Oduu Haaraya

“MANA JIGUUF REEQQISE ABBAATU JALAA BAQATA!!”

 

saphaloo kadiirDhugaa dubbachuuf haalli amma jiru qabatamaan diddiigamuuf qileerra jiraachuu OPDO ifatti nutti mul’isaa jira. Wayyaaneen balfa Opdof qabdu irraa akka nama heexoo dhuguutti fuula suukanneessitee dubbachaa jirti. Opdon ammoo akka wandaqa gooftaa isaa dura dhaabbachuu sodaatee wallattaa’uutti hollachaa jirti. Hanga ammaan duraa kan ture lolli sammuu amma immoo qabatamaan gara afaanii baafatanii walitti deddeebifachuu gahanii jiran.

Kanaas kan nuuf mirkaneessu gaafiif deebii Abbaa Duulaa Gammadaa torbee dabre raadiyoo FM wayyaanee tokkoo waliin taasiseefi haasawa Abbaay Xahayyee kaleessa gaafa Amajjii 17 website “Horn Affairs” jedhamu irratti haasawe ilaaluun ni danda’ama. Abbaa Duulaan raadiyoo FM sanitratti “Ummanni oromoo haqa qaba” jechaa ture. Abbaay Xahayyee ammoo “Ummanni oromoo eenyu akka isa saame, eenyu akka isa miidhe ni beeka” jechuun haasawa Abbaa Duulaatiif deebii waan kenne fakkaata. (Fakkaachuu qofa osoo hin taane akkasumaasi)

Abbaa Duulaafi Abbaay Xahayyee yoo kan ilaallu tahe lamaan isaaniitu dhaaba keessa jiraniuf hangafoota. Abbaa Duulaan bu’ureessitoota opdo keessaa tokkoofi hangafa yoo tahu, Abbaay Xahayyee ammoo hundeessitoota fi hoggantoota ol aanoo tplf keessaa isa guddaa dha. “Tuuttoon sirnaan hin kabamin dhimmisuu hin dhiiftu” akkuma ja’amu san lamaan isaaniituu akkaataan itti haasawan yoo laallu waan wal gad diiguuf deeman fakkaata.

“Ummanni Oromoo eenyu akka lafa isaa saame ni beeka” jechuun quba isaa jallaa gara opdo akeekuu bira dabree, Lafti oromoo aanga’oota opdo’tiin gubbaa hanga jalaatti qabatamaan saamamuus ifatti dubbatee jira. “Yaa rabbi walitti kaasii haqa keenya jidduu baasi” kan jedhan san kanaa mitiiree? Amma wal qeequun kan jalqabame kun yeroo gabaabdutti waan ajaa’iibaa gad futtaasuuf teessi. Warri tplf saaminsa lafaa irratti harka opdo’tiin waan ibidda qabatan fakkaatu. Yoo keessa gad laalan dubbiin tan hattoota lamaan jimaa namaa waliin hatanii kakatan san fakkaatti.

Dubbiin akkana. Hattoota lamaatu jimaa namaa hatuuf waliin ooyruu jimaan jiidhaa dhaqan. Inni tokko isa tokko gateetii irra kaayyatee maasaa jimaatiin seene. Inni gateetii irra jiru ammoo jimaa harka isaatiin guure. Ganama abbaan jimaa isaa kan guuramee argee akka hawaasni gandaa hafarfataa (bahanii kakataniif) abbaa gandaa gaafata. Abbaan gandaatiis nama hunda walitti baasee kakachiisuu jalqabe.

Namni marti kakachaa tartiibni jara lamaan yoo gahu, inni tokko gurmuurra kaayyatee miilaan ooyruu seene san “Ani yoon jimaa kee qaxalaa (damee) takka mure harka kiyya kana dhukkuba willistiitiin narraa haa muru” ja’ee kakate. Inni harkaan guuree ammoo “Yoon ooyruu (maasaa) jimaa keetii faana tiyyaan seenee jiraadhe rabbiin dhukkuba hin beekkamneen miila kiyya lamaanuu jilbatti narraa haa ciqqaawu” ja’ee kakate. Dubbiin tplf fi opdos sanuma fakkaatti.

Hundaafuu, mana jiguuf ka’e abbaatu jalaa baqataa, osoo isin irratti hin jiigne miseensoonni opdo yeroon jalaa maladhaa. Manni dhaabni isaa reeqqisee, zaraaraan isaa daariqee, utubaan isaa qinxaawee gama tokkotti yakkatee fonqoluuf fittee irra jiru jala teessanii gaafa isin irratti jige ammoo eenyuun akka boochan mooji. Keessattuu ilmaan oromoo yeroo kanatti nama isaaf hin dirmanne akkuma Goobanaa Daceetti ajeeyfattee umrii guutuu abaaraa jiraata waan taheef dafaa if eewalaa.

Qotee bulaa cimaan bara geeyriin buutullee dursee beeka. Akkasuma miseensoonni opdo kan sammuun qaroo duruu hororoqee jiguu dhaabichaa hubatanii keessaa malachaa jiran. Opdon nama sammuun qaraa baayyee waan hin jaalanneef harki caalu kan keessoo dhaabaa guute ‘qushaan-qushur’ gatii hin qabne akka tahe ni beekna. (Manni qaraa duruu ayaaf hin tahu) Miseensoonnii opdo doofaaleen akka waan dhaabni kun hadiida taheetti qalbii quufa itti himanii diriirfatanii ta’aa jiran. Akka hoolaa gaafa qalan sammii arguutti, eega dhaabni kun ‘fanqalal’ je’ee miila samitti ol dachaase booda babattisuu irra, amma dafanii itti yaadaanii keessaa miliquu akka qaban ani isaaniif dhaame tiyyaa.

“Muugaa namni bulchan nama rafe qofa” Sabni oromoo ammoo yeroo mara akkuma dammaqetti jira waan taheef kana booda yeyyii tanaan buluu hin qabu.

‪#‎Saphaloo_Kadiir‬ / Abdulbasit
Amajjii, 2016

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Waraana calqaba isaa malee xumurrii fi ittibahinsi isaa hin beekamne – Oromoon maal godhuu qaba?

Berhanu Hundee Waraanni amma garee seeraa fi heeraa ala mootummaa Federaalaa ofiin jedhu fi mootummaa …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *