Oduu Haaraya

Sabni Oromoo maal barbaada?

Abdii Boruutiin

Ummanni keenya amma maal barbaada?
1-Dhaaba waa fiduu malee dhaaba seena fi hawwii itti himuu miti
2-Dhaaba waa godhu malee ka’aa jedhee kaasee yoo uummanni rukutamu akka ofii waa godhee kan dhaadatuu mitti
3-Dhaaba ammatti mala baasee salphinna sabni keenya yeroo amma kanatti keessa jiru keessaa isa baasuu malee baraan dhaadannoo dhageessisaa kan jiraatuu miti
4-Qabeenya biyya keenya yoo nyaapni itti bobba’ee kaan saamee kan gurguratu kan alaa taa’ee oduu himu osoo hintaane kan ummata cinaa dhaabbatee falmu fedha
5-Dhaaba waan dhaabateef hojiin mul’isu malee maqaa qofaaf ijaarame kan jiraatuu miti
6-Dhaaba saba ofii cinaa dhaabatee diina yoo xiqqaatee xiqqaate irraa dorsisu malee kan ala taa’ee Interneti fi paltalk irraan ibsa baasuu miti

Check Also

xalayaa

Oromiyaan yoo walaboomte malee, furmaatni xumuraa Oromoof hin argamu

    Abdii Boruutiin   Namni mata-duree barreeffama kanaa argu, qabiyyee barruu kanaa dubbisuu yoo …