Oduu Haaraya

“Nutii Xoophiyaa dullattii suphuuf miti kan waggaa 40 fi 50 ol qabsoofneef, biyya Oromoof taatu ijaarrannee ofiin of bulchuufi”

Prof. Mararaa Guddinaa

“Nutii Xoophiyaa dullattii suphuuf miti kan waggaa 40 fi 50 ol qabsoofneef, biyya Oromoof taatu ijaarrannee ofiin of bulchuufi”

Warra Xoophiyaa haaressuufis warra Oromiyaa walabaa ijaaruuf deemuufis, inni duraa angoo siyaasaa biyyattii olaantummaan to’achuudha. Sana booda waan saba keenyaaf ta’u taasisuu ni dandeenya. Garuu otoo masaraa Mootummaa hinto’atiin karaarratti sababni wal falminuuf hinjiru.

MINILIKOOTA

Sirna Minilik waggaa 150 saba keenya dararaa ture akkamitti jijjiirra isa jedhudha malee Afaan Oromoo dubbachaa Masaraa Minilik seenuu qofaan gaaffii Oromoof deebii hinta’u.

Yaroo Dargiifi Wayyaanee caalaa miidhaa guddaan akka irra gahaa jiru, sabni bal’aan himataa jira. Dabballeen mana gubaa jira, ajjeesaa jira, saamaa jira, ammayyuu Oromoon hinbilisoomne…

Masaraa Minilik kan seennuuf akka warra kaanii Oromoos balleessinee ofiif baduuf otoo hintaane, qabsoo saba keenyaan dhiibamnee seennee saba keenya abbaa aangoo olaanaa taasisuufidha.

Waan gurguddaa 2f filannoo keechaa baane

1. ABO akka paartiitti dhiifnee seenuufi

2. Hidhamtoota siyaasaa kan ABO fi KFO dhiifnee seenuun waan nurra hinturreef, ABO waliin wal qabannee filannoo keechaa baane.

ABO waliin tokkumma qabsoo Oromoorratti walii galtee waggaa 20 olii qabna…….

ABOfi KFOn Walii Galteen Biyyaalessaa jedhame qabsoo saba keenyaa waan fayyadu akka hintaane hubannee waliin keechaa baane; waliin hojjataa turre, waliin hojjataa jirra.

…. bosonas ta’ee magaalaan, hamma qabsoo Oromoof manaa baanetti wal jala dhaabachuu hinqabnu…..

…..warra karaarraa qabsootti goreetu qabsoo Oromoo…”

Oromia11 irraan eeggadhaa!

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *