Oduu Haaraya

Hogganoonni OPDO ol’aanoon 500 ol tahan magaalaa Adaamaatti walgahiirra jiran waliigaltee dhabuun wal unkuraa jiru

SBO Bitootessa 16, 2016

Oromo Voice Radio (OVR) Bitootessa 16, 2016

(SBO/VOL – Bitootessa 16, 2016) Qondaalonni ol’aanoon dhaaba maxxannee wayyaanee, OPDO, lakkoofsaan 500 caalan Galma Abbaa Gadaa magaalaa Adaamaatti argamutti walgahii gaggeeffatuun ibsameera. Lukkeeleen hogganoota baanaman kunneen walgahii isaanii guyyoota Lamaaf gaggeeffatuuf kan yaadanii turan tahus, gaaffiiwwan mirgaa, mormii fi yaadota faallaa fedhii diinaa tahan waltajjicharratti ka’anirraa kan kahe waliigalteerra gahuu hanqatanii guyyaa dabalachuudhaan akka walhammacan ibsameera.

Akka silaa karoora qabatanii waltajjichatti seenaniitti olola guyyaa Lamaaniitiin qondaalota ol’aanoo kanneen amansiisuudhaan akka isaan qajeelfama gooftolii isaanii, Wayyaanee/TPLF, irraa laatame hojiirra oolchuuf ummatatti bobbahaniif kan yaadame tahus, dabballootumti OPDO kunneen walgahii kanarratti gaaffilee mirgaa adda addaa kaasuudhaan ofuma isaaniitii wal unkuruutu ibsame.

Qondaalotni OPDO kunneen gaaffiwwan mirgaa ummanni kaasaa turee fi ammas itti jiru gaaffii keenya, gaaffii sirrii ti jechuun amanamtoota wayyaanee waltajjicharra turan waliin wal dhaban.

Gaaffilee ka’an keessaa dhimma Afaan Oromoo, lammiilee Oromoo hidhaman, aangoo OPDOn naannoo Oromiyaattis ta’ee sadarkaa Federaalaatti qabu, dhimma daangaa fi kkf waltajjicha irratti kaafamanii lukkeeleen kunneen irratti walii hin galle.

Olola guyyoota 2 booda ummatatti bobbaafamuudhaan siyaasaa wayyaanummaa lallabuuf kan qopheeffamaa turan qondaalonni ol’aanoon dhaaba maxxannee kanaa, gaaffilee hedduu kan kaasan yoo tahu kanneen keessaas:-

– Gaaffiwwan ummanni kaasee fi kaasaa jiru gaaffii keenya; hanga deebii argatanittis kana booda wal hin dhageenyu, kan waliin hojjennus san booda,

Oromiyaa kan bulchaa jiru OPDO akka hin taanee fi bulchiinsi OPDO du’aa fi dadhabaa tahuu, wal qixxummaa hojii kan ilaallatu, Afaan Oromoo afaan hojii fi afaan Federaalaa maaliif hin taane?, lafaa fi qabeenya keenya ofii bulchuu qabna; TPLF maaliif nu tohata, gaaffiin mirgaa fi bilisummaa kaafamaa jirus gaaffiidhuma keenya; ajajaa fi tohannaa wayyaanee jalaa bahuu qabna kanneen jedhan waltajjicharratti ka’aniiru.

Qondaalonni ol’aanoon kunneen ummanni Oromoo siyaasaa biyyattii keessatti gahee isaaf malu waakkatamuu fi moggeeffamuu kan ilaaluu fi gaaffilee biroos ummanni Oromoo fi ABOn kaasaa bahanis dhiyeessuun kan mataa wal bowwaafachiisan yoo tahu kanneen keessaayis:-

– Sadarkaa hojiitti; waraana keessatti hirmaannaa dhabuu,

– Sadarkaa gaggeessummaa ol’aanaatti gaggeessummaa keessaa dhabamuu,

Siyaasaa biyyattii keessatti Oromoon dhimmoota biyya keessaa fi biyya alaa ilaallatan akkasumas iddoowwan furtuu dha jedhaman irraa moggeeffamuu,

– INSA keessaa akkasums Muummee ministeeraa biraallee Oromoon dhabamuu fi gaaffilee biroo hedduu kaasuudhaan roorroo Oromoorra gahaa jiru ifatti walitti dubbataniiru.

Kanaanis gaaffiin ummanni Oromoo kaasaa jiru haqaa fi isaanis kan deeggaran tahuu ibsanii, gaaffilee ABOn qabatee falmaa gaggeessaa jiru kunneen gaaffilee ummataa waan tahaniif kabeebsaa fi kijibaan bira dabruu yookiin humnaan ukkaamsuuf yaaluu mannaa gurra laataniifii deebisaa quubsaa itti kennuun akka barbaachisu jala sararanii dubbatan.

Rakkoolee hanga ammaatti ummata Oromoorra gahaa turan kan geessisaa jiru dhaaba OPDO ti kan jedhan qondaalonni kunneen waltajjii kanarratti argaman dhugaa jiru baasanii walitti himuudhaan amanamtoota wayyaanee haqa ukkaamsuun irra-dibaan bira taruu yaadaniin wal dura dhaabbachuun ibsameera. Dhugaa jiru walitti himnee, walirraas fudhannee furmaataaf hin sossoonu taanaanii fi gaaffii ummata Oromoo kana ukkaamsuu fi maqaa xureessiin yakkatti lakkaawanii bira dabruuf yaadama taanaan waliin deemuu hin dandeenyu jechuudhaan walgahicha irratti mormii walgidduutti kaasuurraa keessa isaaniitti waldhabdeen uumamee, wal danqaniiru.

Amanamaan sirna wayyaanee, Pirezdaantii Oromiyaa ti jedhamu Muktaar Kadir wal dura dhaabbannoon qondaalota OPDO jabaachuurraa gara Galma Abbaa Gadaa qajeelus, dabballoota ol’aanoo aariin gutamanii gaaffilee mirgaa roobsan qabbaneessuu dadhabuutu gabaafame.

Qondaalonni ol’aanoon sabboonoo tahan sodaa tokko malee yaadaa fi gaaffilee dhiyeessaniin ejjennoo isaanii ifa kan godhan yoo tahu, kanaanis “Oromoon ajjeefamee dhiigni isaa gatii dhabee hin hafu; Oromoon yoomiyyuu tokkuma; gaaffiin ummataa gaaffii keenyallee dha, gaaffiin ABOs gaaffii ummataa ti. Kun immoo dhugaa irratti kan hundaa’e gaaffii sirrii waan taheef, itti fufuu fi deeggaramuu akkasumas deebisaa sirrii argachuu qaba jechuudhaan walgahicha mormiitti geeddaraniiru.

Raafama mudate kanarraa OPDOn ni diigama jechuun amanamtoonni sirna wayyaanee sodaatti akka jiran kan ibsame yoo tahu, mormii fi dura dhaabbannoo qondaalota ol’aanoo 500 ol tahan gidduutti mudate kana akkamittiin dhaamsina, dadhabnus qabbaneessinee qalbii isaanii wayyaanee jalatti deebisna kan jedhu hojii fi yaaddoo Muktaar Kadirii fi fakkaattota isaa tahuunis ibsameera.

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …