——————————
-Najiib Zannuun
Diinoonni Oromoo takkaa rafanii hin beekan. Kan isaan hirriiba dhabaniif cubbuu fi shira xaxuu,akkasumas ummata Oromoo gandaan addaan qooduuf osoo tattaafataniiti. Diina ifa bahaa diinummaa isaa beeynurra kan fira fakkaatee diina tahuutu irra hamaadha. Akkuma “Mootummaan sodaatinii Saree mootummaa sodaadhu” jedhanitti kanneen qabsoo teenyaaf gufuu tahanis isaannan akkanaa kana. Yeroo waa’ee qabsoo teenyaa dubbatan waanuma nuuf yaadan fakkaatu. Garuu irra-keessa nu fakkaachaa harka lafa jalaan diinummaa isaanii gaggeeysu. Namoonni akkanaa kun guddina keenya hin fedhan,dhugaa keenya hin jaalatan,tokkummaa keenya jibbu,diigamiinsa keenyaaf carraaqu, akkasumas gadda keenyatti kanneen gammadaniidha. Gochaalee isaanii kana faana buunee hoggaa laallu,diinummaan isaan ummata Oromoof qaban kan diinni keenya ifa bahaan nuuf qabuun garaa-garummaa hin qabdu.
Yeroo hedduu tooftaalee adda-addaan baafachuun akka ummmanni wal jibbee wal qooduuf ummata jidduu summii facaasuu yaalu. Haata’u malee ummanni keenya olola isaanii gurratti osoo hin qicatin irra aanaatuma as gahes itti jiras. Diinni keenyas guyyarraan guyyatti ifaajaatuma jiran. Hanga fedhan tattaafatanis ummanni Oromoos akkasumatti irra aanuun gara fuulduraa tarkaanfataa jira. Barreeffama kiyya waa malee kanaan hin jalqabne, Dhimma waa’ee OMN Afaan Arabaan bara 2017 as deemu kana irraa tamsaasuu ilaalchisee dubbiin namoota muraasa guddina keenya hin feeneen oliif-gad deemaa jirtu irraan waa jechuu barbaade.
OMN sagantaa Afaan Arabaan tamsaasuun dhugaa ummata keenyaa addunyaa afaan keenya hin beeyne dhageeysisuufi Oromoo addunyaan wal barsiisuuf faaydaa guddaa qaba. Kun guddina keenya akka tahe waan wal gaafachiisuu miti. Afaan Arabaa bira taree afaanoota addunyaa kan biraatiinis yoo tamsaasame waan guddina keenya mul’isu,waan hedduu nu boonsu. Namoonni Afaan Arabaan maaliif tamsaasama jechuun waan biraan wal qabsiisanii olola oofaa jiran kaayyoon isaanii afaanicha osoo hin taane, kana dahoo godhatanii miidiyaa kana balleeysuu namoota fedhani. OMN dhugaa teenya tan dur dhokatte ifa baasaa jira malee diinummaa leellisaa hin jiru. Namoonni diinummaa leellisaa jiran ammoo dhugaa Oromoo tan ifa baatu waan hin feeneef OMN irratti tooftaa adda addaan olola oofuun balleeysuuf dhama’u. Ololli isaanii milkaa’uu baatus har’aa mitii gaafa miidiyaan kun gama qilleensaatti as baheeraa ittuma jiru.
Xumura bara 2014 keessa obboleettiin teenya maqaan isii Nasibo jedhamti natti fakkaataa maqaa isiitiin waan isiin irraa quba hin qabne meeqa jechaa turan. “OMN keessa hijaaba/fooxaa maratanii hojjachuun hin danda’amu jedhamtee ari’amte,OMN muslima hin feetu” jechuun olola OMN irratti gaggeeysaa turan. Obboleeytiin teenya sun akka maqaa isitti fayyadamanii olola oofaa jiran dubbattee waan isaan dubbatan hundi soba tahuu mirkaneeysite. Diinoonnis dubbiin sun akkasiin jalaa fashalte. Namoonnummaan “OMN hijaaba dhoorkite,OMN Muslima hin feetu”jechaa turan,gaafa Aisha Oromia Ali hijaaba isii uffattee hulaa OMN keessaan sagantaa AOA SHOW qabattee as baatu ammas, “OMN miidiyaa shirorkeessaati,muslima malee hin fedhan” jechuun olola biraa jalqaban,sunis hoggasuma jalaa fashalaawe. Ammas tooftaa biraa barbaaduu ittuma fufan……. Sagantaan Afaan Amaaraa yeroo banamus mormii isaanii hin lakkifne, “OMN kan Oromootii Afaan Amaaraa maaliif tamsaasama,isaanuu afaan keenyaan hin tamsaasanii” jechuun olola oofaa turan. Gaafasis osuma isaan qeeqanii OMN irraan tarkaanfatee itti fufe. San booda ammas gaafa Ogadeeniif sagantaan Afaan Somaalee kennamee tamsaasuu jalqaban,ololli isaanii addaan hin cinne. Akkasuma ammas kunoo Afaan Arabaan banamnaan olola isaanii jalqaban. Waan fedhan jedhanis humaan fidanii kunis akkasumatti irra aanama.
Diinni keenya yoomiyyuu guddina keenya waan hin feeneef ololli isaanii bakka takka hin geeysuu nuti isaaniif bakka kennuu hin qabnu. Tana gurratti osoo hin qicatin isaan haa garaa gubatanii nuti qabsoo teenya roga hundaan finiinsuu qabna. Waan nuuf tahaa,waan nuuf tolaa,waan nu guddisaa,waan nu gabbisaa,waan nu tarkaanfachiisaa, waan nu tokkoomsaa,waan nu beeysisaa,waan nu jaaraa irratti halkaniifi guyyaa carraaquutu nurraa eegama.
Horaa bulaa!