Oduu Haaraya

#OromoRevolution #OromoProtests #Ethiopia: Waamicha Qeerroo Naanoo Amboo

 

**********************************
Duula sanyii Oromoo lafa irraa fixuuf Agaaziin nu irratti labsite jalaa ba’uuf qeerroon naannoo Amboo waamicha lammummaa oromiyaa hundaaf akka nuu ga’uu hundii keenya walitti akka nuuf labsiitanii waamicha dhiyesneera.’’
“Hunda keenya gara mana hidhaatti dabareen guruuf, keessaa ajjeesuu, dirqamaan reebaani of jalatti nu bulchuuf Wayyaneen karoorsite raawwachaa jirti. Qabsoon calqabame laafeera jechaa jirtii. Kanaafuu du’aa jala lammii baraarsuuf jecha qabsoo calqabame “tooftaa haara’aan” ittii fufsisuuf karoorfannee jirra. Torbee dhufuu qabee bifa haara’aan hanga Dr. Merara fi hidhamtoonni siyaasaa keenya hundii mana hidhaatii gallakkifamaniitti…..
1. Daandii hundaa walkurfeessuun halkanii fi guyyaa ittii fufuun cufuu
2. Akka hin saaxilamneef fuula ofii hucuun ykn festaalaan ija ofii qofa hanbisuun of dhoksuun raawwachuu
3. Keessumaa halkan bifa kurfaa’een qabeenyoota jalee Wayyaanee fi basaastotaa jara irratti tarkaanfii fudhachuu
4. Sadarkaa Oromiyaa guututti guyyaa tokkoof bifa walfakkaatuun raawwachuu ,
5. Face book fi madia jiruun hunduu tumsaa fi kakkaasuun akka nu bira dhaabattan haa ta’uu. Bakkuma hundatti torbee kanaa eegalee akka hojii irra oolu tumsa hunda keessanii gaafanna.”
Qabsson itti fufa

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …

2 comments

  1. Waaqayyo lubuu keessan haatiksu!
    Garuruu “waamicha Qerroo Amboo” ennaa jedhamu dubbiin waan Qeerroo Amboo qofa illaatu fakkeessa. Garuu kun dhimmaa qeerro amboo qofa otoo hintaane kan ummata oromoo maraati! Querroon oromia hoogana jiddu-galeessaa yoo qabaatee isaan waamicha kana oromia maraaf yoo dabarsan wayya. Ani karaa mataa koo hidhannoo tokko malee aka irbaata taankii fi qawwee Wayaanee taatan hinfedhuu. Duuni edda hinollee ajjeesaniituma du’uu wayya jedheen amana. Kanaafu ani ijaan isin mararfadhuuf hidhattan malee waraana Tigree salpho guyyaa safaa nama nyaatu sanaan hinlolinaan isiniin jedha. Yoo qawwee dhabdan hamma gaafa hortataniiti obsaa! Yookani moo warri hidhanoo qabna jedhu (ABO, WBO) warana Agaziitin haalolan. Fincilli xumura garbumma kun qerroo qofaan otoo hintaane oromoota maraan gaggeefamuu qaba. Kana ta’uu baannaan suuta suuta dhaloota oromoo laffa irraa balleessuuf deemna.

  2. Wayyaaneen Lubbuu Ilmaan Oromoo humna qabna jettee dhiiga isaanii dhangalaasa ummata oromoo sanyii duguuggaa irratti adeemsisaa jirtu kana ummanni Oromoo waan akka dachii irraa dhababu waan itti adeemaa jirtuuf mana jiraatteefii qabsoo irra jiraatus dhalootaan Oromoo eega taate waan dhiisaa hin jirreef kana ummannni keenna wayyaanee wajji akka jiraatuu hin dandeenna hubatee qabsoo isaa itti fufuu qaba, kana yaroo jedhus, wayyaaneen lafa Oromoo irratti jiraataa lubbuu ilmaan nama dhiiga isaanii dhangalaasuun isaan biratti laayyoo biratti yaroo tahu, kuni ammaa isaanis akka miidhuu dandayu yaroon sanaa hin dhufa jedhee amana, kanaafuu Qeerroon Oromoo qabsoo isaaniirraa akka hin deebine abdii ummata Oromooti , ummanni Oromootis duguugiinsa wayyaaneen irraan gayaa jirtu kana beekanii Qeerroo wajjji akka dhaabbannu barbaachisaadha garuu haala tooftaa qabuun itti fayyadamuun hedduu gaariidha, wayyaaneen yaroo ilmaan isaanii dachii Oromoo irratti faca,anii nagayaan jiraachaa Ummata Oromoo keessuma taa,anii lubbuu ilmaan Oromoo kumaatamaan ajjeesaa kaan lubbuu isaanii mana hidhaatti guuruun waan namatti dhagayamu isaa keessa tokko waan taheef , Ilmaan wayyaanotaatiif kaneen garaa isaaniitiif oromoo osoo tahan Agazi dura bu,anii ilmaan Oromoo ficisiisan haala dandayameen itti yaaduun barbaachisaadha, Oromoon osoo ilmaan wayyaanee nagayaan jiraatan rakkatuun nurra hin jiru, kanaafuu Taankii yk waraana Agazi fuuldura dhaabbatanii loluu osoo hin taane haala aanjawameen ilmaan wayyaanotaatiifi warroota isaan dura deemu tarkaanfii irratti fudhachuun is a murteessaadha kana jechuun wayyaaneen ilmaan Oromoo waan lafarraa duguuguu barbaadaniif mana taa,anii gaafa isaan mana hidhaatti nama guuran yk manatti dhufanii ajjeesan eegu,urra Oromoon hidhatee ufirra waan dandayuun dura dhaabbatuun murteessaadha, yoo Taankii isaanii dura dhaabbatuu dadhabe oromoon 5,000,000 miliyoonni shan wayyaanee miliyoona tokko warreen dachii Oromoo irratti faca,anii jiran irratti akka tarkaan fii fudhatan barbaachisa, lubbuun nama hundaatuu tokkoma . Oromoon waan haqa qabduuf yoomiyyuu mirgi kan Ummata Oromooti wayyaaneen qabeenya ormoo ka garaa isaanii guute,tu akka saree nama reebsisa.
    Yaa waaqa ilma nama uumte Ummata keenna ka lafa isaaniirratti alagaan miidhaa jirtu kana bira dhaabbadhu.