Oduu Haaraya

Gurmeessuun namoonni akka waa waliin hojjatan walitti fiduudha…….

GURMEESSUU YKN IJAARUU ( ORGANIZING )

Humni namoota hedduu yoo wal ta’ee hojjate jijjirraa fiduudhaf gahaa yoo ta’u namni tokko garuu waa xiqqoo hojjachuu danda’a…….
Yeroo hedduu sirrii ta’un /yaada sirraawaa qabaachuun/ kee dhugaa ta’un isaa qfaan injifannoo si gonfachiisuuf qooda xiqqaa qaba. Namoonni aangoo fi “mirga” qaban yeroon dabarsanii keennan hedduu xiqaadha. Sababiin isaas akkas gochuun waan “sirrii” ta’eefi. Gaafin jiru ati humna qabdaa? kan jedhu ta’a. Yoo humna qabaatte waa hojjachuu dandeessa.
GURMAA’UN HOJJATAA?
Karaa gaarin /mishaan/ gaafii kana itti deebisun danda’amu eenyu akka gurmaa’efi eenyu akka hingurmaa’in naannoo keessan hubattanii laaluudha. Walumaa galatti namoonnii angoo /humna/qaban namoota akka gaaritti gurmaa’an akka ta’an argitu.
Fakkeenyaaf:- fagoo oto hindeemiin, TPLF waan gurmooftef murni xiqqoon saba bicuu keessaa baate ummata miliyoona 90 ol ta’u akka hingurmoofne dhoorkitee, kan gurmaa’u yaalan, hidhuun, dararuun ajjeessuun, shororkeessuun qabeenyaa saanii saamuun bita jirti.
DIINNI AKKAMITTI HUMNA ISAATTI FAYYADAMA?
Diinni karaa hedduu nus jiruu keenyas toowachaa jira. Humna isaa kan hojiirra olchuu qabeenyaa toowachuuni. Warshaafi hojii daldalaa toowachuun humna hojii argachuuf naga’an hojjachuu ummataa toowachuu kennaafi. Qabeenyaa ummamaa-kan akka albuudaa, cilee, mukaa, lafaa, bishaanii, zayta boba’aa, ….toowachuun gatii murteessuuf aangoo kennaafi, kuni ammoo bu’aa guddaa akka argatu mirkaneessee dhiyeessifi fedhii akka toowatu fi wanti jireenya ummataati barbaachisu akka hanqatu taasisa.
Humni hojii kanaa toowannaa adeemsa siyaasaatin deggerama. Kunis dabaree isaatin humna maallaqaa, maallaqaa harkaa qabaniin murtaa’a.
*Aaangoon qabeenyaa toowachuun hojiirra oola.
*Yoo hojii dhablee taate milki dhablee taata.
*Yoo lafarraa buqqate karaarra jiraatta.
*Yoo dulloomte eessattu iddoo hinqabdu.
*Yoo iyyeessa taate, iyyeesuma taatee hafuun kee hinoolu.
*Yoo tuffatamte, jireenya gadhee jiraatta.
……Yeroo humni gurmaa’e jireenya keenya karaa hedduun toowatu, fuuldura dhaabbachuuf namni tokko humna homaatu hinqabu.
GURMAAUN UMMATAAF FAYYADAA?
Warraaqsi Ameerikaa akkanumatti hindhoone. Ni qindeeffame /gurmeeffame/. Namoonni gurmeessan walgayii taa’aniit, tarsiimoo baafatanii, hooggana ijaaranii, haala walqunnamtii tolfatanii, waan sochii kanaa isaan kaase tareessuun lafa kaa’anii, sududaan tarkaaniifi fudhatanii,qaama waayee warraaqsichaa ummataa ibsu ijaaranii, horii barbaachisu baasani, qaamolii adda addaa waliin tumsa ummatanii-akkuma har’a hawaasa ijjaarru kanatti hojjatan jechaadha.
BU’AAN GURMAA’U MAALI?
Gurmaa’un bu’aa yeroo gabaabaf dheeraa qaba. Yero gabaabaa keessatti meeshaa cimaa waan barbaadamu hojjachuuf nu fayyaduudha……… Rakkoon akka namtokkootti guyyuu nu mudatan gurmaa’un furamuu danda’u.
Kana malees gurmaa’un bu’aa biraa kan yeroo dheeraaf barbaachisaa ta’e qaba. Gurmaa’u keessatti ummanni waayee mataa isaa waan haar’a barata. Daddarbbamuu/ tuffatamuu/ irraa gara kabajamuutti tarkaanfata. Dandeetti/ogummaa/ qabutti guutumaa guututti dhimma bahuun namoota biraa waliin hojjachuu, amansiisuu, waan garaa of haasa’uu mirga ofii falmachuu jalqaba.
Gurmaa’ina keessa ummanni of bara, of ta’u jalqaba. Eenyu akka ta’e eessaa akka dhufe, eenyummaa isaa, seenaa saa, hundee saa, aadaa isaa baruu/arguu/ jalqaba. Waan maatii isaa keessa ture, waayee saalaa, gitaa, lammii ykn garee afaan walfakkaataa dubbatanii, sanyii isaa kan humna ta’uuf argauu jalqaba. Seenaa qabsoo fii diddaa isaa yaadata.
Hundi keenyaa waanuma yaadni keenya nuu ibse taane. Waanuma taatan jedhamee nutti himame taane jennee fudhanne. Kanaafuu gareen keenya gonkumaa dambalii huumee ykn rakkina kakaasee , aanga’ootatti gaafii dhiyeessee hinbeeku jedhamee nutti himamnaan nutis ammarree akkasumatti jiraachuu qabna jennee yaadne/amanne/. Yeroo gareen keenya waan hundumaa ofumaaf fudhata, waan hundumaa ofumaan hojjata jedhamee nutti himamu gaafii kaasuuf hinkakaane. Garuu seenaa dhugaa ummata biyya kanaa (ummata US jecuu saati ) waanuma itti kenname callisee kan fudhatu oto hinta’in deebisee kan mormuudha. Kuni dhugaa warraaqsa Ameerikaa keessatti mul’ateefi har’as lafarra jiruudha. Garuu irra jireessi keeyna dhaala falmachuu sana dagannee jirra. Karaan Ameerikaan qabattee jirtu karaa hundi keenyaa waltaanee wal-gargaaruun gaarumaa biyyaattiif hojjannu jedhamee nutti himame. Kanaafuu qooda keenya raawwachuuf, wareega baasuuf, rakkoo dhufu baachuuf, kadhaa dhiyeessurra dabarree akka mirgaatti waa gaafachuu irraa akka of qusannu/callisnu/ taasifamne.
Kuni hundi eenyu fayyada? Mootummaa jireenya keenya karaa hundaanuu toowatu fayyada…….
Gurmaa’u keessa fedhii keenya guutamuu qabuufi gaafii keenya deebii argachuu qabu arguu/ilaaluu/ jalqabna. Akkas gochuun jabina keenya, hundee keenya, dhaala abbootii keenyaa arguu dandeenya. Ogummaa wal-qarqaarsaa /walii-tumsu/ waliin sochoo’u, waliin hojjachuu,wal deggeru barra. Beekumsifi muuxannoon kuni jalqaba humna ta’u ummataati.
Gurmaa’un ummata rakkina qabuuf akka mi’a waa ittin hojjatataniiti, akka meeshaa waraanati, akka maalaatti qarqaara.
EENYUT GURMAA’U DANDA’A?
Wanti gaariin eenyumtuu gurmaa’utti dhimma bahuu danda’u saati……..gurmuu gaariin karaa itti hojii hojjatu kan waan walxaxaa ta’erraa bilisa ta’u saati. Hanga tokko ogummaa bu’uraa hedduun keenya qabnurratti kan hirkateedha. Gurmaa’uf seerri Waaqaa bu’e jiraachuu baatuyyu haala adda addaa keessatti tarkaanfiwwan fudhatamuu barbaachisan akka jiran dagatamu hinqabu. Tarkaanfiwwan kunis namoota barmoota badaa hinqabneen kan baratamuu danada’aniidha.
Namoonni hedduun ofii saani akka nama waa gurmeessuu danda’utti of hin ilaalani. Dhugumatti namoonni hedduun gonkumaa akka nama waa gurmeessuu danada’utti of hin ilaalani. Gurmeessuun akka waan hojii humnaa olii ta’ee balaa qabuufii yaada guddaa barbaadutti ilaaluu…….
Ameerikaa keessatti seenaan gurmeessuu seenaa ummata umrii, saala, bifa, lammi, amantii, afaan fi saba hundati. Gurmeessu cimaan jiruu namoota kumoota hedduu jijjire, kan hojjatame barattoota sadarkaa lammaffaatin, namoota qaamaa hir’atan, maanguddota waggoota 70, 80 fi 90 keessa jiranin, gootota waraanaa, man-dhabloota, namoota hawaasarratti hojjatan, qotee-bultoota, barsisiistota, hojjattoota waraqaa ragaa hinqabneen, hojjattoota ,baqattoota fi namoota beekkamoo hinta’iniin hundumaa hojjatamuu danda.
Sababiin namoonni beekkamo hinta’in gurmeessota cimoo ta’u jedhamuuf ogummaan gurmeessuu ogummaa guyyuu baratan waan ta’eefi. Ogummaan kuni akaaku ogummaa jiruu maati keessatti, jiruu manaa keessatti, michuuwwan keenyaan waliin iddoo hojiitti namoota wajjin walii galteen hojjachuuf nu qarqaara. Namoonni namoota biraa waliin walii galuuf dandeetti qaban ummata gurmeessuurratti cimoodha. Eenymtu gurmeessu danda’a. Abbaan fedhe sirna bu’uraa gurmeessuu baruu danda’a. Meeshaan kana caalaa hojjatu hinjiru. Akammitti akka hiriyoota kee injifattuufi namoota amansiiftu baru dandeessa. Yaada kuusaa qabdu beekuu qabda, amala kee sirreessuu dandeessa, yaada kee ciminaan tarkaanfaccisuu baruudha. Garuu, wanti akka namoota karaa kee qabatanii deemuu fedhaniifi waliin hojjachuun galii barbaaddan gahuu dandeessan argachuu caalaa jiruu kee jijjiru hinjiru.

“Ani gonkumaa gurmeessuu ykn hoogganuu hindanda’u” ofin jechaa turtee. Namoonni hedduun har’a hoogganaa hawaasaa, warshaalee, manneen barmootaa, jaarmolee adda addaa ta’an akkuma ati yaaddu kanatti yaadaa turani. Ummata fuulduratti dubbachuu hindanda’u jedhanii yaadaa turani. Namoota ittin falman fuuldura dhaabbachuu hindanda’u jedhanii amanaa turani…….Walgayii hoogganuu, ajandaa baasuu hindanda’u yaada jedhutu itti dhagahamaa ture. Namni tokkoyyuu na hindhaggeeffatu, na hinhordofu, ykn yaada koo hinfudhatu, yaada jedhu waan qabaachaa turaniif gonkumaa sochoof nisodaatu turani.
Yaadni kuni hundumtu qaama haala keessatti guddannee ta’e kan gatii nu baasisaniidha. Kuni hundumtuu kophaa kophaatti hojjachaa waan turreef walitti dhufanii waliin hojjachuun galma waloo akka hinqabaanne taasifamuu keenyarraa madda. Yaa ta’u malee dhugaan jiru namoonni hedduun of keessaa dandeetti guddaa waliin hojjachuu, hooggansa kennu, kaka’insa huumuu, namoota biro gurmeessuu qabu.
NAMOONNI MAALIIF GURMAA’U?
Namoonni sababa adda addaatiif gurmaau. Yeroo tokko tokko namoota gurmaa’a (nigurmoofana) jedhaniin gaafatamu. Namoonni gaafatan kuni ollaa, michuu, nama waliin hojjatan, firaafii kkf ta’u danda’u. Gaafin isaanis salphaa ta’u danda’a. Namni tokko akkas jedha, “ani maraadhee (aaree)jira. Mee walgeenyee waan kanarratti yoo waa gochuu dandeenye yaa ilaallu”, jedha. “Lakki ani ofii kiyyaa yoon hojjedhe wayya”, jechuu danda’a inni gaafatame. Baay’een keenya wal shakkina……..yaa ta’u malee yeroo hedduu deebiin gaafii kanaa “tole” kan jedhu ta’a. Akkataa gaaficha itti dhiyeessinurratti hundaa’a, maal goona jennee akka itti gaafanaufi maal akka gochuu qaban akkaataa itti himnutu murteessaadha.

Yeroo biraa, karaan hundi yoo nutti cufame (waan biraa gochuu yoo dadhabnu) gurmaa’u jalqaban. Ofii keenyaa rakkoo tokko furuuf hanga beeknuun waan dandeenye hundumaa hojjannee …….homtuu fala fidu yoo dadhabe jechuudha.
Dhumarratti namoota biraa gaafachuu jalqabne …. Wanti barres fala tokko fiduuf wanti ta’e hojjatamuu akka qabu kan yaadaniifi aaraa jiran nu qofaa akka hinta’in hubanna. Namoonni …..akka keenyatti yaadan iddoo hunda jiru. Hiikaa dhabuu saanitiin hedduu mufatanii jiru. Waa tkko akka godhamu /hojjatumu/ barbaadu. Gurmaa’un kanarraa jalqaba. Ifaajjen dhuunfaa akka hinhojjanneefi falli isaa waliin hojjachuu akka ta’e buruurraa madda.
NAMOONNI MAALIIF GURMAA’U DHIISU?
Nmni rakkoo qabu hundi hingurmaa’u. Namoonni gariin itti milkaa’u danda’anis rakkoo saanii furuuf hiikaa mataa saanii kennuu yaalu. Namoonni gariin ammoo sirumaa nuffanii dhiisuun waan biraa yaaduutti ka’u. Namoonni gurmaa’u diduuf qabata hedduu qabu. Namoota hedduuf waan haara’a waan ta’uuf nisoodaatu. Gonkumaa waan hojjatanii hinbeekne waan ta’eef hojjachuuf yaaduun waan ulfaataa ta’ee itti mul’ata. Namoota biraatti ammoo gurmuu keesstti wayi akka hojjannu gaafatamna jedhanii yaadutu isaan sodaachisa. Itti gaafatama ummataa humna keenyaa ol ta’e akka fudhannu gaafatamana jedhanii sodaatu. Akka wallaalatti nama waan hojjatu hinbeekneetti laallamna jedhanii sodaatu. Sababii guddaan ummanni gurmaa’u diduuf ofirratti amantii dhabuufi sodaa haala haara’a hinbeekne keessa seenuu waan qabuufi.
Sababiin biraa gurmaa’ina booda waan ta’uu deemuus nisoodaatu……. Maqaa xureessiin, goolii-huumtota, kakaaftoota, jedhamanii waammammuufi namoota keessaa filatamani hiraarfamuuf doorsifamuu karaa diinaa (mootummaa) irra gahuu deemu sodaatu.
Yeroo tokko tokko sodaan kuni dhuga qabeessa. Hiraarfamuuf, doorsifamuun namoota gurmaa’u yaalan hundarraatti raawwatamaa tureera, namoota walda’a hojjattootaa, gurmeessan qofaa oso hinta’in namoota haala biraatin gurmaa’an hundumaa ilaallata. Namoonni waayee gurmaa’u waan dhagahanirraa ka’anii yeroo tokko tokko sodaan saanii garmalee guddata.
Warreen aangoo qaban- korporeshinoota, hooggantoota waraanaa, birookiraatota siyaasaa, fi kkf,-iccitii gurmaa’u ofumaaf qabatu. Namoonni aangoo hinqabne gurmaa’un hafee yaada saatuu akka hinyaadne taasifamanii jiru……..,.
Karaa keenyan ummanni gurmaa’u akka shororkaa waliin walqabsiise ilaalu itti himama…….
irra deddebi’amee rakkoo keenyaf hiikaa dhuunfaa akka barbaannu nu kakaasani /nu uggani/. Akka nam-tokkeetti malee akka gareetti akka hin hojjannee /hinsochoone/ barsiifamne. Yaa ta’u malee dhugaan jiru garuu hojiin nam tokkoo kan bu’aa buusuu darbee darbeet. Yaadni kuni akka addaan fagaannu fi jijjirraa bu’uuraa dhugaatti ta’u qabu akka fiduu hindandeenye nu taasise.
(“Namni tokko sagalee tokkoo” fi “fadareeshiinii walitti dhiyeenya lafaan malee sabarratti hundaa’u hinqabuu” nafxanyoonni faarsan saniin walfakkata.)
Rakkina keenya furuuf akka tarkaanfii nam-tokkee fudhannu hawaasichi kan nu kakaasuuf sababa biraa qaba. Rakkinni nam-tokkee oto sirna jirurratti jijjirraa bu’uraa hinfidin furamuu adanda. Hojjtaan warshaa tokko wayee mindaa saatiif hoogganaa isaatti yoo kophaa isaa gaafii kaase, mindaa isaa xiqqoo dabaluun ykn hojjaticha gara sadarkaa hoogganaatti olbutuun, hedduu salphaadha. Yoo gara hoogganaa dhaquurra muuxannoo /ogummaa/ hoogganumaa qabdutti dhiimma bahuu murteeffatte, yeroo sana hund saanitiifu mindaa dabaluun barbaachisaa ta’a.
Sababiin biraa hiikaa nam-tokkee kan hafarsaniif namoonni rakkoo mataa saaniiti ofuma akka abaaran taasisuufi……..
Kanaafuu “oso xiqqoo cimnee hojjannee, uffata gaarii uffannee, dubbi xiqqoo wayyaa ta’e dubbannee rakkooleen suni nifuramu turani”.
Sirnichi ta’e jedhee yaada kana calaqqia. Hojjattoonni yoo omisha saanii xiqqoo dabalan, guddinni kennamuufi danda’a jedhamee itti himama. Dubartoonni yoo qulqulina manneeni fooyyasan abbootiin
warraa saani calaatti jaalachuu akka danda’an itti himama. Sabooti bicuun karaa sirri yoo deeman rakkinni saanii suuta suuta dabareedhan akka furamu danda’u itti himama.
Hojii gaarii argachuu dhabuu, hawaasa keenya keessatti sagalee gahaadhabuu keenya oto arginu jireenya manaa gaarii jiraachuu dadhabuu keenya akka dadhabbina dhuunfarraa maddeetti ilaalaa jirra. Kuni ammoo akka namoota biyya bulchan, warshaalee, manneen barmootaa hooggananitti namoota gaarii ta’u dhabuu keenya akka amannu nu taasise. Waan hundumaa akka isaan hojjatan akka isaanirratti dhiifnu yoo nutti himan sirrii ta’innu laata jennee shakkuu jalqabne.Waan fedhan haamurteessan. Waan isiniif mala jedhan yaa nuuflaatan haala jedhurraa geenye.
Kanaafuu hundi keenyaa waan ta’u dandeenyuu gadi taanee argamne. Dhimma keenya harkatti fudhachuuf afirratti amantaa dhabne. Addaan faffacaanee walitti halagaa taane. Diina walitti dhiyeenyan hojjatu, kan tarsiimoo waliin baafatu, kan aangoo walii qoodee ittin dhimma bahun wallaansoo wal qabnee waan jiruu keenya hadheesse jijjiruu dadhabne.
Ammarree wanti hawaasa keessaa baanee akka nam-tokkeetti dhaabbanu kan nu jajjabeessan sababa biraatu jira. Namoonni aangoo qaban akka namaa hinqoodne yoo namoonni biraa xiqquma aangoo sana dhandhamatan waan ta’u deemu sirriin beeku. Yeroo tokkicha namoonni gurmaa’ani waan xixiqqo jijjiruu barannaan waan gurguddaas jijjiruuf yaaduu jalqabuun saanii akka hioolle beeku.
UMMATA TOKKO GURMEESSUUN KAN UMMATA BIRAARRA SALPHAADHA?
Akkuma waan biraa keessatti mul’atu gurmeessuu keessattis “margii dallaa ala jiru yeroo hundumaa magariisaa fakkata” yaada jedun walfakkata. Dhugaatti garee kamuu gurmeessuun salphaa miti. Yaa tau malee garee kamuu gurmeessuun waan hindanda’amnees miti. Gareen hundinu jabinaafi rakoo adda addaa qabanitu qaama gurmeessu ta’u qaba.
Garee fedhee wajjinu yoo hojjattu wantoonni gurmeessuuf salphaa ta’aniif akka hingurmoofne dhoorkan nijiru. Wanti barbaachisaa ta’e jabinaafii rakkina garee tokko keessa jiru baruudha. Wanti garee tokko keessatti hojjate garee biraakeessattis ni hojjata jettee hin yaadin. Akkuma namni tokko isa kaanbiraarraa adda ta’eefi akka nama dhuunfaatti ilaalamu qabu sana hawaasni tokko, araddaan tokko, ykn gareen ummataa tokkos amala (quality) adda addaa qaba. Amala kana baruuf waliin hojjachuun hojii gurmeessuu mijataafi milka’a taasisa.
Ummata tokko yeroo tokko gurmeessuun salphaa yoo ta’u yeroo biraa ammoo ulfaataa ta’ee argama. Ummanni hanga isaan ilaalltutti yoo gurmaa’uf sababa gaarii (gahaa) qabaatan gurmeessuun slphaadha……. Ummanni yeroo hedduu yoo waan tokko huummame gurmaa’uf fedhii horatu- sadrkaa jiruu saanii jijjiruuf, sirna jireenya saani eeggachuuf ykn yeroo waa tokko akka argatan beekan.

Ummata gurmeessuun kan salphaa ta’u yeroo milkiin injiffannoo itti mul’atuudha. Ummanni hedduun rakkinoota baachuu danda’aniifi kan baachuu hindandeenye qabu. Rakkinoota kanaaf furmaata argachuu barbaadu. Yaa ta’u malee wanti jireenya irraa baratan akka agarsiisutti furmaanni suni waan hin argameeneedha……….Waan qabatamaatti hojjachuun danda’amufi hindanda’amne addaan baafacurratti sirri ta’u yookin dogoggora qabaacu danda’u. Yaa ta’uutii yoo homtuu hinhojjatamu jedhanii yaadan caalaa wanni tokko raawwatamuu danda’a jedhanii yoo yaadan gurmaa’uf kaka’insa guddaa qabbatu.
Hawaasonni akkauma namoota dhuunfaa yeroo /waqtii/ itti sochoo’anii fii yeroo itti boqotan /tasgabbaa’n/ qabu. Akkuma namoonni yeroo tokko tokko dandeetti waan ulfaataa dalaguuf of kennan, waan haar’a kallaquuf yaalan, karaa isaanii irraa goran, akkasuma hawaasnis yeroo tokko tokko karaa waan haar’a ittin waa hojjatan fudhachuuf, walta’anii rakkoo dhufu dura dhaabbachuuf fedhii qabu. Yeroo biraa ammoo hawaasonni akkuma namoot dhunfaa of eeggatu………
Sochiin humaa hawaasaa akkuma sochii humnaa nama dhuunfaa duula gurmaa’u qideessuu keessatti barbaachisaafi waan haalan hordofamuu qabuudha.
EESSAA HAA KAANU?
Gurmeessuu jalqabuuf iddoo gaariin bakka jirturraa ka’uudha. Namoota dhimmituuf irraa, dubbi /gochaa/ si aarsaa jirurraa, waan jireenya keetif jireenya namoota wjjin jiraattu keessatti akka jijjirramu barbaaddurraa ka’u qabda. Namoota wajjin hojjatu, waliin jiraattu, namoota sifakkaatan, kan yaaddoo keetifi fedhii kee qooddatan irraa ka’i. Gurmuun tokko milkaa’uf baay’e guddaa /bal’aa/ ta’u hinqabu. Gareen namoota muraasan ijaarrame hojii guddaa hojjachu danda’a.
Wanti gurmaa’u adda taasisu, erga gurmaa’un jalqabamee booda namoota meeqatu qooda keessaa fudhachaa jira kan jedhuudha. Namoonni hedduun jireenya saanii jijjiruuf wayi hojjachuuf fedhii qabu. Kan biraa hedduun ammoo wanti gochuu danda’an akka hinjirre ykn waa xiqqoo akka ta’etti yaadu. Kanaafuu hirkatani taa’un namni biraa akka waa godhuuf eeggatu, ykn maal gochuun akka irra jiru namni biraa akka itti himu barbaadu. Yeroo hedduu tarkaanfii nam-tokkoo kan kanaan dura yroo tokkoyyu waan akkasii waa tokko hojjatee hinbeekin fudhatamutu duula gurmaa’u qabsiisa.
Waggoota muraasa dura, yeroon magaalaa Fannin jedhamtu Georgia keessatti argamtu keesa jiraadhu bulchaan magaalatti gibira qabeenyaa irratti dabalu isaa labse. Hundi keenyayyu ni maraanne. Naanno warshaa tiraaktaraa gungumaa oliif gadi adeemaa turre. Namni hundinu waayee kanaa dubbataa ture. Yaa ta’u malee namni waa tokko gochaa ture hinjiru ture. Dhumarratti miseensi walda’a hojjattoota madaabi baasani /copper mining/ tokko beeksisa sararaa sadi qabdu takka waraqaarratti barreessee. Hangan yaadadhutti akkas jetti, “waayeen gibira kanaa waan namaraachaa jiruuf waa tokko gochuun fedha. Isinis yoo waa gochuu feetan, har’a galgala sa’aa 8:00 waajira bulchiinsatti wal yaa arginu.” Namoota dhibba sadi’itu iddo sanatti walgaye.haalli suni jalqaba sochii barbaachisaa kan gibira jijjirsisu qofaa oto hinta’in kan bulchiinsa magaalattiyyu jijjire ta’e argame. Namni hunduu waa gochuu barbaada ture, hundumtu aaree ture, yaa ta’u malee aarii sana gara sochiitti ceesisuuf tarkaanfii nam tokkoo qofaa fudhate.
Gurmaa’un yeroo hunda hin hojjatu ta’a. Waraana hunda injifachuun hindanda’amu. Rakkoon hundi hiikaa hin argatu. Yaa ta’u malee yeroo hedduu yoo tarkaanfii jalqabaa fudhatte namoonni biroo si hordofu.
AKKAMITTI JALQABNAA?
Seenan gurmeessu haga tokko gurmeessitootan barreeffame, yaada oto gurmeessuu hinjalqabin dura ogeessa gurmeessuu argachuu /qabaachuu/ qabda jedhu keessatt arguun nimala. Nama dursee ogummaaf muuxannoo akkasii qabu argachuuf waliin haasa’un rakinicharratti waliin yaaduun, tarsiimoo walin karoorrachuufi tooftaa waliin tolfachuun waan nama qarqaaruu dand’u yaa ta’u malee wanti guddaan sochiileen hawaasiifi siyaasaa biyya kanaa (US jechuu saati) keesstti gurmeessuun kan jalqabame namoota aangoo maleeyyi qofaa saanii turaniini.
Kana malees hedduun keenya walda’a hojjattootaa, duula siyaasaa, garee jiraattotta ollaatuu gurmeessinee beekuu baannuyyu, muuxannoo gurmeessuu ofirrtti beeku daganne hedduu qabna turre. Hedduun keenya manneen amantii adda addaa keessatti miseensota ta’uun, miseensota waldaalee hojjattootaa ta’un, waldaa mana barmootaa maatii-barsiistota-barattoota of keessaa qabu keessatti, kilaboota tajaajilaa keessatti, waldaalee qottootaa ykn goototaa keessatti fii jaarmolee adda addaa keessatti qooda fudhachaa turreerra. Ogummaa guddaan jaarmolii kana ittin ijaaruuf itti dhimma baane ijaarsa amma haasa’aa jirru kanaaf barbaachisaadha. Waaye jireenya keetii yaaditi, yeroo miseensa jaarmiyaa taatee turte waliin yaadaa of duuba deebi’iti waan raawwatteefi waan baratte xiinxali. Tarii ogumaa gurmeessuu waan qaba jettee yaaddu caalaa akka qabdu of argita. Ogummaan kuni jalqaba ilaalcha ijaaruu ofii keetii hojjadhu jedhu ta’u danda’a. Qabiyyeen barruu kanatti aanee dhufu akkamitti ofii keetii akka hojjattu fii suns maaliif akka ta’e ibsa. Dhugaatti dhoksaaf iccitiin kana keessa hinjiru. Hundi keenyaa beekumsaaf muuxannoo Addunyaa keenya ittin jijjirru qabaachuufi guddifachuu akka dandeenyuufi jijjirraa kana keessatti gahee barbaachisaa ta’e taphachuun akka nurra jiru argina.
Hundi keenyaa ogummaa fii dandeetti yaadaa Addunyaaf qabnuufi waan cimsinee barbaannuu, wal hinfakkaanne qabna. Yaata’u malee hundi keenyaa waliin hojjanna, hawaasa hunda keenyaa ta’u ijaaruu keessatti hooggantoota ta’u dandeenya.
Galiin gurmaawwuu bilisummaaummata Oromoo fi walabummaa Oromiyaatif kan akeekatame ta’ee ABO jabeesuu fi humnoomsuuf ijaarsa ummataatiin kabuun barbaachiisaa dha. Taa’annii dhaaba eeguun dirqama bahuu akka hin taane dhalii Oromoo bilisummaa dhuunfaa fi saba isaaf dhaabate ana irra bnamni itti aannu hin jiru jechu qaba.Sabni hin ijaaramne kadhatummaa irraa hin bahu.
IUOf.

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Waraana calqaba isaa malee xumurrii fi ittibahinsi isaa hin beekamne – Oromoon maal godhuu qaba?

Berhanu Hundee Waraanni amma garee seeraa fi heeraa ala mootummaa Federaalaa ofiin jedhu fi mootummaa …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *