Oduu Haaraya

Oromiyaa; Haroomaayaa/ Gaaffiin keenya kun nuuf hin deebi`u taanaa qabsoon keenya hamma lubbuu keenya kenninutti itti fufa

Oduu Ho`a fi Gammachiisa

Rakkoo guddaan yeroo ammaa barattootaa fi dhalataa Oromoo hunda aarsaa jiru kan Finfineen akka federaala jala galuu godinaawwan addaa naannawaa Finfinnee ilaalchisuun barattoonni OROMOO Yuunivarsitiiwan Haramaayaa fi Jimmaa gaaffii gaaffiiwwan armaan gadii dhaadannoo godhachuun guyyaa kaleessa irraa (Kamisa ganama sa,atii 12:OO) IRRAA KAASUUN hiriira nagaa bahan tuqaaleen achirratti ka`anis kan armaan gadiiti:

1.Godinaalee addaa naannawaa Finfinnee Federaala jala galuu hin qaban
2.Weellistoonniifi artistoonni Oromoo mana hidhaa jiran gad nuuf haadhiifaman kan jedhu.
3.Qotee bulaan lafa isaa irraa buqqa,uu hin qabu.
4.Obbo Muktaar Kadirii fi Abdullaziiz Mohaammad fi dura taa`aan

OPDO kan biraanis dhimma kanaaf dhaabbachuu qabu jechuuniifi kkf dhiyeessaniiru
Kanumarraa ka`uun Presidaantii YUUNIVARSITICHAA kan ta`an Dr Girmaa Amantees nuti dhimma kana furuu hin dandeenyu garuu Qaama ilaallatu hundaa biraan isiniif geenya gaaffii keessanis dhageenyeerra jedhan. Kanarratti barattoonni kunis gaaffiin keenya kun nuuf hin deebi`u taanaa qabsoon keenya hamma lubbuu keenya kenninutti itti fufa jedhanii beeksifatan jiru.

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …