Oduu Haaraya

Oromoo fi Waanti Itti aanee dhufu Maali?

Bitootessa 20, 2013, WASHINGTON DC (VOA Afaan Oromoo) — As United States kutaa Minnesootaa keessa kan maadheffate gumiin lammiiwwan Ameerikaa hidda dhalata Oromoo sanbata darbe jechuunis Bitootessa 16, bara 2013 magaalaa Miniyaapolis keessatti geggeessamee jira.

Kaayyoon wal ga’ii sanaa haala dinagdee, siyaasa, hawaasummaa aadaa fi egeree uummata oromoo maal akka ta’e irratti mari’achuu ture.

Wal ga’ii sana irratti hoogganoota gareelee siyaasaa Oromoo, hayyoo taa fi uummati naannoo irratti argamuu dhaan mala ittiin gara fuula duraatti tarkaanfachuun danda’amu irratti mari’atanii jiran.

Adda addummaan yaadaa gareelee siyaasaas haa ta’u namoota dhuunfaa hawaasa tokko keessa jiran gidduu jiru addaan nama qooduu hin qabu, bakka sanaa walitti dhufuu dhaan haaala ittiin garaa garummaa ofii walitti fidanii uummata ofiif hojjetan mala dha’uun barbaachisaa ta’uu kanneen wal ga’ii kana qindeessan nuuf ibsanii jiru. Gaaffiin uummata Oromoo guddaa fi hanga yoonaa deebii kan hin argatin jiru waan ta’eef deebiin hamma argamutti dhiibbaa gochuu kan itti fufan ta’uunis ibsamee jira.

Dhiittaa mirga namaa yeroo yerootti raawwatama jedhamee gabaasamuus addunyaatti beeksisuuf angawoota gameeyyiitti beeksisuu kan itti fufan ta’uu isaaniif furmaati ni argama jedhanii kan abdatan ta’uu kanneen konferensii sana qindeessan mata duree marii isaanii “Oromoof waan itti aanee dhufu maali?” kan jedhu tuquun ibsanii jiran.

Sagalee

VOA Afaan Oromoo

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …