Oduu Haaraya

Miidiyaan jiraates jiraachuu baates,namni jiraates jiraachuu baates dhugaan uummata Oromoo yoom iyyuu hin dhokatu

Hmmmm……bullee kaanee waanuma Abdii nama kutachiisu dhageenya yaa Lammii!!! yeroo Miidiyaaleen Addunyaa Badii tokko malee Ajjeefamuu,Hidhamuu fi Dararamuu uummata Oromoo Uummata Addunyaaf Gabaasaa jirtutti,nuti immoo Miidiyaa tokkittii Hawwii fi dheebuu uummata Oromoo hanga tokko hir’isuu dhaaf qabsoo guddaatiin dhaabatte sagalee ishee duuchuu dhaaf shira wal irratti xaxuu jalqabne!!! waan baayyee isin ajaayibu ani Hooggantoota OMN(Oromo Media Network) eenyu akka isaan ta’aan hin beeku.garuu Hojiin Miidiyaan kiyya kun Hojjachaa jirtu hangan Ija kiyya amanuu dadhabutti kan na boonsite dha.

yeroo Midiyaan Uummata Oromoo kun Dalagaa jalqabde Miidiyaaleen Habashootaa hundi “Miidiyaa Uummata walitti buusuuf banamte” jechuu dhaan guyyoota hedduuf waa’ee Minilik saanii faarfachuu dhiisanii barullee fi Gaazexaa isaanii irratti waa’ee Midiyaa dhugaa Uummata Oromoo baasuu dhaaf dhaabbatte(OMN) irratti Holola Odeessuu dhaan gabaasa gochaa turan.Miidiyaan kun dhaabattee ji’oota muraasa booda yeroo Barattoonnii fi uummanni Oromoo Gaaffii Mirgaa gaafachuu jalqaban “Miidiyaa kanatu Uummata Oromoo narratti kakaase” jechuu dhaan mootummaan keenya baasii guddaa baasee akka ukkaaffamtu taasiseera.kun kan ta’uu danda’e Miidiyaan kun dalagaa jalqabdee ji’a ja’a osoo hin guutini!!! dhiibbaa karaa garaa garaa irra ga’u hunda dandamattee har’as dhugaa uummata keenyaa ifa baasuu dhaaf carraaqaa jirti.fknf Lammii biyya keessa jiran kan biyya Hambaa jiran waliin wal barsiisuu dhaan OMN’n uummata Oromoo gidduutti Riqicha taatee jirti.qaamolee siyaasaa mirga uummata Oromoo kabachiisuu dhaaf Falmaa jiran hordoftee uummataaf dhiyeessuu dhaan shakkii uummati keenya “qaamoleen siyaasaa kun Jiru moo Hin Jiran?” jedhee of gaafachaa tureef OMN’naan deebii Laattee jirti.akkasumas rakkolee dhoksaa dhaan dhaaba Siyaasaa keessatti mul’achaa ture OMN’naan hordofuu dhaan rakkoon jiru maal akka ta’e uummata keenyaaf gabaasa gochaa jirti.namootaa fi dhaabbata Rakkoo uummata Oromoo addunyaaf beeksisuu dhaaf carraaqqii taasisaa jiran OMN’naan stuudiyootti afeeruu dhaan bakka uummata Oromoo buutee galateeffachaa jirti.Artiistonnii fi Lammiiwwan keenya Oromoo waan ta’aniif qofa dararamanii biyya ambaatti godaanan karaa miidiyaa kanaa uummata keenya waliin wal quunnamaa jiru.

Walumaa Gala akka dhuunfaa kootti yeroon taa’ee Miidiyaa OMN’naa daawwadhu miira addaatu natti dhaga’ama.kan baayyee nama gaddisiisu garuu namoonni uummata keenyaaf waan baayyee ni dalagu jedhamanii eegaman,namoonni kan wal dhabe gidduutti araaraa buusuu dhaan tokkummaa uummata Oromoof fakkeenya ni ta’u jedhamanii eegaman bu’aa waggaa tokko gidduutti Midiyaan kun fidde odeessuu dhiisanii “walii galteen miidiyaa kana keessa waan hin jirreef waggaa tokko gidduutti hojjattootni Shan miidiyaa kana Gadhiisanii jiru.” jechuu dhaan waan gurraa fi Ija namaaf hin tolle Miidiyaa kana irratti odeessuu jalqabanii jiru.ani akka dhuunfaa kootti namoota miidiyaa kana Gadhiisaniiru jedhaman quunnamuuf yaaleen jira.waan isin dhibu namoota kanneen keessaa namni danda’ee hammina miidiyaa kanaa naaf ibse tokkollee hin jiru.dhiyeenya kana namoonni Miidiyaan kun akka guddattuuf carraaqqii taasisaa turan Lama seera ittiin bulmaata miidiyaa kanaa cabsitan jedhamanii adabamanii turan.erga adabamanii boodas fedhii isaaniitiin Hojii dhaabanii jiru.tarii namoonni kun Lamaan yeroo isaanii aarsaa godhanii Miiidiyaa kana guddisuu dhaaf carraaqqii waan taasisaa turaniif adabamuun isaanii kun itti dhaga’amuu ni danda’a.akkasumas Miidiyaan kun seera ittiin bulmaata mataa isheetii waan qabduuf yeroo seerri cabu akka seerri ishee jedhutti adabuun dirqama.namoonni kuniif miidiyaan kun akka haadhaaf Ilmooti.Haati Ofii yoo nama adabde akkas na goote jedhanii Ormatti hin himatan.

Yeroo muraasaaf irraa baqatanii booda itti deebi’u.sababni isaas Haati Ofii Haadha waan taateef.kana immoo Ijjoolleen kun nutti agarsiisanii jiru.yeroo adabaman Adabamne jedhanii wanti isaan dubbatan hin jiru.yeroo hojii dhaabanis hanga har’atti akkas taane jedhanii wanti dubbatan hin jiru.namoonni tokko,tokko garuu jibbiinsa miidiyaa kana irraa qabaniin kan ka’e dhimma kana akka kufaatii miidiyaa kanaatti Odeessaa jiru.waan tokko irratti komii qabaachuun gaarii dha.akkasumas kan jajjabeeffamu dha.garuu yeroo mara cimina waan sanaa dhiisanii dadhabina qofa odeessuun keessi ishee rakkoo qabdi.Jaaladhee miti namootan baayyee Kabajuu fi jaal’adhu irratti komiin qabu barreessuu kanan danda’e.Osoon bakka guddaa tokkotti abdadhu bakka kanatti argamuu isaaniitu mogolee na buuse!!! Miidiyaan jiraates jiraachuu baates,namni jiraates jiraachuu baates dhugaan uummata Oromoo yoom iyyuu hin dhokatu.yoo namni dhibe simbiratu afaan baasee dubbata!! Kanaafuu rakkoo namoota dhuunfaa irraa qabdaniin kan ka’e Midiyaa kana irratti Holola fokkisaa ta’e odessuu osoo dhiiftanii gaarii ta’a.

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …

2 comments

  1. Media nama tokkon aka fedheti gageefamuu Media ummata Oromoo tahuu hin dandayuu. This is just a private company. Kana malees Media walaba jedhamee ummata Oromootifi Wayaanee ija tokkon ilaaluu akamiti sagalee ummata oromoo tayuu danda’aa? Yeroo achii gubaa dabrsan motummaa Wayaanee akamiti ak waaman ni beektaa minni?

  2. Pls oromoo mee wal irrati ololaa hoofu dhifnee garra diina keenyaati fulaa haa deeffanu.OMN yoo doggogora hojjatanile birra darbuu maalif hin dandenye?diinnati dabarsanii wal kennun bareedaa?Garru yoomi wal irrati qabsaahu dhiifnee waliin qabsoofna