Oduu Haaraya

Oromoo fi Oromummaan Haadursu!

 

Rakkoon tokko tokko OMN keessa akka jiru erga gurra nu buutee bubbultee jirti. Rakkoo hanga tokkos nu warri miidiyaa kana dhiheenyatti beeknu hubachuu dandeenyeerra. Rakkooleen OMN keessatti ka’an kunneen, kanuma jaarmayaa kamiyyuu keessatti uumamuu danda’ani dha. Yoo itti siqamee, bira ga’amee ilaalame rakkoon jiru akka miidiyaalee gara garaa irratti hafarfamaa jiru jabina hinqabu. Dhugaa dubbachuuf yoo ta’e, baatiiwwan 8 darban kana keessatti OMN, qormaata ciccimaa keessa darbee as gaheera. Borus rakkooleen hineegamne uumamuuf akka jiran tilmaamuun nama hinrakkisu. Hunda caalaa kan hedduu garaa na nyaatu, namoota (hooggantootaa fi ogeessota) yeroo, qabeenyaa fi beekumsa isaanii bilisaan ummata isaaniif aarsaa gochaa jirani dha. Isaan kana jajjabeessuu fi bira dhaabbannee dhiphina isaanii irraa hirmaachuun ga’ee keenya dha jedheen amana. Warreen fagoo irraa jeequmsa uumame kanaan raafamaa fi yaadda’aa jirtan, adaraa ilaalcha OMNf qabdan hinjijjiirinaa. Waanuma jaarmayaa kamuu keessatti uumamuu malu malee wanti haaraan ta’e hinjiru.

Akka Oromoo tokkootti, hunda keenyarraa wanti eegamu ni jira. Yommuu rakkoon kamuu uumamtu osoo walitti dhiyaannee irratti mari’achuu aadaa godhannee, silaa ololli humna godhatee gidduu keenya deemee nu diiguu fi abdii nu kutachiisu ulaa argachuu hindanda’u ture. Guyyaa har’aa kanatti, Waldaa Hawaasa Oromoo Minnessota tti Oromoonni lakkoofsaan hedduu ta’an walgeenyee turre. Mariin bal’aan dhimmoota OMN raasaa jiran ilaalchisee geggeeffamee ture. Namoonni gaaffiilee hedduu qabatanii dhufanii, deebii argatanii galuu danda’aniiru. Obsaa fi naamusa Oromummaatiin namuu wal dhaga’aa oolle. Fuula namoota keenya tokko tokkoo irraa gaddii fi naasuun yoo mul’ate illee, abdii kutannaan hinturre. Hunduu rakkoolee kana bifa ittiin waliin furuu dandeenyu irratti xiyyeeffatee waan dhufe fakkaata. Walumaagalatti, OMN akka kan ofii isaatti ilaalee, itti amanee dhufe namni hundi sun nama jechisiisa, adeemsi ture.

Walgahii keenya har’aa irraa waanan hubadhe tokkon isiniif ibsuu fedha. Ummatni Oromoo, OMN irratti “abbummaa” isaa akeekaan hubateera. Namni argame hunduu jechuun ni danda’ama; faayidaa miidiyaan kun qabu itti amaneera. Itti fufiinsi miidiyaa kanaas hedduu barbaachisaa ta’uu isaa hunduu jala muree kaa’aa ture. Yaa Oromoo, ololaan jeeqamuu irraa ol guddachuu qabna. Namoota nu hoogganan itti amanuu, dhaga’uu, obsaan dhaggeeffachuu fi jala deemnee jajjabeessuu qabna jedheen amana. Beektotaa fi guguddoota keenya utubnee qabuu tu nurraa eegama. Rakkoo uumame gabbisuu irratti osoo hintaane furmaata isaa irratti dafnee tarkaanfii fudhachuu qabna. OMN diinota guguddaa akka qabu hundi keenya ni beekna. Diinotni Oromoo, miidiyaa kana qilleensa irraa dhaamsuuf yaalii cimaa akka gochaa turan nu agarsiisanii jiru. Kana beeknee odeeffannoo gara garaa waliif hiruun waljajjabeessuun gaarii ta’a.

Dhuma irratti, OMN, xiqqoo raafame malee homaa hintaane. OMN akka sagalee ummata keenyaa ta’e diinni illee waan nu caalaa beekuuf gara fuuladuraa illee rakkooleen bifa jijjiirratanii dhufuu malu. Oromoon garuu jaarmayaa keenya kana tikfachuun gateettii keenya irra jirti. OMN hincufamu! Sagaleen ummata keenyaa hindhaamu!
Rabbi nu haagargaaru.

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …