Oduu Haaraya

“O R O M O   F I R S T”

Oromo First akkamitti calqabe? Maalirraa madde? Eessaa ka’ee eessa gahe? Har’a eessa jira? Boru hoo maal ta’uuf deema?

Kutaa Tokkoffaa

Berhanu Hundee

JECHI “OROMO FIRST” JEDHU KUN EESSAA DHUFE?

Bal’ina waayee kanaa warra seenaa barreessaniif dhiisee; garuu “Oromo First” akkamitti akka calaqabe yoon yaadadhu, bara 2013 yeroo Aljazeera n Oromoota sadi (Dr. Taaddasaa Eebbaa, Obboo Jawaar Mahaammad fi Obboo Mahammad Adamoo) waliin gaafii fi deebii taasise irratti gaafii Jawaariif dhyaateef deebii argamee dha. Gaafiin Jawaariif dhiyaate sun yoo Afaan Oromootti hiikamu akkana ture: “Ati dura Itoophiyaa dha moo dura Oromoo dha?” Deebiin Jawaar kenne, “Ani dura Oromoo dha – I am Oromo First” kan jedhu ture. Achirraa ka’ee jechu kun dhalate.  

SANA BOODA MAALTU TA’E?

Sababa Obboo Jawaar deebii sana kenneef, duulli hamaan Obboleessa keenya kanarratti godhame. Yeroo rakkoo waliif mirmachuun aadaa fi gootummaa Oromoo waan ta’eef, Habashootni fi deeggartootni isaanii gamaa gamanaa Jawaarirratti wacinaan, Oromoonnis gamaa gamanaa waliif mirmate. Mirmannaan (dirmannaan) kunis babal’atee gama sochiitti jijjiirame, SOCHIIOROMO FIRST” jedhamu uume.

SOCHIIN SUN BU’AA MAAL FIDE?

Gaafii kanaaf deebii osoo hin kennin dura mee haala mooraan Oromoo (Oromo Camp) yeroo sana dura keessa ture haa yaadannu. Erga Addi Bilisummaa Oromoo (ABOn) mootummaa ce’umsaa Itoophiyaa keessaa bahee; hoggantootni isaa gara biyya alaatti faffaca’an booda, rakkooleen bifa adda addaa uumamuun dhugaa waliigalaa ti. Rakkooleen kun kan jabaachaa fi cimaa dhufan garuu bara 2001 booda dha. Innis yeroo mooraa ABO keessatti addaan bahinsi duraa uumame sana. Achii kaasee walqoqqooduu fi walirratti duuluun caalaatti kan ifatti bahee mul’achaa dhufe garuu bara 2008, yeroo addaan bahinsi lammataa mooraa ABO keessatti uumamee dha.

Bara 2008 booda namootni keenya naannoodhaan, gandaan, amantiidhaan fi kkf walqoqqooduun ifaa ifatti hawaasota Oromoo keessatti mul’achaa dhufe. Qbsoonis yoomiyyuu caalaa laafte. Diina dhiisanii walirratti duuluun faashinii yeroo ta’e; hawaasni adda adda qoodame. Oromoon waljibbuu calqabe. Diinni fi alagaan immoo qaawwa kanatti fayyadamuudhaan nu keessa seenanii akka barbaadan godhuu eegalan.

Yeroo gama tokkoon abdii kutannaan mooraa keenyaa; gara biraatiin immoo tuffii alagaa fi diinni keenya nuuf qaban faallaadhaan cimaa dhufanitti, sochiin “Oromo First” dhalate. Sochii kana keessatti haalli mooraa keenyaa jijjiiramuu eegale. Sochiin kun warra waljibbe walitti araarse; kan addaan qoqqoodamee ture walitti fide; kan waljibbe wal jaalachiise; kan wallol fi walitti mufate walitti araarse. Afuura Oromummaa gabbise. Eenyummaa Oromoo ifatti baase, Waayee Oromoo caalaatti Addunyaatti beeksise. Oromootti abdii hore. Tokkummaa Oromoo jabeesse. Alagaa fi diina nu tuffachaa turan afaan qabachiise. Oromoon keessaa fi alaan akka walyaadatu godhe. Haala baay’ee gammachiisaa ta’e kana keessatti OMN akka dhalatu taasise. Kuni ta’ee osoo jiruu biyya keessatti waayeen MAASTAR PLAANII FINFINNEE ka’e.

OMN immoo Oromoon Addunyaa kanarra jiran akka quba walqaban taasise. Oromoo biyya keessaa fi alaa walqunnamsiise. Mormii Maastar Plaanii sana keessatti OMN gahee guddaa taphate. Mormiin Maastar Plaanii gara sochii uummata Oromootti, sana birallee dabree gara warraaqasa uummataatti akka cewu gahee OMN taphate fi qooda inni gumaache laayyoo miti. Egaa, of duuba garagallee yoo laalle, ka’umsi sochiilee kanaa hunduu sochii Oromo First ta’uu isaa hubachuu dandeenya. Kallattiidhaanis haa ta’u al-kallattiidhaan, sochii Oromo First sanatu sochiilee biyya keessaatiif bu’ura ta’e jechuu ni danda’ama.

SOCHIIN “OROMO FIRST” SUN ERGA BU’AALEE KANA HUNDAA FIDE BOODA MAAL TA’E?

Sababa fi duubee isaa sirriitti beekuullee baadhu, sochiin Oromo First akkasitti oo’ee ture sun kan qorraa dhufe fi amalli dur barame sun fuula isaa deeffachuun kan hubatame, Yaa’ii Hoggansa Oromoo (YHO) Afaan Ingliziitiin Oromo Leadership Convention (OLC) Atlaaltaatti erga ta’e booda dha jedheen yaada. Kun tilmaama dhuunfaa kiyyaa ti. Sana booda mooraa keenya keessatti akkuma dur barame sana walqeequu fi sana birallee dabree walirratti duuluun deebi’ee dhufe. Tokkummaa jabaataa dhufe sana qilleensi keessa seene; waliigalteen hir’achaa dhufe. Wal hamachuun, wal arrabsuun, wal abaaruun, ati sana kana waliin jechuun; diina walitti ta’uun mumul’achaa dhufe.

YHO booda dhaabbatni hunda-hammataa (All-Inclusive Institution) tokko ni dhaabbata jedhamee osoo eegamaa jiruu; sun osoo hin milkaayin hafee, ammas dhukkubni bakka bakkatti ijaaramuu sun deebi’ee dhufee; dhaabbatni Gumii Oromiyaa Addunyaa (GOA), Afaan Ingiliziitiin Global Gumii Oromia (GGO) ijaarame. Kaayyoon YHO fi GOA walfaallessaa dha jedhamee dubbatamuun eegalame. Akka ilaalcha fi hubannoo kiyyaatitti, sochiin “Oromo First” asirratti waan daangeffame natti fakkaata.   

DHIIBBAAN OROMO FIRST FIDE HOO MAALI?

Sochiin Oromo First, sochiilee Oromiyaa keessatti godhamaa jiraniif kallattiidhaanis ta’ee al-kallattiidhaan MOTORA akka ta’e dhara waan ta’u natti hin fakkaatu. Dammaqinsa uummataa guddisuu fi kakaasuurratti OMN gahee akka laayyootti hin laalamne akka taphate armaan olitti ibsuu yaaleen jira. Karaa biraatiin yoo laalame immoo, dammaqinsi fi ciminni uummata keenyaa OPDOnillee ofhaaromsuuf tattaaffii akka gootu taasise jechuu ni danda’ama. Jaarmayaa kana keessaa (OPDO) hoggansi haaraan, yoo xiqqaatellee kan waayee Sabboonumma fi Oromummaa calaqqisu haasa’u akka gadi bahu taasise. Waayee hoggansaa haaraa OPDO kana yeroo biraan itti deebi’a.  Asirratti jijjiirama OPDO keessatti mumula’chaa jiruuf sababni inni hangafti dhiibbaa sochii Oromo First irraa maddee dha yoo jenne soba hin ta’u. Haa ta’u malee, gaafiin asirratti ka’uu malu: “Jijjiiramni hoggansa haaraa OPDO tiin godhamuuf deemu ykn yaalamaa jiru kun “Oromo First” calaqqisa moo garamitti deema?” kan jedhu ta’a. Isa kana arguuf deemna.

OROMO FIRST HAR’A MAALIRRA JIRA, BORU HOO MAAL TA’UUF DEEMA?

Akka sadarkaa amma irra jirru kanatti fi haalota mooraa keenya keessatti, keessumaayuu Diyaasporaatti  mul’achaa jiran yoo laalle, “Oromo First” waan bifa jijjiirrate natti fakkaata. Dhimmi kun waan ifa naaf hin ta’iniif, gaafii armaan gadii Afaan Ingilizii kana calqaba ji’a Sadaasa bara 2017 Face Book irratti barreesseen ture. Waanan gaafii kana kaaseef garuu tilmaama mataa kiyyaan qaba. Itoophiyummaan “Oromo First” injifachaa jiraa? Barreeffama kutaa lammaffaa keessatti laalla.

Hanga walitti deebinutti nagaan turaa!

Ulfaadhaa!

 

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …