Oduu Haaraya

Mammaaksota Saboota Addunyaa

Harki abaaboo namaa kennu ni urgaa’a. (Chinese)
Namoota baay’atanii laga ce’an naachi hin-nyaatu. (African)
Kufaatii diinakeetti hingammadiin; lafaa isa kaasuufis hinariifatiin. (Jewish)
Hanga laga ceetutti naacha hinarrabsiin. (Haitian)
Yoo kolfuu hinjaalattu ta’e Suuqii hinbanatiin. (Chinese)
Nama fuudhaaf deemuu fi nama waraanaaf deemu hingorsani. (Spanish)
Dhugaa dubbachuu hinsodaatiin; garuu dafii achii deemi. (Slovenian)
Mala Jaalalaa: suuta qabi; suuta gadi dhiisi. (Spanish)
Lagni hangam fagaatee deemus, madda isaa hindagatu. (Nigerian)
Maalummaa nama tokkoo isa dhugaa baruuf, hanga inni taayitaa argatutti eegi. (Yugoslav)
Saree hindunnee fi bishaan ciisu amantee itti hindeemiin. (German)
Bakka itti kufte caalaa bakka itti mucucaatte yaadadhu. (African)
Gorsaa fi soogidda osoo hingaafatamiin hinkenniin. (Italian)
Sooressa, namni gowwaa hinse’u. (Spanish)
Hiriyaakee dhugaa harka lamaaniin qabadhu. (Nigerian)
Mukti jallaan, gaaddidduun isaatis jallaa dha. (French)
Osoo hinilaaliin hindhugiin; osoo hindubbisiin hinmallatteessiin. (Spanish)
Onneekee oftuulummaan hinguutiin; ogummaadhaaf bakka dhabdaa. (African)
Waaqni simbirrootaaf nyaata ni kennaaf; garuu baatee manatti isaan hingalchu. (Danish)
Maallaqni hindubbatu; garuu soba dhugaa fakkeessa. (South African)
Yeroo arfaasaa ooruu (maasaa) kee, yeroo gannaa immoo mana kee gadi hindhiisiin. (Chinese)

Check Also

a

Kuusa jechoota Afaan Oromoo Ramaddiin isii maqaa. (noun) A Qubee 1 Jechi kun akkmitti dubbifma? …