Oduu Haaraya

OROMOOF MALEE OROMIYAAN ALAGAAF HARAAM!

 

Lammaa Magarsaa haasawa isaanii yoon dhageeffadhu OPDO osoo hin tahin paartii mormitootaa natti fakkaate. Ajab! haasawa isaa, jechoota isaa akkam namatti tola yaa aboo. Dhageeffattanii? ktktktktktk Garuu maal gatii qabaree kaaseetni akkuma abbaan itti waraabetti deebisee dhawwaaqa waan taheef nan ajaa’ibne. Abbaan sagalee bareechee ykn fokkisee akkuma itti guutetti sanuma deebisee dhawwaaqa tephiin. Kan hedduu na raajeeyse ammoo yeroo tanatti jecha bareeffatanii lallabuun, quuqamaafi dhimmamaa fakkaachuun qofti fudhatama akka naman qabaachifne beekuu dhabuun isaanii boolla dukkanaa keessatti dunquqqoochaa turuu isaanii namatti mul’isuun ala hiikkaa biraa hin qabu. Silaa aangoo waa godhuu qabaatanii, akkuma soba dhaadatan kana hundaa miti qinii osoo hojitti hiikuu danda’anii carraan isaanii milkii guddaa ture. Waa’ee bilisummaafi gabrummaa haasawee, xibaaree, lallabee boodarra garuu bilisummaa qabeenyaa ja’ee hoggaa xumuru hedduu na kofalchiise. Falaasamaafi xiin-sammuu isaa garuu niin dinqisiifadhe, deebi’een balaaleeyfadhe malee. Qotee bulaa lafa irra jiraatu irraa buqqisaa, abbaan lafaa lafa isaa irraa hoonga’ee karaa irraafi zaraaraa mana namaa jalatti gombifamee, maatii waliin faca’ee osoo beelaan murruq tahaa jiruu inni bilisummaa qabeenyaa tam haasawa garuu?

Haasawa bareedaa danuu tokko yaasee, afuufee, firfirsee yoo dakaa baddaa keessa arraba mi’eeffatee labuufi lallabu “Iihh…! Bilisummaafi gootummaa akkasii Lammaan arra eessaa fide?” gaafii jattu natti biqilchuus yoon jechoota Afaan Oromoo kan Amaaraa fi Tigraffaa irraa kallattiin hiikame san yoo hiriira galchu kaasetiin waraaabbii lammaffaa malee orijinaalii akka hin tahin garuu laaftumatti naaf gale. “Koottu ni nyaattaa!” ja’e Abbaan Lataa biyyeen itti haa sablatu. Aniis yoon haasawa bililiqoo ashangullittiin dhawwaayxu kana gad jabeessee quunquumuu fi gad fageessee guunguumu “Afaan dhadhaa gara dhagaa, ykn arrab-deeymee able lamee” ja’een bira dabruuf yaale. Yoon sirritti fuula isaa to’adhu garuu joollee uleen gubbaa dhaabbatanii hiraata dirqiin nyaachisaa jiran natti fakkaate, Lammaan. Garuu yoo dhugaa dubbanne namtichi kun yerootu amma itti tahe malee silaa duraan gaafa OPDO’n wahi taatee moosina qabdu san tahee duuyda Oromoo sirritti alagaaf shiireeysuu danda’a ture. Garuu maal gatii qabaree eega itti orraate booda? Lammaan ibsa miidiyaaf laate irratti garuu dhaadannoolee darree isuma fakkaattu takka dhaadachaa ture. “Carraa nu harkaa bahuuf ka’e deebifnee harkatti galfannee jirra” ja’e. Maal jechuu isaa akka tahe ammoo namuu ni beeka. Jecha gabaabaan yoon ibsu

“Ummata Oromoo bilisoomuu gahe gabrummaa jalatti deebifne” jechuu isaati kaa. Lammaa Magarsaa! yoo ummanni cal’isuun kun waan moohaman sitti fakkaate dogoggora guddaa keessa jirta. Osuma Oromoon lubbuun fuula ardii kanarra jirtuu Oromiyaa amma boodallee akkuma baran san diina jalatti sakaalanii qabuuf yaaluu isaanii mul’isa. Garuu Oromoof malee kana booda Oromiyaan alagaafi gantuufiis haraam!

Walumaagalatti garuu qeerroo dhaloota qubee haasooyni bililiqoon akka sagale guddiftuun wayyaanee lallabdu kun eega bituufi isaan gituu dadhabee bubbulee jira. Dhaloonni qubee kan qabsoo fadhiideeyse osoo hin tahin kan ifiifuu qabsoo keessatti fadhiidayeedha. Gurbaa soddaatuu deeraa seenee osoo dhadhaa hataa jiruu fadhiidoo daaraa keessa ruuqamtee teeysu agarraan akka nama daa’ima sossobuutti ‘qiiq-qiiq’ itti jannaan “Nuti waan akkanarraa guddanne!” jetteen ja’an ruurriin dhandhaarraa jidduu daaraa fakkaattee teeysu. Akkasiitii! nutiis qeerroon Oromoo dhaloota qubee “qiiq-qiiqii’ irraa akka guddatte ‘gashee’ Lambaan waan hubate hin fakkaatu. Gama biraatiin yeroo tana eega asriin dabartee aduun lixa geeysee booda haasawa akkanaa haasa’uun namticha kanaa “Oromoon gowwaadha” akka jechutti hiikama. Oromoon gowwaa miti. Oromoon haasawa gantuun garaa isii guutachuuf ergamtee waltajjii irraa lallabduuf ja’ee dhiiga ilmaan isaanii kan akka galaanaa laga yaa’e san gubbaan akka hin tarkaanfanne irra deddeebi’ee itti himuu qaba. “Taguugni dhiqan hin bareedu” yoo ja’an kan akka namticha kanaati. Oromoon taguuga faltii kana dhiquuf yeroof isaa gubuu osoo hin taane qabsoo finiinsuun jechaafi murannoo isaanii gochaan mirkaneessuu qaban. Oromoof malee kana booda Oromiyaan alagaafi gantuufiis haraami!

‘Tooftaan arraba summiitiin damma nuuf kannuu ni fashalooyti!”

Saphaloo Kadiir
Gurraan. 2017

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

AMALOOTA KUFAATII SIRNA ABBAA IRREE MIRKANEESSAN BEEKTAA?

Saphaloo Kadiir irraa. Sirnoonni Abbaa Irree kamuu amaloota wal fakkaatoo gaafa kufuuf qilee irra gahan …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *