Oduu Haaraya

Si komadhe yaa gaaddiduu koo!

Saalfii fi komii hin beektuu
Akka namaa of dandeessee hin deemtuu
Maaliif na akkeessitaa yaa gaaddidduu?

Yoon deemu nawajjin deemta
Jooraa ooltee nawajjin galta
Ofirraa sidhiibus, diddee natti maramta

Anoo si komadhe, yaa gaaddidduu
Ana golgaa godhattee, sodaattee qara aduu
Bifti kee gurraattii, silaa lubbuu hin qabduu.

Akka waan of dandeessee, najalaa milqxee
Achi narraa baatee akka waan namaan qixxee
Gootummaan kee edaa, yeroo dukkana lixxee?

Ati maaf sodaattaa fuundura aduu dhaabbachuu?
Yeroo hunda namatti dahattee ifaa baqachuu
edaa ni sodaatta dharaa fi dhugaa fuundura dubbachuu?

Isuma dhugaan sikomadhe yaa gaaddidduu
Otoon hin bariin akka taate, lubbu dhabduu

Kan gaaddidduu fakkaatan, jiraachaa jireenya namaa
Yoo ilaalan hin qaban hirdhina qaamaa
Itti beeku jiraachuu, jireenya mooraa lamaa.

Baratanii jiru dubbii fi jireenya fakkeessaa
Goota biratti goota dhaadhessaa
Walaaloo garuu, beekaa fi hayyuu of fakkeessaa
Itti beeku jiraachuu, jireenya qaanessaa.

Bakka itti waamamanitti hin argaman bakka gootaa
Jireenya isaanii jiraachaa, nama hojatu goomataa
Dhugaa dabsanii, jiraatu nama amataa.

Maafan sikomadha gaadiidduu koo
Rabbitu sitoche akka jiraattu dhahoo koo

Hin jirree uumanii dhara dhugaa fakkeessuu
Asumee tahanii of xiqqeessuu
Bakka hojii hin jiranii, akka gootaa of dhaadhessu.

Anoo dhiise ,Sikomadhu gaaddiddu
Lubbu qabeeyyiin otoo jiranuu anoo sitti hin gaddu
Ardhas boru fakkeessituun, lafarraa haa baddu.

Ufata uffatanii nama fakkaachaa
Bobaa diinaa jala taa’anii, alagaa abdachaa
Mana alagaa golgatanii, kan lammii lagachaa
Isaan kana gaaddidduun, kan ta’an lammiitti bitaacha.

Walaaloodha, garuu beekaa of fakkeessu
Hojachuu irra oduu odeessu
Dhageeffachuu irra of dhaadhessu
Of irratti amantaa hin qaban lammii irraa of moggeessu.

Maarree lammii firaa
namni akkanaa nuwajjin jiraa
lammii dhiisee ormaaf garaa hiraa

kanaaf warra nubira jiraachaa garaan nurraa fagoo
lammii facasanii guutachuuf fedhii aangoo

waanta irratti hin beekamne se’anii
sicoo sabaa fi walaaloo ta’uu isaanii
itti imuu qabu lammiin tokko ta’anii.

Kanaaf gaadiduu koo sikomachuu dhiise
Kan komatamu jira nam fakkaatuun ilbiisee

Camadaa hundee
camadaa@gmail.com

Check Also

usmaayyoo muussaa

Yaadannoo artist Usmaayyoo Muussaa

Sagantaan yaadannoo Artist Usmaayyoo Muussaa magaalaa Finfinnee Hoteela ILILI INTERNATIONAL tti torbaan dhufu ni qophaawa. …