Oduu Haaraya

Silaa numan seeqaa garaat na dadhabee Akka fedha kiyyaan hundumaahuu dhabe..

Silaa numan seeqaa garaat na dadhabee
Akka fedha kiyyaan hundumaahuu dhabe

Dhiitee naaf bariitu guyyuu hiraarumaa
Kalees booyaan turee har’as akkasuma
Walirraa hin cittuu guyyuu haarawuma
Ilkaan addeessuun silaa bar gaarumaa
Akkam taheen kofla sa duuba yaa jamaa?

Ida’amuu  malee gaddi addan cituu
Garaatu na madaa ijji tiyya jiituu
Laalaan duraanii hoggaa haarayoomtu
Imimmaan harca’ee qalbiin hin sabattuu.

Dukkana cillimii ijas hagooganii
Ifa addunyaa hundumaa dhoorkanii
Afaanfaajjeessuun halawwachiisanii
Abdii dukkanooyte godhanii galchani
Erga bakkaan gahan fira afeerani

Ana qofaa mitii namuutu laalatee
Garuu maal godhuu, usee ciniinnatee
Dhimma kanaaf ja’ee garayyuu iyyatee
Kan dhimmamu dhabne afaan qofa taatee.

Gonkumaa naan tahu kofla basaq godhuu
Irra keessan kofla hangan yeroo argadhuu
Dhimmi koo qofaamii akkasiin hubadhu
Tan bir hin eeginii ka’ii tattaafadhu!
~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~

Najiib Zannuun/marsimoonaa

Check Also

usmaayyoo muussaa

Yaadannoo artist Usmaayyoo Muussaa

Sagantaan yaadannoo Artist Usmaayyoo Muussaa magaalaa Finfinnee Hoteela ILILI INTERNATIONAL tti torbaan dhufu ni qophaawa. …