Oduu Haaraya

Mee saamichaa biyyaa keenya oromiyaaf jijjirama maqaa biyya keenyaa dinaan jijjiramee waliin haa ilaalluu kan bara 1890 keessaaf kan bara kanaa!

Haa dubbiisnuu walumaan

 

Biyyi oromiyaa akkuma beekamu kan ummata oromootii.namoota bara mililik duraatti finfinnee bulchaa ture naannoo yeroo ammaa dinnii “”Arat kilo”jedhee ittii baafamee nama tufaa muuna jedhamuutu bulchaa ture .tufaan ilma oromticha kush oromoo keessaa isa tokkoodha qee.een isiin hubataa jirtanu kun “”””qee’ee Tufaa Munaa “jedhamuun beekama .samichi lafaaf cunqursaan diinas baroota ssna keessa hammaachaa dhufuun aarsaan ummaatni oromoo hiree isaa falmachuuf kafalee utuu beeknee dhaloota ammaatiif barumsaa itti nu jabeessaa malee waa irraa nun fageessuu.finfinnee naannoon ishii keeessaa gulallee yoo fudhaattee(fudhannee)lafa ummaannii oromoo hedduuminaan irraattii wal horee achi irraattii mirga isaa seeraan kabachifataa tureedha.maqaa baasaa diinaan ittii moggaafamuuf.maqaa dhugaa ummaanni duraan ummaannii ittii mooggaafatee jijjiruun amaluma waa namaa falmuutii.

Qee’ee tufaa munaa
Hin keeninu diinaa
Wal qallee wal huuna
Dina dhessuu mannaa
Duunetuu dhabamnaa
Du.a seenaa qabduu
Du’uunuu ulfinaa””””

Ni jijjirtee maqaa
Nu saamudhaaf haqa
Sobaan numa faaluu
Duubaan keessaan saaqaa”””

Arat kiloo jedhu
Qee’ee tufaa munaa
Akkaa kan ofii
Dhugaan ittin boona
Waa keenya gad-dhisaa
Nu yoomu falminaa
Waa dhiifne seetanii
Hedduu hin gammafinaa

Haala kanaan barootaa hedduuf oromiyaa nyaachaa ammaas nyaataa jiruu ummaannii warrii biyyaaf aadaaf seenaa mataa ofii hin qabne.oromiyaa duriif ammaa yeroo wal bira qabnee ilaalluu duraanuu tokkummaan humnaan jiraa baayye waan namatti toluudha.ummaannii durii tokkummaa ni qaba yoo waa itti ulfaatees soodaatanii duubaattii hin deebi’anuu wal qeequun hin jiruu atii asii ati achiin hin jiruu oromummaa dhugaa hiree ganamaa irraattii hunda’anii waliin qabsa’aan .

Walaloo warraa durii

Yaa warraa jajjaboo
Kan dhugaan falmattee
Oromummaadhaf
Kan ati dhaabbaattee
Falmataa daaffiisaa
Qabsoo jabeessiitee
Gandaan wal hin qoonnee
Waliin fininsiitee
Ija tokkoon ilaaltaa
Qeerroo hundeessiitee””””

Bara dhufaa darbaa
Walumaan falmannee
Dhugaa jiruu sanaa
Waliin argamsiifnee
Oromummaan maali
Jennee wal gaafannee
Ragaa jiruu sanaa
Hedduu ittii gammaannee
Baayyee isaa waliin tollee
Hedduus waliin boonnee
Enyuummaa keenyaa
Dhugumaan ibsinee
Seenaa bara dheeraa
Ifaattii as baafnee
Adduunyaa bal’oof
Dhugaadhan ibsinee
Ragaadhan soochonaa
Waa soba itti hin maknee”””””

Kush oromoo ganama duraanuu biyya oromiyaa keessaatti jiraachuudhaan ragaa hedduu qabu.yeroo seenaan barreeffamaa kitaaboolee oromoo irraattii barreeffamuus ummaannii oromoo yeroodhuma jalqabaatiif akka biyyaatti yeroo ammaa xoophiyaa jedhamuu keessaa jiraata ture ragaan seenaa barreefamaa lafa kayyamee jira.yeroo ummaannii oromoo biyyaa yeroo amaa kana xoophiyaa jedhamuu keessaa jiraachaa tureeti maqaan xoophiyaa jedhamuyyuu hin baaneef ture.garuu habashoonnii gargaarsaa bareefdama seenaa oromoo kan babahireetin barreefamee fudhachuun ummaannii oromoo akka biyya biraati dhufee odeessuu.seenan abbaabahire barreesse seenaa fokkataa ykn soba jedhamuudha.sababa barreesseef qaba abbaabahire maal yoo jettaan yeroo sirna jireenyaa abbaa bahire keessaatti abbaa bahiree seenaa kana kan barreesseef biiyyii amara ykn sabni biraa jaallatanii akka bakka kennanuuf fuula bitachuuf jedheti male seenaan kun soba akka tae enyuumtuu ni beekaa.

Oromummaan yero ammaa kana haala kamiin deemaa jiraa isa jedhuu karaa qeerroo oromootin waan baayyee nama gammaachisudha.garuu ummaanni oromoo inni ammaa kun maaf aadaa godhate laata gandaan lagaan gosaan wal qoodu?
Oromummaa keessaattii wal jibban wal qeequun maalif barbaachisee enyuutu naa himaa enyuutu beekaa?

Walaloo xiqqo ijoollee ammaatif

Wal qeeqne maal baafnaa
Waliif yoo birmaannee
Maaloo bu.a buufnaa
Jibbaan daangaa darbee
Maalif kununsinaa
Irbuu warraa du.ee
Maalif daaraa goonaa
Yoo waliin falmiinee
Yoo tokkummaan kaane
Diina daaraa goonaa
Yoos dhukkee irraa kaafnaa
Kana beekaa falmaa
Oromummaaf duunaa
Waa garaadha hin duunuu
Akka namaa yaannaa

Waa hedduutu jiraa
Kan nama isa ammaa
Maal himnee
Maal dhiifnaa
Afaan nama qabaa
Rabbiin nuu haa tolchu
Inni nu haa qajeelchuu
Isuma kadhannaa
Inni nu haa tolchuu”””””

Itti fuufaa………

Barreessaan fi
Qindeessaan Sabaan-boon Firrisaa
(Ahmed………)
Galatoomaa

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Jijjiiramni Oromoon kumaatamaan itti warageeme kana fakkaata

Ajandaa Mana Marii Nageenya Biyyolessaa (National Security Council/ NSC) Roobii Darbee:Roobii darbe jechuun gaafa Qaammee …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *