Oduu Haaraya

Seenaa irratt qabattee gabaabduu

Onkoloolessa 16, 2014 (Gubirmans) — Duulli Oromoo jaarraa 16faa keessa  Laga Gibee fi Baaroo gidduu qubate Odaa xixinnoo fi bulcha sirna Gadaa irraa maqe dhaabbachuutti ka’e. Keessaammo kanneen dhiddheessa gamanatt hafan sirna mooti irratt hundaawe ijaarratan. Dhugeeffannoos kan dudhaan adda tahe guddifatan.

Jimma, Gomma, Limmuu fi Gumaan hidhata walgargaarsaa tokko ummatanii turan. Jarri kun “Afran Naggaadotaa” jedhamu turan. Isaan irraa gara lixaatt kan jiran Gabbaa, Haannaa, Leeqaa fi Nooleen sirna dudhaa guutummaatt akka jara kanaa hin gaddhiisne. “Afran Oromoo” jedhamu turan. Buunnoon isaan keessatt argama. Murni lachanuu naannicha humna tokko jala galchuuf lola hedduu haa gaggeessan malee dubbii hubachuutt yoo ka’an nagaan tokkummaa uummachuu yaaluu eegalan. Garuu utuu hin xumuratin humni Habashaan Raas Tasammaa Naadon hogganamu gargar baasee gad ciruun tokko tokkoon of jala galche.

Magaalli  Buunnoo guddoon, Baddallee jedhamti. Dur konyichi Buunnoo Baddalleen beekama ture. Seenaa, diinagdee, hawaaasoma magalaa kanaa irratt qormaati beekamaa amanamaan kan tolfame hin fakkaatu. Waabariin saa 1943 erga dhaabbatee beekota hedduu homishe. Garuu waa’ee Baddallee iyyaatiin barbaadamu dhibuun kan beekoti keessaa hin baane fakkeessa. Akka waan kolonoommii fi warshaan “biiraa” Dargiin eebbifamee banamee (1989?) isee uumee, waa’ee saanii qofatu ifee internet irratt mullata. Sunis tahee akkamitt meeqatu waa isaan irraa argatee, naannaan bu’aa maalii fidan kkf kan jedhu nutt thin hin himne? Kan iyyaatii Baddallee gara dabarsanii fi ukkamsan waan ukkaamsanii fi gara dabarsaniif  qabu; beekoti see hundi isaanitt makamanii laata?  Mirkanii ilaalcha malbulchaa irratt hin hundoofne dhihessuun isaan irraa eegama ture. Lammii kam irraayyuu haa tahanii “Ijoollee Baddallee!” jechuun saanii hin hafu.

Kanaaf barruun kun beekotii magaalattii bahan quwannoo gadi fagoo qorataaf dhiisanii waanuma dhagahaa fi argaa guddatanillee utuu barreesanii wanti iyya’amu kan darbaniif yaadannoo kan jiraniif iyya’aa tahuu dandaha. Biyyuma ofii keessatt seenaa wallaaluun halagaan keessumsiisaa, abbaan biyyaa keessumaa tahu hin qabu. Barreessaan kun akka kara deemaatt namoota haasa’an irraa waan dhagahe waan arge tokko tokko tuttuquu fedha. Sunis qorattoota fi kan caalaa beekan fulduratt bahanii  magaalattii seena qabeettii kanan caalaa wal nubarsisinu laata  jedhee abdachuunii. Kanaan duras moor saa “Prison of Conscience” keessatt wanti ka’anis jiru.

Barreessaan kun bara achiin darbee 1963/64 magaalichi ummataan “Baddallee Abbaa Wagaa” jedhama ture. Maqaan dhalootaa Abbaa Waggaa Firrisaa jedhama. Waggaan ilma saa angafaa. Horee saa kan tahan Galaayee Mangistuu Waggaa fi Birqee Waggaa jedhaman katkaalaa baasuun jireenya saanii deggeru turani. Tokko maqaaf “baalabbaataa”. Bara Baddalleen itt uumame hin barre garuu hedaan bara dhibbaa fi shantamaa as miti. Abbaan Waggaa ni bu’uurse moo ni beeksise laata? Handdhurri Baddallee jalqaba naannaa Odaa guddicha, booddana wabarii olhaanaan itt ijaaramee akka turetu himama. Odaan sun caffee naannaa ture jedhu. Erga Oromiyaan qabamtee sirni walabi diigamee garuu dame galma Abbaa Caffee kan galmisaa muummichi Suphee, Anniyoo Qarree akka tahe himamu tahe. Odicha jalatt wareega guddaatu gala ture. Abbaan Caffee Qaalluu Leeqaa sodaatamaa fi kabajamaa ture.

Wiirtuun Baddalleen si’anaa bakka karaan Aggaaroo, Goree fi Arjoo walitt bu’u. Dur karaa hundi kan bona irra oofamu qofa ture. Amma garuu bonaa ganna oofsisa. Riphaan rophilaanis ture. Telefoonnis jira. Booddana tajaajilli postaas jalqabameera. Jiraattoti magaalaa garri caalan namota alaati, Isaan keessaa Guraagee nagadaan jiraatanii fi Amaara mootummaa tajajilantu heddummaata. Suuqiiii garri caalu kan Arabootaa fi Guraagee ture. Baadiyyaan garu hundi Oromoo jechuun ni dandahama. Kolonummaan naannaa eenyummaa jiraatatota magaalaa irraa beeksisa. Barumsa sadarkaa sadaffaa kan qabu qondaala fayyaa yoo tahu itt haananii kan sadarkaa lammafaa bahan nursii, qondaala xurree qilleensaa fi barsiisota barumsa sadarkaa lammaffaa qabani.

Bara barreessaan kun achiin darbe Badddalleen gabaa Sanbat Duraa magaalaa walakkaa fi xinnaa Kamisaa yaatu karaa Jimma dhaqu duri irraa qabdi turte. Bittaa fi gurgurtaan afaan Oromoon gaggeeffama ture. Homishi naannaa gabaa keessatt argamu midhaan adda addaa, raafuu, muusii, loomii, burii, ancootee, dinnicha, goodarree, hudhaa, goosuu, qinxissaa, shonkooraa, dhadhaa, anqaaquu, indanqoo hoolaa fi horii qalmaa, meeshaa hooda faatu argama. Xaafii farasullaan tokko birrii lamaa fi walakkaa ture. Bittaa fi gurgurtaan kan qaban wal jijjiiruunis ni taha ture. Loomii digdammii santimii shan ture. Buna qotuu reef jalqabu. Xobbooti birrii sadii gogaan sees sanuma, indaanqoon santimii 25, anqaaqun birriin soddomaa ol  ture. Wanti halle basha ture. Manooti daadhii damma qulqulluu hedduu turan. Mana bunaa jiran keessaa bakka ciisichaa kan qabu kan nama Mahaarii Barahee jedhamuu ture. Konkolaataas isaa fi bulchaa konyaa qofatu qaba. Farmaasiin tokkichi kan nama Baqqalaa Walda Sanbat jedhamuu ture. Geejiba biyya keessaaf nammi humna namaa fi horii kotte duudaatt dhimma baha.  Baaabura daakkuu tokkitiitu ture.

Bara Xaaliyaaniin dhufte Oromoon naannaa jiran Abbaa Waggaa jalati gumaawaani koloneeffata dullacha gaggeessanii kan dhufuu akka itt simataniif qophaawaa turani jedhama. Ni lolu moo ni gabbaruu utuu hin murteeffatin hankaaffaman. Barri sun bara doonichoon Habashaa Raas Immiruu jedhamu Nugusan wakkala jedhee Goree qubatee. Raas, Achirraa faarri itt toluu didnaan biyyaa bahuuf karaa Sayyoo kaanaan Bure irratt Odaa Jooteen ittifame. Karaa Gimbii yaallaanis, Guyii irratt humni Konfedereeshin Oromoo Lixaa dhaabeeni. Humnaan yaallan moohamee lubbbuu baafachuuf gara Gojebtt gugate. Duran raayyaan saa bakka gahett Oromoo saamaa, ajjeesaa, dubartii arge jiffataa akka ture waan beekamuuf  Gojebiin salphaatt hin geenye.  Isa waliinis loltooti “Xiqur Anbassaa” jedhaman turan.

Bulchaan kolonii Gumaa, Axinaaf Saggad jedhamu adda Baaleett lola humna fashiti waliin tolfameen mo’amee gara bulcha saatt baqatee. Garuu achiis hamajaajii malee fira dhabe. Kanaaf Immiruutt makamuuf utuu baqatuu Baddalleett  humni Oromoo Firrisaan hogganamu dhangaan simatee darbuu akka hin dandeenye itt hime. Axinaaf Saggad kan garaa garaa kaa’atee ol deebi’u diddaa malee fudhate. Utuu hin ka’in dhangaa nagaa dhaamsaaf Firrisaa fi gurgudoo Oromoo hunda afeere. Fulaan waaroo (dunkaanni) saa kan altokkoon nama tokko qofa seensisu ture. Kan dura jiru inni duubaa akka hin agarrett hidhannoo hiiksisaa ol galchu turan. Tokkichumaan waaroo guddichi sabboonota Oromoo qallii dhiiga dheebotteen marfameen xirribbaawe.

Axinaaf Saggad hooggana Oromo tokkollee of duubatt akka hin dhiisne murteeffatee jira. Erga hundi seenanii loltuu qophooftee yeroo kana eeggattu ajajee hunda fixe. Battaluma sana xaxachun lubbuu tufatee Buunnoo jalaa bahuun Immiruutt dabalame. Gojebitt Immiruu waliin cibraa Xaaliyaanii tokkott harka kennate. Garuu jarri Shaggariin gahanii Immiruu Roomaatt yoo dabarsan isa haaloo Baaleef fannisanii. Akkasitt fixaqaccee Baddallee irran gaheef utuu hin gaafatamin kute. Sababa kanaan lammiin al tokkoon masakoota dhabe, maatiin ijoollee haadha hiyyeessaa taate. Hardhas yoo tahe finnaan isa erge ummata Buunnoo Baddallee dhiifama gaafatee bakka buusaa baasuufii qaba.

Gochi Axinaaf Saggad kan seexa qabuuf jibbisiisaa waan tureef namoota saa keessaa tokko ittiin mormuun utaalee bahuu yaalee bifilee firoota saan ajjeefame jedhama. Nammi qajeeltuutt amanu isaan keessas ture jechuu dha. Namooti waa’ee kanaa barreessaan kun irraa dhagahe Habashoota turan. Kanneen gaafas achi hin turre keessaa nammi Qanyaach Meexxii jedhamu nama nyaataa biraa jala dhaabbachuun ofirraa facisaa wareegame jechunis ni himama. Oromoo ta’eef malee akka goota biyyaatti maqaan saa barnoota waabarii keessa gala ture. Sun hafee ilmi silaa ittiin yaadatamu barsiisaa Waabarii Raas Tasammaa kan ture, Yirguu Meexxiillee, akka of ajjeesetu himama. Hogganooti gosaa hafan hedduun kan akka obbolaa Caaltuu Guutamaa surra qabeettittii koloneeffataa haaraan Goreett guuraman. Ergasii Baddelleen hoggansa waloo dhabde.

Kun hundi kan ka’eef Baddalleen Waa’ee koloneeffataa fi “biiraa” qofa akka hin taane agarsiisuufii. Baddalleen sanneen caalaa kan himamu hedduu qabdii. Dargaggoon didhaa dhugaa baasuu ofirratt fudhatu jedhamee abdatama. Barreesichi Baddallee akka tasaa wayiif barbaadee internet irraa iyyaatii dhabuu saaf kaase malee konyootii fi qorooleen Oromiyaa kan seenaan ukkaanfamee jiru hedduu dha. Hundi hubannoo yoo argatan of bara gargaara. Keessaa immo barri samichi lafaa fi qabeenyaa, dhiitammi mirga ilmoo namaa ija baase ummata gadadoo deegaa, jeejee fi dhukkubatt saxilaa jiru kun xiyyeeffannoo addaa gaafata.

baddalle

Kan himame irraa naannaa dhumisi itt tahe asi. Naannefati kun waltajjii karaa Aggaaroo, Goree fi Arjoo dhufaniiti.  Gidduu saatt waanti siidaa yaadannoo fakkaatu gaalchaan hin mullane jira. Kan eenyuuti laata? Internet hanga sana qofa waan himuuf kan caalaa beekan akka gabbisaniif eeggataa.

Ibsaa Guutama
Onkololeessa 2014

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

AMALOOTA KUFAATII SIRNA ABBAA IRREE MIRKANEESSAN BEEKTAA?

Saphaloo Kadiir irraa. Sirnoonni Abbaa Irree kamuu amaloota wal fakkaatoo gaafa kufuuf qilee irra gahan …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *