Maraammartoo abbaa irrummaa sirnoota ItoophiyaaXiinxala gabaabaa Oromia Shall be Free |
Oduu Haaraya

Maraammartoo abbaa irrummaa sirnoota ItoophiyaaXiinxala gabaabaa

Yahayaa Bashiiriin

Akka itti sirnoonni Dargii fi EPRDF lafa qabatanii abbaa irrummaa diriirsan namni beeku kamuu waan amma deemaa jiru hubachuuf hin rakkatu.DARG:Murna waraanaa jaarame ture. Fincila barattootaa kan Baaroo Tumsaa faa bara 1965 irraa qabanii ”Lafti Qotataaf (Land to the tillers)” mata duree jedhuun sirna Nugusichaa irratti eegalan butachuun aangoo qabate. Sochiin barattootaa jalqaba 1970ootaa keessa deemaa ture akka paartii siyaasaatti kan jaarame (organizational movement) hin turre. Kanaafuu murni Dargii gidduu barattootaa fi Nugusichaa dhaabataa ture waan tokko hubate. Barattoonni waraqaa malee humna homaatuu akka hin qabnee fi sirni Nugusichaa ammoo tortoree kufuuf dhihaachuun ifee itti mul’ate.

Haala kana akka carraa warqeetti fayyadamee aangoo qabate. Itti aansuun ideology communism kan yeroo sanatti fashion ture alarraa ergifachuun hayyota qaqqaroo biyya alaa fi keessaf waamicha godhee akka gaariitti of leenjise. Kana keessatti qoodni hayyota akka Haile Fida, faa guddaa dha. Yeroo kun tahutti paartiileen seeraan galmaahan 5 sochii eegaln. MEISON, MALERID, WEZ-LEAUGE, ABIYOTAWI SEDED (Darguu mataa isaa) fi ECHAT turan.Kan nama raaju, MALERID irraa kan hafe hoggantoonni paartiilee afranii dhiigaan yoo laalle Oromoo dha. SEDED-Mangistuu, ECHAT- Baaroo Tumsaa, WEZ-LEAGUE- Senay Like fi MEISON- Haile Fida dhaan hogganamu turan. Akka dhiigaatti yoo laalle yeroon kun seenaa polotikaa Itoophiyaa keessatti yeroo itti Oromoon hoggansa biyyattii dhuunfatee dha jechuutu danda’ama. Oromoon garuu waan irraa argate hin qabu. Jara kana keessaa warri dantaa Oromoof falmaa ture tarree duraa irratti Baaroo Tumsaa ti.

Haile Fidas gama isaatiin jaaramayaa sabummaa yeroo sanatti balfullee akka itti gaaffiin Oromoo Itoophiyaa keessatti deebii argatutti tarsiimoo dhaaba isaatiin gumaachuuf hojjechaa ture. Mangistuu irraa kan hafe hogganoonni hafan hunduu warra barnootaan sadarkaa guddaarra turani dha. Garuu dhumarratti Mangistuudhuma tuffatamaa santu isaan hundumaa dabaree dabareedhaan nyaatee waggaa 17f biyyattii dhiitee bite. Hayyonni siyaasaa Oromoo har’a jiranillee waan kanarraa barnoota guddaa fudhachuutu irraa eegama. Wayta EPRPn lola magaalaa (urban gorilla) eegalee Mangistu Hailamariyam ajjeesuufillee yaaletti warri hafe hundi waliin dhaabatanii EPRP lolan. Mangistuun eega EPRP dhabamsiisee booda akka itti jara itti fayyadame sanas dhabamsiisee aangoo jabeeffatu (power consolidation strategy) baafate. Haile Fida nama mootummaa sooshaalistii dhaabuudhaan gaaffii sabootaa deebisuutu danda’ama jedhee amanuun ”xebbaab, zerenyaa” ittiin jedhee qabee hidhaa keessatti ajjeese. WEZLIG fi MALERID keessaa gariin Dargiitti baqani, warri didee mataa raasuu yaale ni dhabamsiifaman. Akkasitti sirni Dargii osoma daddaaqamuu waggaa 17 jiraate.EPRDF-EHADEG:TPLF fi bixxilleewwan isaa akka OPDO booji’amtoota loltoota Dargii irraa jaaraman ture. EPRDF Caamsaa 28, 1991 yeroo FF seenu diinummaa sirna duraanii waliin qabu ifatti himataa masaraa seene. Dhaabota sabaa hidhatoo kan akka ABO waliin hariiroo gaarii akka qabuu fafakkeessaa ture.

Caasaa sirna of-tuutltotaarra hanga aanutti hammeenya ABO fi sabboonummaa Oromoof qabu hin mul’ifne. Sabboonummaa Oromoo daboo baafatee caasaa sirna duraanii bara dheeraaf diriiree ture ciruu irratti hojjete. Eega hambaaleen sirna Dargii awwaalamuu mirkaneeffatee booda akka masaanuu isaatti kan laalu ABO irratti fuula deeffate. Akkuma yaadatamu maayyii irratti ABO irratti shiraa fi olola sobaa qindeessuun dhiibee dirree siyaasaan ala baasuuf jecha ammammoo caasaa warra Amaaraa sirna isaatti amanan daboo baafate. Humnoota akka masaanuutti laalu lachuu isa tokko kaaniin dhahuun lachuu cabsee aangoo jabeeffate. Waggaa 27 jiraate.PP:Garaacha EPRDF keessatti rimaayee, dhalatee harmuma EPRDF hodhee guddatee dardare. Qabsoo Qeerroon Oromoo karaa nagaan geggeessee lafee dugdaa EPRDF cabse fayyadamee humna jijjiiramaa fakkaatee as bahe. Carraa TPLF waliin dhahamuu jalaa ooluuf jecha ‘hiriirri koo gama sabaa ti’ jedhe.

Oromoon qabsoo godhe malee jaarmayummaa jabaa (organizational institution) aangoo siyaasaa qabatee biyya bulchu akka hin qopheeffatin yoo hubatu ‘anatu isn ceesisa’ jedhee kakate. Kana booda gooftaan keenya Oromoo dha jedhe. Oromoon irra hedduun dhugaa itti fakkaatee tole, oofi numa si laallaa jedheen. Akkuma Dargiin injifannoo barattoota bara 1970ootaa butatee aangoo ittiin qabate inni kunis qabsoo Qeerroo saamee masaraa ittiin deebisee dhuunfate. Akkuma Darguun fincila barattootaa 1970ootaa sanatti dhukaasuurraa of qabee haala jiru gamaaggamaa turee boodarra ‘’anis qaama warraaqsa kanaati’’ ofiin jedhe, inni kunis ‘’nutis keessaan qabsoo cimaarra turre, Qeerroorra harka qabaa turre’’ jedhee lallabate. Dhugaas fakkaate. Eega bakka gooftolii isaa of buusee masaraa dhuunfatee booda tapha shiraa sirnoota duraaniirraa dhaale Oromoorratti taphachuu eegale.

Jalqaba sabboonaa Oromoo of fakkeessee eega sagalee qabsoo Oromoo toyatee booda firooma humnoota sirna durii deebisuu barbaadanii waliin firooma tarsiimoo qabaachuu isaa ifatti garsiifate. Sabboonummaa Oromummaa ifatti abaare, dhabamsiisuufis irratti duule. Oromoo kutaan walirratti duulchisuuf goolii seenaan dhiifama hin goneef haala walirraa hin cinneen raaw’ate, raaw’achaas jira. Mormii Oromoo fi warra Tigraayirraa itti dhalate cabsuuf miidiyaa fi muuxannoo siyaasaa sirna duraanii leellisutti gahummaan fayyadame. Daangaa darbeeyyuu humna Eertiraa gargaarsifate. Oromiyaa fi Tigraay irratti duula walirraa hin cinne gochuun sirna federaalummaa sabummaa fi mirga hiree murteeffannaa dhabamsiisuuf akka qophii qabu dhoksaa tokko malee lallabe. Dubbiin garuu akka yaade tahuu didde. Humni olaantummaa saba tokkoo golgaa Itoophiyaa jalatti deebisuu barbaadu didee gatiittii itti baasee aangoo isaatiifuu sodaachisuurra gahe.

Amma haala kana keessattis tarsiimoo humnoota wal faallessoo dhalatanii jiran (availabe polarized forces) fayyadamuun akkamitti isa tokko kaaniin dhahaa aangoo isaa raafamaa jiru akka jabeeffatu xiinxalaa jira. Adeemsa kana keessatti yeroo fedhetti ka’ee ammas sabboonaa of fakkeessee Oromoo dogoggorsuun qaama aangoo isaaf isa yaaddessu irratti duulsifachuu yaada. Gaafa Amaara yookiin Tigraay irratti duulu akka Oromoo mirqaansifatee of faana hiriirsu amana. Gaafa Tigraayirratti duulu akka deeggarsa Oromoo fi Amaaraa hammaarrachuu danda’u abdata. Gaafa Oromoo irratti duulu Amaara gammachiifatee bobbaaseera, bobbaasaas jira. Toftaa kanaan akkuma Dargii fi abbaa isaa EPRDF sirna abbaa irrummaa gad dhaabee baroota dheeraa wayiif dhiitee bulchuu abjoota.

Wanti sirni kun hubachuu dadhabe garuu: 1. Barri keessa jiruu fi baroonni sirnoota lamaan dabranii tokko miti. Dargiin Lola Qabbanaawaa (Cold War) fayyadamee akkuma abbootii irree biyyoota hiyyeeyyii birootti tumsa warra Soviet irraa argatuun of jabeesse. Har’a addunyaan maalis tahu humna jabaa tokkicha jala (unipolar) jirti. Fedhii humna kanaarraa fagaattee milkaahuun ulfaataa dha. Biyya keessattis wayta sabboonummaan sabootaa sadarkaa laafaarra ture keessatti maqaa Itoophiyummaatiiin Dargiin milkaaheera. Sun har’a hin hojjetu. EPRDF maqaa ‘mirgoota sabummaa eegaan jira’ jedhuu fi imaammata misoomaa hordofaa tureen warra Lixaa akka dansaatti amansiifate.

Gaanfa kana keessatti dantaa isaanii eeguuf humna amansisaa akka tahe agarsiisuun warra Lixaa utubaa godhatee mormitoota isaa doomsaa of jiraachise. Akkasuu tahee garuu maayyii irratti Qeerroo Oromoo jalaa bahuu hin dandeenye.

2. Teknooloojiin wal qunnamtiis akka ammaa kanatti sirnoota dabran keessa salphaa hin turre. Mormitoonni bara sanaa fagoorraa odeessa wal jijjiiruuf yoo xiqqaate torbaan tokkoo hanga lamaa itti fudhata. Har’a sakoondii keessatti wal dubbifama. Kun qabsoo farra mootummaa milkeessuuf aanjaa guddaa uumeera.

3. Qabsoon hidhannoo Oromoo haala seenaa keessatti mul’atee hin beekneen amma sadarkaa duubatti deebisuun hin danda’amnerra gahee jira. Sabboonummaan Oromoos yeroo kamuu caalaa guddatee yoo fincilaan tahuu baates callisaan diddaa isaa yeroo itti agarsiisurra jira. Fincilatti jijjiiramuufis yeroo dheeraa hin gaafatu. Dubbiin akka gaafa Dargii fi EHADEG sanaa miti. Duulli WB hiikkachiisuuf marsaa marsaa yaalame kanaaf milkaahuu dide. Ummanni dirreetti gad bahee hin fincilin malee ilmaan isaa mirga isaaf falmitu galaana tahee akka qurxummiitti of keessa bobbaafatee wal horsiifachuun gara galii isaatti deemaa jira. Yeroo akkanaatti Oromoo waliin haaloo wal qabatanii milkaahuun hin danda’amu.

4. Wal diddaan humnoota siyaasaa gurguddaa sadan: Oromoo, Amaaraa fi Tigraay gudduutti jabaatee jiru tokko kaaniin walitti buusanii impaayerattii suphuun umrii bittaa irratti dheereffachuuf kan dandeessisu miti. Amma hunduu hiree mataa ofiif dursa kennee jira. Firaa fi diina isaa tolchee hubateera waan taheef warra gidduu kaatee bu’aa buufachuu barbaaduuf carraan hin jiru. Yeroon kun jaalatamee jibbamee saba keessaa dhalatanitti harka kennachuun alatti ummata nagaarratti goolii uumuudhaan yeroo itti umrii dheereffachuu dandeessisu miti.

5. Alarraa gargaarsi amansiisaan gogeera. Sabani isaas yoo demokraatawaa hin taanellee abbaa irree jabaa godinaa kana tasgabeessu tahuu akka hin dandeenyee fi sunimmoo dantaa warra Lixaaf yaaddoo dha. Abbaa irree jabaa tahuuf gara jabinaan ummata fixuun qofti ragaa hin tahu. Inumaa ajjeechaan jumlaa Oromiyaa fi Tigraay keessatti godhamaa jiru balaa biraa as harkisaa jira malee isa umrii dheerressu hin taane. Gooliidhaan ummata tokko kaaniin dhahanii abbaa irrummaa jabeeffachuuf carraaqqiin waggoota 4n dabran godhaman bu’aan isaa warra Lixaa biratti caalaa jibbamuu qofa tahe.

Kanaafuu falli jiru saba dhiifama gaafatanii harka itti kennachuu qofa. Fakkeenya sirnoota dabraniitiin sirna bittaa haaraa jiraachisuun hin taane, hin danda’amu. XUMURAAmma karaan fagoo nama deemsisu kallattii kamiinuu cufamaa (deadlock) tahuu hubachuun furmaata nagaa qofatti harka kennachuu male falli hafe hin jiru. Nagaatti harka kennachuuf ammoo yakkoota hanga ammaatti ummata nagaa irratti raaw’atan amananii fudhachuun murtii ummataaf of dhiheessuu gaafata. Loloota ummanni of ittisuuf godhaa jiran lola eebbifamoo fi haqaa tahuu amananii akka mooyachuu hin dandeenyee fi akkamitti biyyi lola keessaa baatee hunduu gaaffii isaa nagaan dhiheeffata jedhanii dhiphachuutu furmaata. Kanaan alatti shira tokkorratti shira biraa xaxaa, goolii tokkorratti goolii biraa raaw’achaan itti fufa jechuun umrii bittaa kan gabaabsu qofa osoo hin taane yakka irratti yakka seenaan dhiifama hin goone dabalachuu qofa taha. Injifannoo Ummata Oromoof!

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Ani Johar Muhammed tuqame jedhee murtii kana hinfudhanne.

WARREEN WAAN JOHAR MUHAMMED TUQAMEEF DHAABARRAA UFBAAFTEE JETTANII KEESSAN NA GAAFATTAN HUNDAAF DEEBISAA KIYYA. Ani …