Oduu Haaraya

SHIRA DIINAA IRRAA OF TIKSUUN, MEESHAA WARAANAA CAALA!


Y.G(2005)
  | Hagayya 23, 2013

Biyyoonni ykn Saboonni Bilisummaa isaanii goonfatanii jiran , milkaa’ina qabsoo isaaniif inni adda duraa, shira diinaa irra aanuu ta’uu jala muranii namaa dhaaman. Faallaa kanaas, humna kamuu mo’achuuf ammoo , shira humna sana diigu yk humna dhabsiisu hojjachuun murteessaa ta’uu gadi jabeessanii dubbatu. Qawwee baatanii adda waraanaatti wal waraanuun, carraa tokko fi tokkoti. Ajjeesuu ykn du’uu. Shirri barbaachisu keessa diinaatti odoo hin hojjatamiin qawween walitti ba’uun, tarii kasaaraa lubbuu hedduu nama gaafachuu danda’a. shirri keessaan yoo hojjatame garuu , yeroon qawwee barbaachisu iyyu dhibu akka danda’u warra muuxannoo qaban irraa hubachuun ni danda’ama.

Biyyoonni gurguddatan har’a meeshaa waraanaaf maallaqi baasanii fi humna Biyya tokko ykn humna tokko laafffisuuf shira hojjatamuf maallaqii baasan waaqaa fi lafa. Addunyaan har’a waa hedduun walitti dammaqee, karaan shira wal irratti hojjatan , karaa hedduu dhoksaa fi waggoota lakkofsiisee Injifannoo argamsiisu irratti hojjachuu ega eegalanii bubbulanii jiru. Biyyoonni hedduun Biyya isa tokko shiraan cabsuuf, dhaloota wal irratti guddisaa jiran. Dhaloota jiru amanu dhabuu irraa, dhaloota Biyya ykn lammii Biyya akkasii akka jibbutti, jibbuu qofa odoo hin taane, of wareegee akka dhabamsiisutti wal irratti guddisaa jiran.

Kana malees, lammiilee Biyya cabsuu barbaadanii funaananii, waan barbaadaniin qaranii guddisanii, Angoo qabsiisanii saamichaa fii tu’annoo barbaadan yennaa gaggeessan, ifatti kan argaa jirrudha. Adeemsi akkasii ammoo, Biyyoota gurguddataniif qofaa odoo hin taane, warri akka wayyaanees muuxannoo kana fudhatanii nu irratti hojjachaa jiraachuu ragaalee hedduu tarrisuu dandeenya. kana irratti raga tokko kaasuu danda’a. wayyaaneen baatii lama dura humna basaasaa Israa’eelitti leenji’e Biyya keessatti wayita bobbaaftu, hojiin isaanii adda duraa sochii hawaasa musiliimaa dhaabuudha. Kanaafis basaastoota 893 laanjisifte, quraanaa fi salaata hundaa barsiiftee jirti. Kanneen keessaa 630 TIGIREEDHA. Jarri kun egaa warra sochii kana gaggeessan keessa seenanii waan hundaa barbadeessudha. Ajjeesuudha.

Fakkeenya biroo, tokko-shanii Biyya hammacaa jiru, Israa’eel loote seentoota Filitsixeemii fi mankaraasitootaa itti tu’attudha. Gama kanaan qabxiilee hubachuun nu barbaachisu hedduu, gara fuula duraatti dhiheessuun kiyya hin hafu. Har’af garuu haala kana kan keenya waliin ilaaluun barbaachisaadha. Yoo haala kana hubanne, of tikisuu keenya mirkaneessinee , nuutis diina irratti hojjachuutti ce’uu keenya dhugeeffanna. Keessa keenya cufannee, diinni akka kanaan duraa akka nu hin seenne dhorginee, waan diina irratti hojjannu qofaa irratti hojjannee, injifannoo keenya harkaan ga’annaa jechuu kiyya.

Waan Biyyoonni biro ykn sabni biraa keessa dabre irraa barachuun hedduu barbaachisaadha. Mooraan qabsoo Oromoos , shira diinaan hedduu miidhamaa jiraateera. Waan keessa dabarre sana har’as akka nu mudatu hin feenu. Fedhii qofaa odoo hin taane, hojiin mul’isuutu nurraa eegama. har’a sochii qabsoo Oromoo keessatti tasgabbii amma tokko argaa fi ilaa fi ilaameetti ce’u argaa fi dhaga’a jirra. Har’a Oromoof OROMO malee akka hin jirree kan hubatame fakkaata. Walitti dutu irra , wal dhaggeeffachuu fi wal hubachuun akka dursu argaa jirra. Mooraan Qabsoo Oromoo hangamu ilaalchi walii faallaa fakkaatu mul’atus, lolli warra gawwaa sun hanga tokko kan hir’ataa jiru fakkaata. Sochiin, dhimmi Oromoo dhimma Oromooti jedhamee waliif dubbachuu fi waliif birmachuun akka dansaatti bakka maraa wal utubaa jiraachuu argaa jirra. Miidiyaalee adda addaa bananii ummata ofii tajaajiluun gama hundaanu itti fufaa jira. Dhimma ofii hawaasa addunyaa beeksifachuun sadarkaa dhunfaa eegalee hanga dhaabbilee adda addaatti , sochii hin tuffatamne argaa fi dhaga’a jirra.

Haala walii gala mooraa qabsoo Oromoo keessattii mul’achaa jiru kana, diina irraa tikisuun murteessaadha. Waan kaleessa mataa akka gadi qabannu nu taasise inuma beekna. Diinni shira akkamii akka nu keessatti hojjatee isa fudhatu fudhatee, isa kaan adda baasee, kaan manatti galee akka taa’uu taasise qalbii qabana. Shirri diinaa kun har’a daran yoo hammaate malee , kan sochii keenyaan rifatee laafatu akka hin taane akka gaaritti qalbeeffachuu nu barbaachisa. Shira diinaa mo’achuuf, dhalli Oromoo mooraa qabsoo isaa qulqulleeffachuun murteessaadha. Keessattu Biyya keessattis ta’ee alatti eenyu waliin akka hojjatanii fi jiraatan beekuun heddu fardiidha. Humni basaasummaa wayyaanee akka salphaatti kan ilaalamu miti. Basaasa keessaa baasaasi badaan, kaayyoo oromoof kan du’u fakkaatee yeroo maraa sabboonaa fakkaatee kan nu waliin jiraatu fi diinaaf sochii murteessoo ta’an kan gabaasuudha.

Kanaan wayyaanee muuxannoo qabdi . har’a mooraa qabsoo oromoo keessaa kana hanga tokko qulqulleessuun tasgabbii har’a argaa jirru uumee jira. Wayyaaneen ijoollee ishee akka keenya dubbatanii fi aadaa illee nu caalaa ibsuu danda’an nu keessatti guddiftee sadarkaa Bulchiisaa irraan ga’achuu dagachuu hin qabnu. Warruma akkasii qabsootti akka seenan taasftee keessa keenya akka marqitu hubachuu nu barbaachisa. Keessattu warri Biyya ambaa jiraatan, maqaa Oromoo kan Biyya keessaa ba’an kana jechuun keezii Oromoo bitatanii karaa keeniyaa yaa’an lakkoofasa akka hin qabne kan beekamuudha. Jarri kun irra jireessi isaanii , Oromiyaa keessatti dhalatanii kan guddataniidha. Guyyaa hawaasa Oromoo waliin oolanii galgala dhalcha isaaniif gabaasan.kaayyoon isaanii inni guddaan, mooraa qabsoo Oromoo gaaga’uudha. Qabsoon keenya kanuma mataa keenyaa nu irratti bitanii hojjachiisanitti dammaqu irra dabree, jara kana irraa illee of ittisu qaba.

Har’a tasgabbaa’uun mooraa qabsoo Oromoo kun diina irriiba dhawweera. Sochii nuuti eessattu taasifnu, shira diinaa irraa tikisuun hedduu barbaachisaadha. Oduun miliqee babba’u akka ibsuttii wayyaaneen ammas mooraa qabsoo Oromoo keessatti rakkoo uumuuf sochii jabaa taasisaa jiraachuu dhaga’aa jirra. Keessattu dhaabbilee Bilisummaa Oromoo mooraa qabsoo Oromoo jabaa gadi dhaabuuf deeman fashalsuuf tattaafataa jiraachuu , dhaga’amaa jirra. Kana irratti dhalli Oromoo ajaajaan odoo hin taane waan arguu fi dhaga’u hundaa hordofee fi qaama ilaallatutti gabaasee   , shira kana fashalsuuf sadarkaa dhunfaa eegalee amma gurmuutti socha’uutu irraa eegama . kana waliin sochii mooraa qabsoo burjaajeessuuf, ajandaa qabsoo Oromoo gara wal qoccalloo AMHAARAATTI ceesisuuf tattaafachaa jiraachuu qalbeeffachuu barbaachisa.

WAAN IRRAA OF QUSACHUU FI BILCHINAAN ILAALU QABNU:

= Shirri diinaa inni angafaa akka wal irratti duullu taasisuudha. Rakkoo keessaan akka bara baraan miidhamaa jiraannu nu taasisuudha. Kanaaf gama siyaasa Oromoo wal qabatuun waan eegalamuu fi sochii taasifamu hundumaa, qalbii tasgabbaa’een ilaalanii, sirnaan wal gaafachuu fi yaada jiru ega wal hubatanii boodas , wal gorfachuu nu barbaachisa. Namni dhuunfaa kaasee hanga gurmuutti sochii barbaachisu yoo taasise, waan halkan tokkotti ta’u waan hin jirreef, akkaataa ittin wal gaafachuu fi hubannoo barbaachiisu waliif laachuu irratti hojjachuu nu barbaachisa. Adeemsa qabsoo kana hundee jabaa irra gadi dhaabuuf adeemsa keenya shira diinaa irraa tiksuun murteessaadha.

Waan Ummati kun lubbuu fi jireenyaa itti dhabamaa jiru kana waan namoota dhunfaan wal qabsiisuun dhaabbachuu qaba. Wal tuffachuun eessaanu hin ga’u. har’a namni dhuunfaan yk gurmuun waa yoo yaade yk hojjate, odoo adda hin baafnee kan irratti katabnu ykn holallu yoo ta’ee, waa hedduu kichuutti hanbifna. Waan fedhe haa ta’u , badii barbaadees haa hojjatu, waan Ummata kana hamilee cabsu odoo hin hojjannee beektoonni yk qaamni ilaallatu ykn hawaasi naannoo sana jiran, sagalee gadi qabanii wal fudhachiisuu yaaluu fi yoo hammaate haala ummatatti ibsan odoo jiraate , tasgabbii har’a jiru jabeessaa deema jedheen yaada. Wanni lafee namaa cabsu holola miidiyaa gara garaa irratti wal cabsaniidha. Diinni ammo hamilee ummata Biyya keessaa cabsuuf haalli akkasii akka umamu barbaaddii.  Kana irraa hundumtuu of qusachuu qaba. Wanni shiraan gaggeeffamu eessallee hin ga’u. kanaaf muuxannoo ga’a qabnas waan ta’eef , kana irraa of qusachuun murteessaadha.

= Kaan gama intarneetaan waan argaa fi dhaga’a jirruudha. Diinni qalbii nu hate dhimma keenya akka irraanfannu nu taasisuuf duubatti akka hin jenne haqa hunduu hubatuudha. Maarree har’a Intarneeta irratti kan dubbisaa jirru nama gaddisiisa. Abbaan fedhe nu xiqqeessee yk nu busheessee nu abaareef, arraba aadaa fi safuu keenya waliin hin tolle tarrisuun maal irraa nu oolcha ? waan xixiqqoo waliin arraba dheerachuun bu’aa maalii argamsiisa. Waan Qabsoo fi dhimma Ummata keenyaa ilaallatu , yaada bal’aa fi gadi fageenyaa yoo ka’e deebii quubsaa irratti laachuu malee Ilmaan ebaluu jedhanii wal abaaruun maalummaa keenya ibsa ? faayidaan nuuf argamsiisu maalii ? Ababa Biqilaan Oromoo ta’uu fi dhiisuu lammii isaatu raga ba’a. har’a kaanee waan dabsanis, qajeelchinuus hin jiru. Abbaba Biqiilaan wal qabsiisee yaadooti ka’an sana Amaarri katabu isaaf raga maalii qabna ? har’a Oromoo fi humna biraa walitti diruuf shirri hojjatamu daangaa dhabuu hin beeknu ? Maqaa nama tokkon arrabsamuun keenya akkama Ummata keenya hundaa dhukkubu , nuutis, yennaa saba tokko walitti qabnee abaarru, kan yaada keenya waliin fudhatu akka abaarru ni beeknaa laata ? kana irratti of haa qusannu.

= fakkeenyuma turban kana waan maxxansame keessaa , Magaalaa gimbii keessatti Qooqi Oromoo dhiibamaa jiraachuu dubbifnee jirra. Waan argan ummataaf gabaasaa jiraachuun dansaadha. Garuu Intarneeta keenya jennu irrattoo maaltu hojjatamaa jira ????????????????harka keenyaan diinaaf karaa saaqnee of arrabsiisaa hin jirru. Waan maaxxanfamee fi katabame hundaa warra alaaf qofaa akka waan hojjatamaa jiru,  guutummaatti Ingiliffatti ce’aa hin jirru ???????yaadi laataman hundi ingiliffaan wal laaqee yaada waliin dhahumsaa uumaa hin jiru ??????? waanuma ummata kana qofaaf odeeffannoo laatu qabu Ingiliffaan katabuun bu’an isaa maalii ? kun diinaaf bu’aa guddaadha. Dhaloota itti aanullee humna buusuudha. Waan gimbii keessaa odoo hin taane, bakka Oromoon jiru maratti , haalli wal fakkaataa hojjatamaa jiraachuu ijoolleen akka gaaritti ibsuu danda’an ni jiran. Kana yeroo biroo itti deebina.

Walii galatti Hawaasi alaa waan hubachuu isa barbaachisu, adeemsa mataa keenyaa qabaachuu qabnaa jedhanii waliin haasa’uu qaban. Waan dabre akka hin deebineef irratti hojjachuu qaban. Shirri diinaa qaawwaa xiqqaa argannaan bal’ifaa deemuun beekamaadha. Kanaaf MOORAA QABSOO OROMOO TASGABBEESSANII INJIFANNOOTTII CE’UUF, SHIRA DIINAA IRRAA OF TIKISUUN HOJII KEENYA HANGAFAA TA’UU QABA YAA FIRAA . 

 

GALATOOMAA !!!!

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Waraana calqaba isaa malee xumurrii fi ittibahinsi isaa hin beekamne – Oromoon maal godhuu qaba?

Berhanu Hundee Waraanni amma garee seeraa fi heeraa ala mootummaa Federaalaa ofiin jedhu fi mootummaa …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *