Oduu Haaraya

Manni barumsa qaro dhabeeyyii Baha Oromiyaa tana hin jiruu?

WAAN QALBII NAMA CABSU

Yoo jiraachuu baate qaamni dhimmi kun ilaallatu maaliif haala mijjeeysee joollee tana akka baratan godhuu dhabe?

qaro dhabeeyyii

“Ijoolleen kun ilmaan Jaarsoo Dagaa Qalloo Lafa seena qabeessa qabsoo Oromoo, iddoo dhaloota gameessa qabsaawaa Oromoo Mullis Abbaa Gadaa fi Cinaacha Oromiyaa Bahaa Go/H/Bahaa Aanaa Cinaaksan araddaa yugyugitti dhalatanii jiraachaa jiru.

Maqaan isaanii:- Rooydaa Sheek Ibraahimii fi Ayyaallee Sheek Ibraahim obboleeyyan uumamaan akka carraa tahee ija malee/qaroo dhabeeyyii ta’anii walirratti dhalataniidha. Hunda caalaa wanti nama gaddisiisu ijoolleen kun osoo qaroo hinqabne fedhii barnootaa qabaachuu irraa kan ka’e bara 2014 keessa kutaa1ffaa barattoota fayyaa qaban waliin daree tokkotti naqamanii callisaanii taa’uu malee waggaa guutuu osoo waan tokko hin hubatin abdiidhumaan jiraachaa jiru.

Meeshaa ittiin barsiisanii fi Barsiisonni ijoollee kana barsiisan hinjiran. Akka iddoo biraatti deemani hin baranne ijoolleen kun harka qalleeyyii abbaas hinqabneedha. Haati isaanii ganama harka qabdee Mana barnootaa geessaa gama biraan qoraan gurgurtee jiraachisaa jirti. Kanaaf ijoolleen kun “nutiis akka namaatti barannee ofii fi biyya keenyallee fayyaduu osoo dandeenyuu sababa qaroo dhabeeyyii taaneen Carraa barnootaa dhabuu keenyaan abdii murachaa waan jirruuf ilmaan Oromoo addunyaa mara irra jirtan iddoo biraatti deemnee barachuu akka dandeenyuuf maaltu nuuf mala?” isiniin jechuun iyyaachaa jiru. Namoonni waa’ee isaanii odeeffannoo guutuu arkachuu barbaadanii fi haala mijjeessuufi fedhii qaban Lak. Bilbilaa 0920412618 qunnamuu danda’u.”

Bareentoo Mohammediin

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *