Oduu Haaraya

Qarriffaa Saree Lafeerratti Akeekkatu!

Baarentuu Gadaa irraa | Guraandhala 12, 2014

Mammaaksa Oromoo “Qarriffaa Saree Lafeerratti Akeekkatu!” jedhu kan lammii Oromoo taane martuu akka dhagahaa fi mammaakaas guddanne shakkiin hin jiru. Mammaaksi kun mammaaksoota ummata Oromoo biratti beekamanii fi mammaakaman keessaa mammaaksa ijoo fi warreen akkaan jireenya hawaasummaa keessatti barbaachisoo ta’an keessatti akka ramadamuu danda’us tilmimaamuun nama hin rakkisu. Namni ennaa Sareen lafii goggogaas ta’e jiidhaa qoqortu(Cabisitu) ilaale maalif akka mammaakame hubachuu hin dadhabu. Sareen ennaa lafee qoqortu ilkaan ishii keessaa inni halaalatti muldhatu isa Qarriffaa jedhamuu dha. Kan ittiin namas tahee lubbu qabeeyyii biraa foxxoksitee nyaattuun isuma. Namni Qarriffaa saree dhedheeraa ittiin lafee cabsitu kan argee, gocha ishiis hubatemmoo waan ittiin Sarees ta’e Saroota halaalatti ofirraa dhorkuun/hari’uun Ulee lafa hin godhu. Harka duwwaa hin deemu. Saroonni yoo itti dhufte qarrifaa ishii isa lafeerreetti akeekkatee/arge/ saniin akka foxxoqisitee isa nyaattu waan beekuuf. Ulee harkaa qabaannaan garuu halaalatti Uleen rukutee ofirraa dachaasa, naannoo isaatii hari’a.

Kan Sareen ennaa Lafee qoqoratu Qarriffaa ishii argee hubachuu dadhabee harka duwwaa ykn harka raasee Ulee malee itti deemee garuu kan isa eeggatu hedduu dha.Homaa na hingootu jedhee hoomaa saroorootaatti harka duwwaa qajeellaan kan isa eeggatu ilkaan ishii isa Lafee gogoggaa fi Lubbi qabeeyyii biraarratti sileeffattee saniin ciramee hafuudha. Kun amaluma sarootaati waan taheef kan itti gaafatamu isa harka raasee sareetti qajeelee malee kan biraatii miti. Mammaaksi, afoollii fi dubiin dur-duri waa malee hin mammaakamne. Hin mammaakamus. Waa malees darbaa dabarsaan dhalootaa dhalootatti darbaa as hin geenye. Mammaaksii fi Afoolli dur-durii baruumsa kenna, ni akeekkachiisa, ni dammaqisa. Mammaaksii fi Oduun dur durii ennaa dhaggeeffatan qoosaa haa fakkaatu malee kan ceebba’amuu qabu ni ceebba’a, gama hundaanuu dhaloota gorsa. Yoo kan dhagehee irraa baratu jiraate.

Mammaaksii fi oduun dur-durii kan ‘ihii….’ jedhee kan gurra itti kennee dhaggeeffatee fi qalbeeffateef waa heddu barsiisa. Akeekkachiisa, qalbifachiisa. Mammaaksi mata duree irratti “Qarriffaa Saree Lafeerratti Akeekkatu!” jedhus kanuma dhugoomsa. Dubbii ijoon mammaaksa kanaas; isa dafee waa hubachuu danda’uu fi qalbifatee hojiirra oolchuu danda’uuf ergaa ‘Balaa bor sitti dhufuu danda’urraa gamanumaan of eeggadhu/of tiksi’ jedhu dabarsa. Beekaan mammaaksa akkanaa dhagahaa guddate ammoo ennaa Sareen lafeefii waan lubbu qabeeyyii biraatti Qarriffaa ishii rakkiftee garaa guttachuuf daaktu ilaaleet anis yoon harka ishii bu’e akkasuma ta’a jedhee Ulee ittin Saree fi saroota ofirraa ittisuun/ dhorkuun/ naannoo isaatii hari’uun qabatee deema. Harkaayiis hin dhabu/ ittiin of eega.

Inni waa hubachuu fi qalbiachuu hin feenee fi Gorsa namaa tuffatummoo mammaaksaa fi afoola akkanaatirraayii mitii ciibsanii waga’anuu hanga irra gahee argutti hin amanu. Xummurri nama akkanaa ammoo Qarriffaa Sarootaa qofaan Osoo hin taanee Bineensa biraatiinu Kottee kaasee hanga lubbuu isaa dhabu akka gahau shakkiin hin jiru. Nama akkasii, nama osoo itti himanuu fi gorsanuu didee ammoo dhugaanuu isa gorsa. Isa gurra tokkoon dhagahee gurra tokkoon gadi naqe, isa odoo arguu fi dhagahuu Ulee isaa isa ittiin Saree fi Saroota ofirraa ittisuun gatee didee ganda keessa deeme kan isa gorsu sarootaan Kotteesaa dhabuudha. Nama akkanaa nama harka isaatin “Hoomaa Sarootaa” of buuse yoo ijaajjitti Sarootaan jajji’amees/nyaatames/ abbaatu Saroonni homaa na hingootu jedhee Ulee isaa gate waan taheef callisanii ilaaluu malee falli biraa hin jiru.

Mammaaksi Oromoo inni akkaan dubbii akeekaan akkasii kun nama qalbii qabuuf qalbifateef jireenya isaa hawaasummaa kam keessattuu isa tajaajila. Fuundura deemeeti karaa akeekaafi. Akka dogongoraan, hubannoo dhabuun of dagatee balaarra hin buune, akka yeroo hundumaa, waan hundumaa gamasumatti akeekkatee qophaawee socho’u karaa haxaahafi. Keessattuu namni lammii isaa bakka bu’ee waldhaansorra jiru mammaaksaa fi gorsa saba isaa qalbeefatee hojirra oolchuu qaba. Ergaa akka afoolaatti darbaa dabarsaan uummanni itti fayyadamaa as gahe kanarraa waa heddu barachuu fi hubachuu qaba. Hubatees kan akeekkachisurraa akeekkatee, waan hamaa isaa fi lammii isaa gaaga’urraa yeroon goruu qaba. waan hubatamu taanaanis akkasuma hubatee akkaataa diina isaarra ittiin oolu mala malachuu qaba. Barnootas yoo tahe irraa barachuun akkaan barbaachisaa dha. Fuundura isaa fi lammii isaatu ittiin qajeela waan taheef. Kaayyoo ka’eef sanatu aadaa fi duudhaa uummataa waliin wal simatee galama gaha waan ta’eef.

Yeroo ammaa kana akkuma argaafii dhagahaa jirru namoonni tokko tokkoo fi dhaabooleen tokko tokko mootummaa wayyaanee waliin karaa nagahaa filannoo keessattti hirmaannee Itiyoophiyaa dimookiraateessina jechaa jiru. kana gochuufiis Ulee keenya lafa gooneeti filannoorratti dorgamana jedhaniiru. warri akkas jedhan akkuma beekamu baayyeen isaanii durumaanuu warra Ulee harkaa hin qabne yoo ta’an ammi xiqqaan ammoo warra dhiheenya kana Ulee qabachuun nutti haa hafu jedhee labsate. Warri kun warra harka duwwaa wayyaanee Danqaraa baattee jirtuu/ murna Qarriffaa dheereeffattee eenyu nyaadhu laata?/ jechaa jirtuun waliin waldhansoo wal dorgomuuf gara biyyaatti gala jechaa jiraniidha. Warreen duraanuu harka duwwaa jiranis ta’ee warreen amma Ulee lafa goonee jechaa jiran akka isaanitti fakkaatetti qabsaawun mirga isaaniti. Garummoo gaafii “wayyaaneen waggoottan 22n darabaniif warra karaa nagahaa ni qabsoofna jedhanii yaalaa turan eenyufaa gara haangootti dhiheessitee beekti ?” jedhuuf ofumaa of gaafatanii ofumaa deebii kennuu qabu. Warra karaa nagahaa qabsoofana jedhanii asiif achi dhamahaa turan meeqa akka hitee, meeqa akka ajjeeste, meeqa akka biyyaa baqachiiste hin dhgeenyee moo ni dagattan? kan jedhuuf deebii gahaa qabaachuu qabu. yoo carraan argame wayyaanees gaafachuun dirqama isaaniti!

Namoonni fi dhaabooleen karaa nagahaa wayyaanee waliin waldhaansoo dorgomna jechaa jiran kun keessattuu warri tibbana galluu malee jechaa jiran kun mammaaksa Oromoo isa “Qarriffaa Saree lafeerratti akeekkatu!” jedhu san waan quba qaban hin fakkaatan. Ykn dhagahuu hin feene malee wayyaaneen murna eenyuufuu hin hillee dha. Murna harka duwwaa nama kabajjuu miti. Kanaaf ragaan akka fakkeenyaatti dhihaachuu danda’u hedduu dha. Ammaas oolee haa bulu malee ilkaan ishii sabboontoota irratti, Paartilee karaa nagahaan socho’anirraatti sileeffatte isaanirrattis hojiirra oolchuun waan hin hafne. Nama akkuma mammaaksichi akeeke kan biraarratti akeekkatee ofii hin eeginii fi harka duwwaa harka raasaa waldaa Sarootaa dhaqe wanni irra gahu silaahuu beekamaadha waan taheef nama raajuu dhiisuu danda’a. Garuu nyaatamuun waan hin hafne. Qarriffaa Sarootaa dhiiga namaa mi’eeffateen jaji’amuun hin oolu. Kan abbaan of godhe callisanii ilaaluu malee wanti godhan hin jiru.

Wayyaaneen murna laafaatti, akka qoosaatti isa harka duwwaa itti dhaqeef hangoo keennituu miti. Dhaaba nagaahaa fi seera beektu akka hin taanes gochaaleen gara jabinaa ilmaan Oromoorratti waggoottan 22n darbaniif hojjette raga guddaa dha. Fuunduuraafiis hanga rukutamtee Oromiyaa keessaa hin baanetti murna yakkoota adda addaa saba Oromoorratti hojjeechuurraa duubatti hin deebitu. Murna waggootan 100n dhufuufi uummata Oromoorratti karoora baafattee hojjeechaa jirtuu dha. Silaa jarri kun kana kana hubatanii, warra isaan dura “karaa nagahaatin qabsoofna” jedhanii harka wayyaaneetti kufanii boodarra hidhaatti tortoran, ajjeefamanii fi bakka buuteen isaanii dhabamerraa barachuu qaban turan. Beekaan namarraa barata wallaalaan ammoo ofirraa barata akkuma jedhamu san jechuu dha. Kanaaf mammaaksi Abbootii keenyaa “Qarriffaa Saree Lafeerratti Akeekkatu!” jedheemiree? hanga ofirraa barataniitti eegudha!!!

Baarentuu Gadaa Gassogedaa@gmail.com

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Waraana calqaba isaa malee xumurrii fi ittibahinsi isaa hin beekamne – Oromoon maal godhuu qaba?

Berhanu Hundee Waraanni amma garee seeraa fi heeraa ala mootummaa Federaalaa ofiin jedhu fi mootummaa …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *