Oduu Haaraya

Oduu Gaddaa Baqattoota Oromoo Yaman

 

Halkan Guyyaa Kaleesaa 21/01/2016 baqattoota oromoo yaman kanneen magaalaa (RADAA) ja’amtu keesa jiraatan humnoota hidhattoonni(miliishaa) magaalaa sanii baqattoota oromoo manaa manatti seenuun namoota 300 oltahan afaan qawweetiin guuruun gara mana hidhaa magaalaa sanitti guuraa jiru,
akka baqattoota oromoo magaalaasan jiraatan irraa nuuf ibsanitti,
hidhattooni baqattoota hidhaajiran gaafiin isaan baqattootaa dhiheesan, akka isaanii waliin lola irratti hirmaatan yookaan gara biyya keesanitti isin oofna jachuun yaroo ammaa kana akka tumaa jiran jiraattooni ibsa!!
Bilbiloota baqattoota oromoo magaalaa kana keesajiraatan
00967-734933912
00967-735669785

Kana Kanta’eef Miidiyaalee Oromoo fi Dhaabootii dhimma Baqattoota Oromootiif dhaabbatan marti Galatoomaa Namoota bilbilli isaanii armaan olitti kaayaman Qunnamuun iyyaafattan Maqaa Baqattoota Oromoo Yamaniin isin Gaafanna!!
Galatoomaa,

Koree Wajjira Tokkummaa Baqattoota Hawaasa Oromoo Yaman.

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …