Oduu Haaraya

Maaliif kan dabre irraa hin baranne?

 

xalayaaKutaa duraa

Gaafiin asitti dhiyaate kun gaafii walii galaa ti. Gadifageenyaan yoo ilaalle gaafilee gara garaa of keessaa qabaachuu danda’a. Fakkeenyaaf

  • Maaliif balleessa dabre irraa hin baranne?
  • Maaliif hojii waliin dalagaa turre irraa hin baranne?
  • Maaliif kan dubbifnne,dhageenye fi argine irraa illee hin baranne?
  • Maaliif seenaa irraa hin baranne?
  • Maaliif gochaa addunyaa kana keessatti godhame fi godhamaa jiru, ta’ee fi ta’aa jiru irraa hin baranne?
  • Maaliif orma irraa illee hin baranne? fi kan kana fakkaatan mul’isuu danda’a jechuu dha.

Ilmaan namootaa jiruu isaanii keessatti otuu beekanis ta’ee otuu hin beekin balleessa gara garaa hojjetu. Namni balleessa malee qulqullaa’ee jiraatu addunyaa kana irra hin jiru. Gara kanaan ilmaan namootaa hunduu wal qixxee dha jechuu ni danda’ama.

Haa ta’u malee garaa garummaan namaa kan beekamu ykn madaalamu balleessa sana akkamitt akka ilaalani fi maal irraa barachuu akka danda’an irratti. Namni beekaan otuu beekus ta’ee otuu hin beekin balleessa hojjete sana gara galee laaluu dhaan, xinxaalee, hubatee, itti amanee fudhatee gara fuulduraa maal akka irraa baratu yaada. Beekaatu  balleessa dabre irraa baratee balleessi akkasii akka deebi’ee hin hojjetamne godha. Muuxannoo irraa argata jechuu dha. Kan dabre irraa barachuun ammo beekumsa guddaa dha.

Namni balleessa dabre irraa hinbaranne gara lamaan ilaalamuu danda’a. Tokko kan balleessa sana hinbeekne fi itti amanee hinfudhanne yoo ta’u, eega hinbeekin, itti amanee hin fudhatin balleessa sana irraa barachuus hin danda’u. Kun wallaalaa ykn gowwaa dha. Inni lammataa balleessa dabre sana otuma beekuu garuu itti amanee kan hin fudhanne fi irraa barachuu illee kan hin feene ykn hin barbaadne dha. Namnni akkanaa kun balleessa biraas itti fufuu waan danda’uuf ofis ta’ee nama biraa miidhuu danda’a. Balleessa guddaa caalaa fida. Balleessa tu balleessa biraa dhalcha jechuu dha.

Mata duree barruu kanaa irratti “Maaliif kan dabre irraa hin baranne?” jedhee gaafii kana kaasuun koo waa’ee Qabsoo Bilisummaa Oromoo keessatti wanni hubatamu tokko tokko waan naa hin galle fi na dhibuufi. Barruu isa kutaa duraa kana keessatti gaafii kana qabsaa’ota fi jaarmayoota siyaasaa Oromoo tiif dhiyeessuun barbaada.

Qabsaa’onni fi jaarmayoonni siyaasaa Oromoo kan walaba ta’anii socha’an hunduu kaayyoon isaanii tokkuma natti fakkaata. Kan hundi isaanii dhaabbataniif wanni guddaan tokko kan waliin qaban mirga ummata Oromootiif qabsaa’uu dha.

Waayee Bilisummaa uummata Oromoo fi Walabummaa Oromiyaa irrattis ilaalcha fi karaa ittiin deemantu adda adda ta’uu danda’a malee galiin booddee kan hundumaatuu tokkuma jedheen amana.

Mee fakkeenya tokkon kaasuu barbaada. Namoota tu bakka tokko ga’uuf ganama ka’anii karaa deemsa jalqaban. Otuma deemaa jiranuu dhaabbatanii akkamitti dafanii bakka sana ga’uu akka danda’an waliin dubbachuu jalqaban. Namoonni tokko tokko karaa kana deemnna jedhu; kan biraa ammo karaa biro yaadu. Garuu galiin isaanii bakkuma tokko waan ta’eef addaan ba’uu hin barbaadne. Karaa irratti walii galuus hin dandeenye. Kana wayya sana wayya irratti waliin mormuu jalqaban. Walii galtees dhaban. Otuma ol baasanii gadi buusanuu yeroonis deemte. Booddee irra walii galteen dhabamnaan gara gara hiramanii karaa adda addaa deemuuf murteeffatan. Karaan gara garaa kunis hundaafuu haaraa waan ta’e fi duraan sirriitti waan hin qorataminiif rakkisaa ta’ee hundi isaanuu otuu bakka barbaadan sana hinga’in aduunis lixxe guyyaanis dukkanaa’e.

Dukkanaan deemuun waan hin danda’amneef amma bari’utti guyyaa biraa eeguun dirqama ta’e. Halkan bari’uun isaa hinoolu, guyyaanis dabree guyyaan biraa dhufuun hinhafu. Guyyaa itti aanaas deemsa isaanii itti fufan; garuu murni tokko illee bakka galii sana ga’uu hin dandeenye. Otuu durumaan jalqabuma irratti akkuma galii tokkoof ka’an sanatti karaa irra deemuu barbaadan tokko irratti walii galanii turani rakkoon kun hin uumamu ture; wal jajjabeessanii, human walitti horanii waliin achi ga’uu danda’u turani.

Haalli Qabsaa’onni fi jaarmayoonni siyaasaa Oromoo kan walaba ta’anii mirga saba keenyaaf qabsoo keessa jiranis kan fakkeenya kana irraa adda ta’uu miti jedheen amana. Akkuman kanaa olitti kaase, galiin booddee kan hundaa tu tokkuma. Karaa fi ilaalcha tu gara gara ta’uu danda’a. Tooftaa ittiin deemantu adda adda ta’uu danda’a. Garuu akkuma mul’atu tokkumti illee galii hawwame sana ga’uu hin dandeenye. Kanaaf karaa fi tooftaa dafee galii sanaan ga’uu danda’u tokko irratti wal mari’atanii, walii galtee uumanii, tokkummaa dhaabanii waliin yoo deeman malee kophaa kophaa deemuun eessanuu nama hin ga’u jechuu koo ti. Yeroo fi umrii fixuu duwwaa ta’a. Walii galtee fi tokkummaa tu furmaata guddaa dha.

Walii galtee fi tokkummaan yoo hin jiraanne akka mana qaawwa baay’ee qabuu ti. Mana qaawwa baay’ee qabu bubbeetu gara garaan itti seena. Yoo bubbeen kun jabaate mana kana jigsuu illee danda’a. Qbsoo Bilisummaa Oromoo keessas walii galtee fi tokkummaan yoo hin jiraanne akkuma mana qaawwa baay’ee bubbeen gara garaan itti seenu sana diinni keenyas gara garaan qabsoo keenya keessa seenee laaffisuu danda’a; dhabamsiisuu illee mala. Gochaan diinaa kan akkanaa kun kanuma mul’achaa jiru dha. Diinni halkkan tokko rafee hinbulu. Halkanii fi guyyaa nurratti  duulaa jiru. Duula kana injifannee galii keenya ga’uu kan dandeenyu kan darbe irraa barannee, muuxannoo irraa argannee, dhibdelee nu jidduu jiraniif dafnee furmaata argannee, walii galtee uumnee, tokkummaa ijaarree, humnna keenya cimsinee karaa tokko karaa dafee gara bilisummaa itti nu geessu waliin yoo deemne qofaa dha.

Kanaafuu, qabsaa’onni Bilisummaa Oromoo waayee kanaa gadii kana irra deebi’anii akka hubatan carraa kanaan kabajaan gaafachuun barbaada. Waayee kana hin beektan, ana tu isin caalaa beeka jedhee isinitti himuu koo otuu hintaane dhibdeelee isin jidduutti uumaman dhiisaati waayee kanaaf dursa kennaa jechuu koo ti.

  • Jaallewwan ganama kaayyoo tokkoof waliin qabsootti kaatanii isin biraa wareegamanii hafan; sagaleen isaanii (kaayyoo kana bakkaan ga’aa kan jedhu) isinitt lallabamaa jira. Sagalee kana yoo dhaga’uu baattan seenaan isin gaafata.
  • Lammiilee Oromoo kan mana hidhaa keessatti guyyaa dhaa guyyatti dararamaa jiran; nu dhaqqabaa bilisa nu baasaa jedhanii isinitti lallabaa jiru
  • Barattoonni Oromoo otuu barumsa isaanii xumurani kan egeree biyya keenyaa ta’ani fi warra rakkachaa isaan barsiisef waabii ta’an mana barumsaa irraa ari’amanii rakkachaa jiru
  • Dubartoonni Oromoo kan umriin isaanii illee ijoollee ta’an otuu hinhafin, kan gargaarsa homaa hin qabne, kan human hin qabne alagaa dhaan gudeedamaa jiru, kan egereen isaanii illee waan ta’u hinbeekamne imimmaani fi dhiiga isaanii gadnaqaa jiru
  • Ummanni Oromoo qa’ee isaanii fi lafa abbaa isaanii irraa humnaan buqqa’anii, lafa kana alagaan inveestaroota alaatti gurguruudhaan ittiin duroomaa jira. Warra kaleessa kophee barbaasoo godhatee Oromiyaa seene tu har’a abbaa miliyoonii ta’aa jira.
  • Lammiileen Oromoo kan biyyaa isaanii irraa baqatanii biyyaa ambaa keessa jiran rakkoolee gara garaa keessa akka jiran kanuma dhaga’amaa jiru dha
  • Har’a diinni gabroonfataan nurra jiru otuu nu nyaachaa jiruu otuu hin quufin diinni biraa tooftaa tolfatee, ammas deebi’ee nu gabroomsuuf qophaa’aa jira. Kun kan ta’e ammo tokkummaa dhabuu keenya fi laafina keenya arganii ti.

Rrakkooleen keenya kana duwwaa miti; lakkaawamee hin dhumu. Kana isintu caalaa beeka. Egaa gaafiin ani isniif dhiyeessuu barbaadu: Otuu rakkoolee fi dhugaan jiru kana ta’ee jiruu; dhimma kanaaf dursa kennuu dhaa dhibdee isin jidduutti uumamef daftanii furmaata kennuu dhiiftanii; gara gara faffacaatanii, humna, dandeettii fi qabeenya keessan addaan qooddanii, olola wal irratti gootanii, wal irratti duultanii, alagaa dhaaf ammo balbala bantanii; qabsoon akka laaftu fi qancaru gootanii, saba Oromoof bu’aa tokko otuu hin agarsiisin umrii keessani illee maaliif fixxan? Maaliif kan dabre irraa hin baranne? Maaliif tokko hin taane?

Karaan har’a deemamaa jiru eessumaanuu nu ga’uu hin dandeenye. Karaa fi tooftaan bilisummaa keenya dhiyeessuu danda’u tokkummaa duwwaa dha. Wal jaalalli, wal obsuun, wal dhageeffachuun, wal kabajuun, amananii wal amansiisuun, balleessa godhameef illee itti gaafatama fudhachuun aadaa ta’uu barbaachisa. Yoo kun hin jiraanne ykn hin taane, yoomiyyuu tokkumman hin argamu. Yoo tokkumman hinjiraanne ammoo humni keenyas waan laafuuf diinnis nutti cima; bilisummaan achi nurraa fagaachuu dandeessi. Gabroonfataanis umrii bittaa isaa dheerenffata.

Beekumsa, dandeettii fi saba bal’aa qabnna. Kan nuyi amma dhabne waliigaltee fi tokkummaa dha. Waan kun dhabameef diinni gara gara qoqqoodee nu balleessuu barbaada. Namooni kara irratti walii hin galle mana yoo ga’anis walii galuu hin danda’an. Bakkee teessumaa barcuma irratti wal loluu danda’u. Gaaf sana ammo sirumaa rakkoo guddaa tu uumamuu mala. Man sana illee diiguu tu dhufa. Kanaaf rakkoo guddaan otuu nutti hin dhufin kan dabre irraa barannee nu ga’e haa jennu.

Abdii Boruu

Abdii Boruu Email: aboruu@gmail.com

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

AMALOOTA KUFAATII SIRNA ABBAA IRREE MIRKANEESSAN BEEKTAA?

Saphaloo Kadiir irraa. Sirnoonni Abbaa Irree kamuu amaloota wal fakkaatoo gaafa kufuuf qilee irra gahan …

3 comments

  1. Hundi keenya teenyee waa`ee tokkummaa odeesina tanaan yoom tokko taana? tokkuman oduun utuu hin ta`iin hojiin dhufa.
    Biyya lafaa kanarrati, saba kaamiti qabisoo malee kaayyoo tokkof hiriire? Utuu jabaan tokko ka`ee bu`aa argisiise hunduu jala hiriire tokkuman dhufa malee, tokkumaa lallabinee fi sirbineef Oromoon tokko ta`uu hindanda`u. Tokko kan taanu humni soddatamu yoo jiraate duwwaadha. Oduu fi kadhaan tokkumman hindhufu!

  2. yaada keessan kennuu/ hiruu/n keessaan gaari kan martuu yaaduu fi hawwuu dha. rakkoon keenya garuu ‘ QAAMAAN GUDDANNE MALEE SAMMUUN HINGUDDATIIN JIRRA’ kanaftu hojii dhiifnee hinaaffaa, diigumsa, jibbinsa, wal hamachuu, madaa walii orfuu, dhoksaa keenya waliif haguuguu dadhabnee ordaa itti keenyee horfine. kana . guyyaa sammuu oromummaan guddannee wal geenye sana……….. eegaa wan marti salphaa taati. amma yoo gaafatte/qoratte/ hawaasa kana keessaa namooni baratan bayyinni isaa heddu. doktoora , profeesara, injiinera, ajab, garuu kan OROMUMMAA barate xiqoo dha. inni barate jettu kun maalii jetta eegaa. rabbi haabeku.

  3. Abdi,
    baay’e galatoomi, waan gaari jette. Tokkummaa Kaayyoo duwaa utuu hin ta’iin, tokkummaa Karaas nu barbaachisa. Waaqayyoo nu haa gargaaru!!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *