarsaa fi hoogganaa irraa kan ka’een qabsaawoota hamilee fi abdiin isaanii tuqamtee, qabsicha irraa uf igiitan rakko isaanii hiikee abdii fi hamilee guutuun deebi’anii qabsoo bilisummaatti akka bobba’an waan karaa saaquuf,
• Hayyootni Oromoo samuu bilisa ta’een , tilmaamsa diinagdee Oromiyaa kan eega Oromiyaan bilisoomte booda ittin bultuu fi sirna bulmaata ishiile ilaalcha dhaaba tokkootiin alatti seenaa bulchiinsaa fi muuxannoo sabichaa irratti hirkachuun bilisa ta’anii akka qopheeysan gochu irratti fuula akka deeffatan waan gargaaruuf jecha,
• Akkuma bilisummaan dhihaachaa dhufuun, murnnooni aangoof machaawwan tokkummaa Ummata Oromoo jeeqama keessaa akka hin seesine waan hanqiisuuf jecha,
• Dhaabootni Oromoo waan irratti waliif galu dadhaban hunda murtii ummata Oromoof bulchuudhaan ( haa bultu dubbiin) waannuma irratti walii galan irratti akka hojjatan daangaa daangaa hundaan beekame waan goosisuu danada’uuf,
• Wal dorgomii siyaasaa bilisummaa booda karaa nagaatiin dhaabootin siyaasaa Oromoo gochuun barbaachiisaa ta’uu itti amanaan sirna gadaa( dimookiraasi) aadaa siyaasaa Oromoo kan boruu ta’u waan ragaasiisu danda’u jecha,
• Alagaa birratti sagalee tokkoon tokkummaan dhaabachuu fi iyyachuun akka danda’amu waan godhuuf jecha,
• Garaagarummaa ilaalcha bulchiinsa siyaasaa (administrative ideology) xiqqaan tokkummaa keenya guddaa fi murteeysaa ta’ee akka hin tuqamne ykn hin diigamne , garaagarummaa jiru waliif beekani akka waliif kabajan waan gochuu danda’uuf jecha,
• Murtii sabni Oromoo eega bilisa ta’ee booda murteeysuuf tabaroo itti qabu irratti, waa murteeysuu fi murteeysu dhabu irratti wal falmuu dhiisuun carraa uummata Oromoo murtii sanaan isa gahuu qofa irratti akka xiyyeeffatamuu waan karaa waloo saaquuf jecha,
• Dhawaata kana keessatti walbulchuu fi waliifis buluu irratti muuxxanno waan sabichaa fi qabsaawootas goonfachiisuu jecha,
• Qorranno tikka Oromiyaa fi duuguugaa sanyii saba Oromoo irratti godhame sirnaan godhuudhaan waan gabroonfataan biyya teenya keessatti yakka daangaa hin qabne saba Oromoo irratti hojjatee fi hojjachaa jiru keessa isaa beekuuf tattaaffi godhamu waan gargaaruuf jecha,
• Hamilee ummata Oromoo haalaan ool-kaasee tokkummaan bilisummaaf akka kaka’u daran waan isa gargaaruuf jecha,
• Tokkummaan ummata Oromoo akka sibiilaatti akka jabaatu waan karaa haxaahuu fi gargaaruuf jecha,
• Hooggana wal-hubannootaa fi marii gola Gola Agoobara Adda Tokkummaa ( Broad based National liberation institution) kan walligalaa kanaatiin alatti mataa isaatiin waan isatti fakkaate hojjatee rakko fidu buqqiisuun akka danda’amu waan gargaaruuf jecha,
Sabaa , saba lamootaa fi umattoota akka Oromootti cunqurfaman maraaf tarsimoo waloon irratti hojjatu kan waliigalaa haaraya baafachuuf waan qabsicha gargaaruuf jecha,
• Oromoon ajanadaa isaa irratti hirkachuuu fi sirriittis beekuu fi uftummaan humnoota motummaa Wayyaanee morman ijaaruuf waan isa gargaaruuf jecha,
Gadaa (umurii) diina kaayoo waan gabaabsuuf jecha,
Dhimma dhaabaa tokko irra dhimmii guutu biyyaa fi dantaa ummata Oromoo kan waloo waan hunda kan caaluu akka ta’ee hubannoota gahaa ummatichaaf waan akeekuuf jechaa fi
• Humna waraana Oromoo jabaa tokko kan wabii nageenyaa fi guddina ummata Oromoo ta’ee tokkoo, kan bu’urii isaa lafa irra jiruu fi qabsaawaas jiru dandeetti WBO karaa humana namaa, qabeenyaa fi dhiheesiin ol kaasuun tarsimoo ool aanaatti waan tarkaanfachiisuuf jecha tokkoomuun qabsaawootaa fi ummata Oromoo argamsiisuu fi tiksuun bilisummaa sabichaa fi biyya Oromiyaatif murteessa dha.
Haali barruu kutaa 1ffaa, 2ffaa fi sadaffaa kana kessatti hanga tokko tutuqame kuni guutamnaan, deebiisaan mata duree barreeffama kanaa Oromiyaa daandii”Siyaasaa fi diinagdee kammiirra garam? “ jedhuuf , daandiin Oromiyaa gabrummaa irraa gara bilisummaa fi walabummaatti malee karaa biro ta’uu hin danda’u. Karaa diinagdeenis yoo ta’ee, qabeenyaa ummata Oromoo bara 150 ol saamamaa bahee fi ammas itti jiramu hunda qabeenyaa mootummaa ummata Oromoo jalatti deebbiisuun, saba Oromoof wal qixatti akka dhuunfaa isaa jallatti deebbi’u gochuun alatti mali biro hin jiru. Yoo haali kuni hin guutamne garuu, gaafii kanaa faalla ta’uun bakkuma jiruutti lafa dhiituu fi of duubba deebbi’uun ilee ni mala soda jedhuun qaba. Itti gaafatama seenaa haalaan ulfaataa ta’e kana bahuu dhabuun ummata Oromoo dhumiinsa lamafaaf qopheeysudha. Waan ta’eefis, haalleen kuni akka guutaman gochuuf Oromoo martuu dirqama dhalootaan qabuun gurmaawuun kan isa irra jiru ta’uu hubatee, itti gaafatama seenaan dhuunfaa fi waloon isaan feete kana bahuu qaba. Karooraa fi ajandaa isaaf ifaa ta’een hojjachu qaba malee ajandaa faashistootni isa doorsiisuuf malaan dadarbatan irratti yeroo isaa gubuu fi waccuu hin qabu. Keessaahuu, hayooni Oromoo kaneen waldaya qormaata Oromoo keessatti uf ijaaranii haala ummata Oromoo bali’naan qoratanii fi guutmatti sab-boonntootni Oromoo bu’ura barruu kana keessatti kaka’an kana irratti hojjachuutu irra jira. Oromoo tokkeen yoo rakkoo saba isaa irra gahaa jiru itti dhagahamee itti gaafatamummaan itti dhagahame, guutuun sabaas mirga tokkee Oromtichaaf/tiitif/ yoo kan dhaabatu ta’ee, sirnaan gurmoofne yoo kaane injifannoon fagoo hin ta’u. Diinni keenya hedduu dha.Isaan kana dura dhaabachuuf afaanin qofa osoo hin taane hojii lafa irratti jijjiirama fiduun injifannoon keessaa bahuuf jaalanuus jibbinuus tokkummaan qabsaawuun keenya dirqama seenaan nuun fedhe ta’u hubanne itti gaafatama seenaa kan waloon qabnu kana bahuu irratti fuula deefachu qabna. Yoo kana goone, Kufaatti faashistoota ABUT shaffisiisuun bilisummaa ummata oromoo fi walabummaa Oromiyaa shaffisiisuu dha jedheen amana.
Tokkummaan humana!
ABOn shakkii malee ni humnooma!!
Oromummaan haa jiraatu!
Injfannoo ummata Oromoof!

Check Also

Amanuel Wondimu

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to …