Oduu Haaraya

Maaliif kan dabre irraa hin baranne? (Kutaa lammaffaa)

Maaliif kan dabre irraa hin baranne? (Kutaa lammaffaa)

Kutaa lammaffaa

 

xalayaaMata duree kana jalatti isa kutaa duraa keessatti qabsaa’ota fi jaarmayoota siyaasaa Oromoo kan walaba ta’anii socha’aniif gaafii kana dhiyeesseen ture. Gaafiin kiyya walumaa galatti gaafii waliigalummaa fi tokkummaa ti.

Dhibdeelee isaan jidduutti uumamaniin kann ka’e gara gara hiramanii, humna ofii dadhabsiisuun, olola wal irratti oofuun, diina dhiisanii wal irratti duuluun, wal arrabsuun, wal abaaruun, sababa kanaan qabsoon Bilisummaa akka qancartu godhuun, umrii isaanii illee kana irratti fixuun isaaniifis ta’ee uummata Orommof bu’aa waan hin qabneef dhibdeelee isaan jidduu jiraniif furmaata argachuuf, waliin haasa’anii, waliigaltee akka uumani fi tokkummaa akka ijaaran kan darbe irraa akka baratan carraa sanaan dhaamsa kiyyaa illee dabarseefiin ture.

Barruu kiyya kan har’aa kutaa lammaffaa kana keessatti ammoo gaafuma kanan lammiilee Oromoo hundaafuu dhiyeessuu barbaada. Kun barbaachisaa kan ta’e lammiileen tokko tokko gochaa diigumsa Oromummaa dalagaa waan jiranii fi meediaalee tokko tokko irratti wanni nama gaddisiisu mul’achaa waan jiruuf. Duraan dursee garuu wanni tokko akka hubatamun barbaada.

Qabsaa’onni Bilisummaa Oromoo kan qabsoo irratti wareegamanis ta’e kan har’a qabsoo kana irra jiran bu’aan isaan qabsoo kana keessatti uummata Oromoof buusan(agarsiisan) yeroo tokko tokko akka xinnaa itti ilaalama. Kun garuu dhugaa miti. Akka ilaalcha fi amantii kiyyaatti bu’aan isaan nuu buusan baay’ee guddaa dha. Bu’oolee kana keessaa isaan gurguddaan walumaa galatti tokko har’a Afaan keenyaan barreessuu danda’uu yoo ta’u inni biraa ammoo biyyi keenya Oromiyaan addunyaa irratti beekamuu ishii ti. Dhugaa dubbachuu dhaa kun bu’aa guddaa amma kana hin jedhamne dha. Isaan kun lamaan galii gurguddoota haa ta’an malee galiin biroos baay’ee tu jiru. Wanni tokko kan dagatamuu hin qabaanne har’a hundi keenyaa mataa olqabannee Afaan keenya dubbannee, ittiin barreessinee, ittiin hojjennee, aadaa keenya kan kufe olkaafnnee, sadarkaa kana irra ga’uu danda’uun bu’oolee qabsaa’onni Oromoo nuu buusani yoon jedhe waanan dogoggore natti hin fakkaatu.

Galii guddaa hawwame (Bilisummaa fi Walabummaa) tu ture malee hoomtuu hin hojjetamnne jechuu hin dandeenyu. Waa baay’ee tu hojjetame, hojjetamaa illee jira. Kana ammoo hundi keenyaa ittiin boonuu tu nurra jira. Namnni waan xiqqaa hin galateeffanne waan guddaa yoo argate illee galata hin jedhu. Kanaaf rakkoolee har’a dhalatan qofaa hordofnnee kaan dagachuun sirrii miti. Karaa qabsaa’onni keenya deemanii as ga’an of duuba garagallee ilaaluu tu nurra jira. Eessaa ka’anii eessa akka jiran illee hubachuu tu nu irraa eegama. Kabaja guddaa isaaniif qabaachuun barbaachisaa dha. Nama waan tokko namaa godhe dhiisii akkanumattuu nama kabajuun aaduma Oromoo ti jedheen amana.

Akka ilaalcha kiyyaa itti qabsaa’ota fi jaarmayoota siyaasaa Oromoo kan wal dhabsiise fi dhibdeeleen isaan jidduutti akka uumaman kan godhe ilaalcha, karaa fi tooftaa isaan itti amanani malee kaayyoon isaanii gara gara ta’ee natti hin fakkaatu. Kaayyoon isaanii tokko kan walii mirguma keenyaaf qabsaa’uu dha.

Erga kan wareegamanis mirga keenyaaf jedhanii lubbuu isaanii dhabanii, kan qabsaa’aa jiranis umrii isaanii qabsoo kanarratti fixanii kun hunduu dhimmuma (mirguma) keenyaaf waan ta’eef nuyi ammoo kabaja guddaa isaanii qabaachuun dirqama keenya yoon jedhe illee dharaa miti. Balleessa isaan hojjetan qeequun mirga keenya, kana godhuun barbaachisaa dhas.Yoo waan gaarii hojjetan isaan jala kaannee yoo balleessa ykn dogoggora hojjetan ammoo irraa garagallee isaan arrabsuu fi abaaruun, akka diinna itti ilaaluun, tuffachuun (kabaja dhabuun) kan nama irraa eegamuu miti.

Namnni tokko yoo waa hojjetu ykn godhu hojjaa ykn gochaa sana keessatti balleesa argamsiisa. Gabaabinumatti kann hojjetu tu waa balleessuu danda’a jechuu dha. Kan hin hojjenne kan homaa waa tokko hin goone taa’eetuma balleessa hojjechuu hin danda’u, calliseetuma taa’uun isaa yoo akka balleessaa  itti ilaalame malee. Kanaaf namni tokko ofiisaatiif otuu homaa hin godhin nama tokko irratti baleessa argeef nama sana arrabsuu fi abaaruun irra hin jiru.

Kan baay’ee nama gaddisiisu lammiileen tokko tokko namoota irratti duuluu, olola irratti oofuu, nagaa booressuu fi kan kana fakkaatan akkuma hojii godhatanii argamuu isaanii ti. Waan gaarii waan dubbatan ykn dalagan itti fakkaata malee balleessa amma kana hin jedhamnne akka gochaa jiran hin galleef natti fakkaata. Yookanis otuma beekanuu godhan ta’uus danda’a. Kan ta’es ta’u yoo badiin tokko dhalate garuu isaanis akka kana irraa hin hafne beekuu qabu.”Amma naa ife (natti mul‘ate) jedhe ballaan mana gubee”jedhee makmaakaa miti Oromoon.

Hunda caalaa gaddisiisaa fi balleessa hamaan olola lammiileen tokko tokko godhani fi summii jibbaa uummata keenya keessatti facaasuu isaanii ti. Ilmaan Oromoo ilmaan abbaa fi haadha tokkoo ganda, naannoo fi kutaa dhaan addaan faffacaasuu barbaadu. Otuu rakkoo baay’ee qabnnuu rakkoo biraa uumanii akka qabsoon Bilisummaa illee naaftu godhuu barbaadu. Kun dhugaa meeshaa diigaa Oromummaa ti. Warrii daba daangaa hinqabne hojjetan kun dhuga Oromoo miti, yookaan alagoota, yookanis ammoo ergamtoota alagaa ti malee Oromoo ta’e namnni sammuun isaa sirriitti yaaduu danda’u uummata Oromoo irratti dalaga akkanaa hin dalagu.

Yeroon ammaa yeroo Oromummaa cimsanii, wallin haasa’anii, waliigaltee godhanii, tokkummaa ijaarani, harkka wal qabatanii, humnna jabeessanii qabsoo cimsanii gara galii booddee itti waliin deeman malee yeroo duula diigaa akkanaa kanaaf boqonnaa haaraa bananii miti.

Yeroon ammaa Oromummaa fi Obbolummaa dhaan humna walii ta’anii diina injifatanii Bilisummaa uummata keenyaa fi Walabummaa biyya keenyaaf yoomiyyuu caalaa kan qabsoo finiinsani malee yeroo, gandaan, naannoo dhaan, kutaa dhaan, amantii dhaan, beekumsa fi qabeenyaan wal qoqqoodanii miti. Kun tooftaa fi olola diinaa kan ittiin gargar nu hiranii nu balleessuuf itti qophaa’annii dha. Tooftaan diinaa kan akkanaa kun tooftaa dulloomaa kan waggaa dhibbaa ol itti fayyadamani fi amma illee itti fayyadamaa jiranii dha. Kun nuuf haaraa miti. Kanuma kanaan duras argine fi beeknu dha; kan seenaan illee agarsiisuu dha. Kan balleessi meeqa nurratti ittiin hojjetamaa ture fi har’a illee itti jiru dha. Naannoo kamittuu haa dhalatu, kutaa kamiyyuu haa dhufu, amantii fe’e haa qabaatu Oromoon tokko. Oromummaa ofirraa dhiquu hin dandeenyu. Kun dhaloota fi uumaa waaqayyoo ti.

Akkuman barruu kiyya isa duraa keessatti jedhe ammas kanan irra deebi’uu barbaadu: Wal jaalalli, walii nawuun, wal gorsuun, wal dhaggeeffachuun, wal kabajuun, wal amanuun, wal amansiisuun akkasumas balleessa godhameef illee itti gaafatama fudhachuu danda’uun aadaa keenya ta’uu barbaachisa. Yoo kana hojii irra oolchine rakkoon takk illee nu jidduu itti argamuu hin dandeessu. 

Waaqayyo waliigaltee nuu haa kennu; akka tokkoomnnu nu haa godhu; humna fi jabeenya nuu haa kennu. Kan waaqayyo dhalootaan nuu kenne beekumsa, qabeena fi biyya hawwamtuu qabnna waliigaltee fi tokkummaa qofaa dhabnne. Waaqayyo bilisummaa dur qabnu kan diinni qawwee dhaan nurraa fudhate deebifnee akka argannu nu haa godhu. Amma walitti deebinutti nagaan turaa.

Abdii Boruu


Disclaimer: The author of the article  whose opinions are published here carries
the full responsibility of any kind related to his/her contribution. “bilisummaa.com” IS NOT accountable for any thought and content of the author’s articles/documents.
Also, bilisummaa.com is an independent publication that does not endorse any single idea or represent any entity or group

 

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Waraana calqaba isaa malee xumurrii fi ittibahinsi isaa hin beekamne – Oromoon maal godhuu qaba?

Berhanu Hundee Waraanni amma garee seeraa fi heeraa ala mootummaa Federaalaa ofiin jedhu fi mootummaa …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *