Oduu Haaraya

Qabsoo afaan Oromoo qaroomsuu (bara 1881 – 1991)

Diinni (motummaan Habashaa) kallatiin sanyii uummata Oromoo lafa
irraa duguuguuf milkaawu yeroo hanqateetti tarsiimoo afaan, aadaa, fi
seenaa Oromoo ittiin dhabamsisu baafatee sochowe. Angoo waranaa fi
tumsa motummoota alagaa fayyadamuun biyya Oromoo jaarraa tokkoo fi
cina (waggoota 150) oliif motummaan weraree jiru kun acuccaa afaan
Oromoo irratti gessisuu bifa adda addaan fufee raawataa turee fi
raawatasi jira. Acuccaan bara 1889 – 1991 afaan Oromoo irratti
raawataman warri gurguddoon armaan gaditti tarrifamu:
(1ffaa) Moraa mana barnotaa kessatti afaan Oromoo dubbachun
dhorkamuu; (2ffaa) Afaan Oromoo barresuu fi dubbisuun dhorkamuu;
(3ffaa) Afaan Oromootiin Waaqayyo waaqessuun dhorkamuu; (4ffaa)
Qora-qalbii adda addaa fayyadamuun ilmaan Oromoo afaan Oromoo
haasawutti leeyyaasisuu; fi (5ffaa) Odeefannoo afaan Oromoon karaa
raadiyoo tamsaasuun dhorkamuu. Fakkenyaaf gaazexesitoota yeroo
jalqabaaf sagantaa radiyoo afaan Oromoo magalaa Moqaadishoo, biyya
Somalee, kessatti bara 1960ta hundessan irratti motummaan Habashaa
waraana qindeeseen basaastuu fayyadamee gazexesaa Oromoo, Ayyubi
Abubakar, ajjeesise.

. Qabsoo afaan Oromoo qaroomsuu (bara 1881 – 1991)
Karaa roga qabsoo bilisummaa afaan Oromoo hojiin eegalamee
milkoomina hojii qabsoo bilisummaa Oromoof qooda guddaa
gumaacheera. Qabsoo blisummaa afaan Oromoo bu`ureessuuf hojiilee
Hiikaa Awaaji (Onesmoos Nasiib), Asteer Gannoo, Liidiyaa Damboo,
Sheek Bakirii Saphaloo, fi Dr. Hayilee Fidaa raawatan seenaa qabsoo
bilisummaa afaan Oromoo kessatti iddoo guddaa qabu.
Afaan Oromoo badiisa irraa hambisuuf hojiin hoogganummaa Hiikaa
Awaaji (Onesmoos Nasiib) dhaan raawatame seenaa qabsoo bilisummaa
afaan Oromoo keessatti sadarkaa olii qabatee jiraata. Hiikaa fi Asteer fi
Liidiyaa hojiile barruulee afaan Oromoo bara 1881 irraa jalqabanii
raawataa turan keessaan, waggoota 18 booda macaafi qulqulluu
guutummaan gara afaan Oromootti hiikamuudhaan, Waxabajjii 10
bara1899 maxxanfame. Hojiin kun qabsoo bilisummaa afaan Oromoo
keessatti milkoomina sadarkaa olii argamsiise. Guyyaa macaafi kun
maxxanfamee bahu, barsiisaan wangeelaa (macaafa-qulqullu), Hiikaa
Awaaji, kennaa kanatti heedduu gammaduudhaan akkas jedhe:
“Waaqayyo amma badhaadhummaa namni kamuu dhowwachuu (harkaa
saamuu) hin dandeenye saba Oromoof kenneera, kanaafuu guutummaan
macaafa qulqulluu kumi lamaa (2000) fi kakuu haaraa kumi shan (5000)
dafee iddoo qophaa`eef (biyya-Oromoo) haa ga´u, sabni Oromoo
hawwiidhaan isa eeggachaa jira 11”. Akkasumas barrulee aadaa Oromoo
bifa wedduu, geerarsa, walaloo, mamaaksa, fi kkf barreessuu irratti qoodi
Aster Gannoo, Abbaa Gammachiis (Onesmoos Nasiib), fi Lidiyaa Damboo
gumaachan waan laayyootti ilaalamu miti. Fakkenyaaf akkataa barsiisa
afaan Oromoo fi wedduulee fi mamaaksa Oromoo isaan qubee saabaan
barreessan fi bifa kitaabaan maxxansiisan waggota 120 booda gara qubee
afaan Oromootti J. Abbaa Caalaa Lataan jijjiiramee bifa haaraan
maxxanfamee yeroo ammaa mana Waldaa warra Wangeelaa Eriteriyaa
keessatti argama.
Onesmoos (Hiika) kitaabota hedduu afaan Oromootti erga hikee boddee
Asmaraa irraa ka`ee karaa Jabuutii keessaan Finfinnee seenudhaan gara
Najjootti bara 1912 galee mana barumsaa Najjoo hundessee, barsiisota isa
wajjin turan wajjin, ijoollota Oromoo afaan Oromootiin barsiisuu jalqabee
ture; garuu luboonni waldaa kiristaanaa Ortodoksii guutummaa kutaa
Wallaggaa keessa yeroosi turan, afaan Oromoon barssisuu isaa waan
jibbaniif, isa irratti duulan2. Kana irraan kan ka´ee waggaa tokkoo fi
walakkaa erga afaan Oromoon barssiifameen booda akka Najjootti hin
barsifamne dhowwamudhaan manni barumsichaa cufamee, Onesmoos fi
hiriyootni hojii isaa (barssiisoni) Naqqamteetti godaanan. Naqamtettiis
akka hin barsifine dhorkamuun, akka mana isaanii keessatti hidhamanii
taa`an mootummaan Habashaa fi hoogganoti waldaa kiristaanaa
Ortodoksii waliigaluun murteessan2. Kana booda bara 1927 ergamtooti
wangeelaa warra Siwudinii, lubi Maartiin Noordifeelt fi haadha manaa
isaa fi narsii Heelmann Oolson, magaalaa Najjootti galanii akkuma Najjoo
seenaniin mana barumssaa isa Onesmoos jalqabee ture bananii barsiisuu
itti fufan2. Meeshaa siyaasa mootummaa Habashaa kan ta`ee waldaan
Ortodoksii fi ergamtooti mootumichaa kallatii fi bifa hin mull’atineen
afaan, aadaa, fi seenaa Oromoo dhabamsiisuuf duula wali irraa hin citne
geggeessaa turan; garuu qabsoo hadhooftuu barsiisaan wangeelaa, Hiika,
hoogganeen afaan Oromoo afaan barreeffamaa fi meeshaa barnoota
amantii kiristaanaa biyya Oromoo keessatti babalisuu ta`uu irratti
milkaawuudhaan guddinaa fi tikfamuu afaan Oromoof qooda sadarkaa olii
gumaacheera, gumaachaasi jira waan mormiin dhoksaan fufeef.
Afaan Oromoo tiksuuf qabsoon hoogganummaa sheek Bakrii Saphaloon
geggefame seenaa qabsoo bilisummaa afaan Oromoo keessatti sadarkaa
olii qabateera. Bara 1950 keessa walaloolee fi barnooti aadaa Oromoo
sheek Bakrii Saphaloo barressee dhiyessaa ture uummata Oromoo baha
Oromiyaa dammaqsuun qabsoo bilisummaa afaan Oromoof hiriirsuudhaan
bara 1960 Waldaa Afran Qalloo (WAQ) hundeesuuf milkaaweera5. WAQ
hundee sochii qabsoo bilisummaa afaan Oromoo ti. Hoogganummaa sheek
Bakrii jalatti qabsoo bilisummaa afaan Oromoo geggefamee kessaa
hawisoo bebbeekamoon akka Biftuu Ganamaa, Urjii Bakkalchaa, fi kkf
hedduun dhalataniiru. Walliftooti sochiilee bilisummaa afaan Oromoo
keessatti bara sani hirmaatan warra akka Ayyuub Abubakar, Mohammed
Rashaad, Shantam Shubbisaa, fi kkf turan. Sochiin buu`raa (hundee
jalqabaa) kun walistoota bebbeekamoo kanneen akka Alii Birraa, Alii
Shabboo, Haloo Daawee, Almaaz Tafarraa, Zariwuun Wadaajoo, Ilfinash
Qannoo, Abitawu Kabbadaa, Elemoo Alii, Nohoo Gobanaa, Qamar Yusuuf,
Umar Suleyman, fi kkf hedduu daandii qabsoo afaan fi aadaa Oromoo
qaromsuu irra hiriirse.
Sheek Bakrii barruudhaan falmuun tarsiimoo mootummaan Habashaa
afaan Oromoo dhabamsiisuuf saganteeffatee ture sani saaxile. Akkuma
ilmaan Amaharaa afaan isaanin barnoota barachuuf mirga qaban, akka
ilmaan Oromoos afaan ofiin barnoota barachuuf mirga qabaatanif
qabsaa’e: akkasumasi akkuma sagantaan raadiyoo afaan Amaharaan
dhiyaatu, akka sagantaan raadiyoo afaan Oromoonis dhiyaatu falme5.
Afaan Oromoo dagaagsuuf sochii eegalame kana sodaachuudhaan
mootummaan Habashaa tarkaanfiilee WAQ diiguu fi miseensota WAQ
biyyaa ariyhuu fudhate.
Qubee fi giraameera (sirna bareefamu fi dubbifamuu) afaan Oromoo
hundeessu keessatti qabsoo bara 1968 – 1974 Dr. Haayilee Fidaa hooggane
seenaa qabsoo afaan Oromoo qaroomsuu keessatti sadarkaa olii qabatee
jiraata. Dr. Haayilee Fidaa (hayyuu afaan Oromoo fi abbaan qubee afaan
Oromoo), akka afaan Oromoo dubbachuu, barreessuu, fi dubbisuudhaaf
uummati Oromoo mirga seera uumamaa irratti hundaawe qabu
beeksise10. Bara 1968 – 1973 qormaata afaan biyya Itophiyaa irratti
geggessuun Dr. Haayile barruu: “Languages in Ethiopia: Latin or Geez for
writing Afaan Oromo” jedhamu qoheessun qubee afaan Oromoo waligayii
idilee tokkummaa barattota Itiyophiyaa kan biyya Awuropaa irratti
dhiyeesuun jornaala Tatek (theoretical Journal of Ethiopian Studies in
Europe) jedhamu kessatti maxansiise: akkasumasi Dr. Haayile bara 1973
qubee laatiin fayyadamee qubee 35 tolcheen sirna barrefamuu fi
dubbifamuu afaan Oromoo mata duree “Hirmaata Dubbi Afaan Oromo”
jalatti maxxansee beeksise.(malkamu J)
Kan 1991 boodaa itti fufa.
Ulfaadhaa.

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Kiyyaa Aawwadaay:Jaarsummaa Araraaf

Kiyyaa Aweday Heloo yaa Gooftoolee Yaa Warra Maqalee, Ana Abiyyii bilbilee Jala deemtuu Jalee Kan …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *