Oduu Haaraya

Ololli Hogganoota fi Miseensota  ABO irratti godhamaa jiru Qabsoo Oromoo fi Misensota  Dhaabicha ni jabeessa malee hin laffisu.

 

 

Diinni baroota dheeradhaf milijena itti dhangalasee karaa bitamtootaa fi gantota qabsoo kana dhabamsiisuu ijibataa ture.Haa tahu malee dhabichis tahe hogganoti qabsicha cichoo tahan abdii osoo hin kutanne  qabsoo hidhatinnoo,Diplomasii siyasaa fi fincila uummataa walitti  qindessuun waregama qaqqalii kaffalaa fi injifatnoo gurgguddaa  galmeessaa turan fi jirus.

 

Yeroo dheeraa fi keessaa iyyuu ji’ota darban kana  olollii fi roorroon ABO fi qabsa’ota bilisummaa oromoo irratti godhama jiru kana, hogganootii fi miseensoti dhabichaa hojii  fi diina uummata oromoo fi oromiyaa irratti duula sanyii daguuggaa rawachaa jirutti qiyyafatanii ti malee kan akkasumatti callisanii ykn sodatanii  bira kutan namatti fakkachuu hin qabu .

 

Yammuu ABOn diinni uummata oromoo humnaan weerare saamaa fi ajjessaa jiru kun  humnan malee oromiyaa irraa hin buqqa’u  jechuun  diina misa’ela ,meshaa baroo   fi SIA irraa gorsa argachuun maqaa goolessitootan ABO fi  WBO irratti duula daangaa hin qabne gochaa ture gariin isanii iccitii dhabichaa gurgurachaa fi  wayyanetti dabalamuuf kadhachaa bahan. Inni kaan yeroo dantaan bitameee diinaaf hojjetu garii ammoo beekas tahe osoo hin beekin diinaaf dalagaa turee fi jira . oromootni garii ganda ,amantii fi garee ilaalu malee warra diinaaf dalagu jala hiriiranii jiraachuu isanii hin argan” akkuma sangaan marga malee hallayyaa hin argine akkuma  jedhan”.

Harra gaafa qabsoon kun wareegama ilmaan cunqurfaman bakka olanaa kana  irra gahu warri kalessa diina jala eegee raasa turan samsonayitii  fi karabatii isinii sirreffachaa bobokkisu jalqaban ,waltajjin hawwasaa iyyuu wal hankachuu jalqabe Gariis akka wal fakatuun garee funaannatee charterii ijarachuu jalqabe ”utuu bineensi hin du’in sakkinii qarachuu”ykn dura qurpheen foon haa taatu jedhan.

 

Qeerroon harra hundumtuu abba itti tahuuf fiigu kun kan salphatti ijaaramte miti

Hojii kun as gahuu fi ABO gatii gudda fi waregama lubbuu hedduu akka gaafate seenaaf dhiifna.Yeroo ABOn kana jalqabe Karaa paltalkii fi karaa garaa  garaa itti kolfama ture .”Hin bari’u seetee manatti haddee jedhan  

Dubbin kana miti ABOs tahe uummatni oromoo kan fedhu oromiyaan harka diina keessa baatee kan oromoo tahuu qofa  male enyuutu  abbaa itti taha  kan jedhu kun waan nu cinqu tahuu hin qabu. Kanaaf kan kanaan dura Qeerroo eenyutu ijaree irratti hin cuinqamina jennef “foon lafa jirtu allattin muka irraa wal goolti” jedha  oromoon yammuu makmaaku.

Namootni tokko tokko waan ABOn wareegama yeroo dheera fi gurgudda itti kaffale asiin gahe  bishan itti naqxanii waan hin jirre as baasuu yaalu . Hoggantii fi miseensoti dhabicahas akkuman gubbatti kaase utuma arganii  waan fardii dursaa jirru .  Kanaan dura meerre beektoti oromoo ,meerre aktvistoti oromoo jedhee kan bo’e  waamicha isiniif godhaa fi didhaa isinitti uumaa   ture qabswotuma harra isin salphisuu yaaltani kanaa dha. Waan isin jala dhokate  tokko yoo jiraate garuu garuu qabsawoti harra umurii isanii guutu qabsochatti fixanii asiin gahan kun dantaa saba isanii dursaniiti malee osoo dantaa isanii dursaniru tahe lafa isin harra geessan kan gahuu waan dadhaban jettanii yoo yaaddan ni dogoggortanii sirreffadhaa jenna

Mee yammuu jara kana salphisuu yaaltan kana yoo tokko kahee kanaan dura  eessa turtee? harra eessaa as baate jedhe si gaafate deebii quubsaa qabdaa laata? Akka ati deebii itti hin qabne nutu si caalaa beeka qabswoti garuu akki itti yaadan kana miti  namni tokko  gaafuma galeef dammaqa ,gaafa dammaqe sabaaf taha jedhanii yaadu.Ni beekna osoo fincilli uummataa kunii fi  sochin ABO kun  of booda debi’e ammo akka fincan adalaa dhabamtu.

 

Kanaaf kanan sila anaa dhufu ,baga nagaan dhuftan jedhee yoon xiqqoon dhabbasen dubbadhe  tahe iyyuu .Haa tahu malee baga nagaan of yaadattan gaafa jennu hogganootaa fi  qabsawota  warra jabaatee itti chichee hojjete qabsocha dandamachiise asiin gahe kana ammo irra ejjedhaa darbaaf isinii hayyamuu miti ,Ilmi abbaa tuffatu ,salphisu lafa yaade hin gahu jannata ille hin argatu akka amantii oromoo gurguddaa sadanuutti.

 

Walumaa gala warri ABO fi qabsawota xiqqessitanii OPDO tokko tokko warra dhiiga ilmaan oromoon harka dhiqachaa bahan jala fiigdan osoo irra of qusattanii gaarii dha yoo tahuu baate waan isin mudatu isinuu beektu. utubaan ABO fi qabsawota qabsoo kanatti cichanii sibiila waan taheef, keessaa iyyuu warri ABO irratti kashalabbota bittanii olola ofsisaa jirtan kun hedduu of qusadhaa. Garii haadha manaa wayyene waliin hojjechiisa dhaaban hogganna jedhee yammuu burraa karrayuu jedhus ni agarra.  

 

Namooti kaan yammuu halli xiqqoo qabbanahu callisanii diina waliin lafa jala hariiroo isanii tolfachuun waan barbaadan godhu,qabsawota afaan fajjessuu fi dantaa isanii jala gulufu .gaafa sochiin WBO fi Fincilli uummata jabaatu ammoo gadi bahanii isin duukaa jirraa jechuun miIdiyaa  irratti bahuun uummata oromoo afaan faajjessuu fi  gowwomsuu yaalu ,kunis toobataa dullomaa dha ”yaa gantuu dabballe uummatini oromoo kuteera as irra illee” jette Maramen jannata nuuf haa boqottu malee.

Garii ammoo ofumaaf MQBO keessatti rakkina uumee gaafa milkahu dadhabu rakkoo mooraa keessa  qabnu yeron furachu qabna jedhe gadi baha hinuma rakkatne fira koo Akkuma ”namni galanni nyaate hoomacha qaqqabata” jedhan jojonja’uu irra afaan ofii qabatanii yoo waan dandahan oromoof gumaachan hoo?

 

Kan biraan QBO kan argaa fi dhagahettii argatee as gahe OMN dhaan miti OMN fi warra isa hoggananu kan dhalche ABO fi SBO  dha. Kanaf hogganoota OMN irraa olola diinaan jalqabame gantootan oofamaa jiru isan irras   dhagahuun hedduu nu gaddisiise .Haa tahu malee OMN iyyu kan akka gad dhaabatu godhe irra hedduun miseensotuma ABO ti . maaliif kan ABO fi miseensota dhabichaa gaddisiisuun akka barbaachise naaf hin galu. ራጋ በይ ባሏት ምናዉ መገስጋሷ, ጣልፎ እንዳይ ዋድቋት ዬጋዛ ቃምሷ” jedhe Tafara Nagash  dhiifama afaan warra isaan jala fiiganiin makmakuu koof (yaa soogidda yoo ofii jette minyaayi ykn dhakaa dha jedhan si gatuu) kan jedhus jira. Ka biraan lafa turree fi lafa dhufnee  dagachuu hin qabnu,silaa illee waan hedduu dubbatnaa “ Haa taa’u jedhe jaldeessi dhakaa galagalchee”.Yoo iji keessan waan ABOn hojjetuu fi lola inni godhu hin argu tahe warri iji isanii arguu fi diinni lolame of irraa haa dubbatuu  waan hin taane dubbattanii of hin xiqqeessinaa.

 

Walumaa gala toobtaan ABO fi miseensota isaa lamshesina jedhamee fiigamaa jiramu kun dulloomaa dha, kun ammoo akka misensoti dhabichaa iccitii isanii dhokfatanii dhimma qabsoo irratti jabaatanii hojjetan taasise malee hin laaffisne.Namni hamattuu fi goomattuu olladhaa qabu akka inni bitaa fi mirga isaa to’achaa deemu isa taasisa ykn ni jabeessa.

Gara dhumaa irratti yeroon amma kun yeroo itti  tokko xiqqessanii tokko ol kaasan miti yeroo itti waan qaban gqabatanii diina oromoo fi oromiyaa dhabamsiisaa jiru kana irratti duulanii Bilisummaa fi walabummaa Oromiyaa uummata oromoo miliyoonan dheebote itti agarsiisanii dha.

 

Injifatnoon Uummata Oromoof !!!

 

Abdii Borii Irraa.

 

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …