Ummanni Oromoo barootaaf mirga isaa, mirga dimookiraasii fi umamaa kabachiifachuuf qabsaawaa ture, ammas qabsoo hadhoofturra jira. Amma biyya abbaa isaa dhuunfatutti, hiree isaa ofiin murteeffachuu danda’uttis qabsoo kana akka hin dhaabne wanti yeroo ammaa kana impaayeera Itiyophiyaa keessatti muldhachaa jiru ragaa guddadha. WBOn, Qeerroon baddaa gammoojjii, baadiyyaa -magaalaatti qabsoo saboota cunqurfamoo biraatifuu fakkeenya ta’e murna gabroonfattuu wayyaanee irratti gaggeessaa turaniiru , gaggeessaas jiru.
Murni gabroonfgattuu fi saamtuun Wayyaaneen waggoota 25n darbaniif ummata keenya weerartee, saamtee, hidhaa fi ajjeesaa turteetti. Ammas yoo danda’ame kanuma itti fufsiisuuf daaddifachaa jirti. Haata’uutii ummanni Oromoo hidhaa fi ajjeechaa murni tun waraana bobbaaftee gaggeessaa jirtuuf hin jilbiiffanne. Qabsoo Isaa, qabsoo hidhannoo; FXG finiinsee itti fufeera. Wayyaanee gabroonfattuu waggoota 25n darbaniif isa goolaa fi saamaa turte qarqara kufaatiirraan gaheera.
Wayyaaneen har’a qabsoo Oromootin dhiphuu hamaa keessa jirti. Balaa guddaa qabsoon Oromoo irraan gaheenis kan qabdee gadi dhiistu wallaaltee asiif achi unkuramaa jirti. Dhiphachuun unkuramaa jiraachuu ishiitiif ammoo enyuyyuu caalaayyuu ragaa guddaan hojiidhuma ishiin waggaa guutuuf itti jirtu tartiibaan ilaaluun qofti gahaadha. Erga Qabsoon Oromoo, FXG baadiyyaa magaalaatti finiinuu eegalee asii qofaa dhiphuu itti buleen yoon humrii dheereeffadhe jettee hololaa fi tarkaanfilee baayyee gara jabummaa ishii argisiisuu fi kofalchiisoo ta’anii fi karaa kamiinuu qabsoo sabootaa dhaabuu hin dandeenye danuu fudhattee jirti. Dura namoota nagahaa karaa naghaa mirga isaanii gaafatan hidhuu, ajjeesuu fi dararuutti kaate, inni ta’uu dinnaan jijjirama gadii fageenyaa jettee hololuutti deebite. Innis fudhatama dhabnaan labsii yeroo atattamaa jechuun waraana amma funyaanitti hidhate bobbaafte ajjeechaa jumlaa (Genocide} gaggeessite. Isaaniis hin milkoofne qabsoon ittuma fufe. Baatii 6 fi 7 dura dhibbaa -100tti ummati nujaalatee nufilate jettee mootummaa dhaabde jigsitees kunoo fakkeessiif ergamtoota biroo maqaa Oromootinis, maqaa saboota biraatins muuddee jirti. Kanas kan gurra itti kennee gafii keenyatu deebi’e jedhee fudhate hin jiru. qabsoon mirga abbaa biyyummaa kunoo ittii fufee jira.
Amma barri isaa; bara gaafii ummataa itti fakkeessuun, sobaa fi sossobaan akkasumas dorsisaan bira darbanii miti. Ummannis amma gaafiin isaa galma gahutti nama biraa hin hafu. Hafaas hin jiru. keessumaa ummanni Oromo yeroo ammaa kana hiree ofii ofiin murteeffachuuf, gaafii mirga abbaa biyyummaa isaa dhugonfachuuf qabsoon inni irra jiru kanneen hafaniifuu fakkeenya guddaa ta’aa jira. Ajjeechaan , hidhaa fi doorsifni ykn sobaa fi sossobaan qabsoo isaarraa isa gufachiisaa ykn dagaa hin jiru. Karaa kamiinuu ta’u qabsoo isaa finiinsee gaafii saa, gaafii haqaa galamaan gahachuun waan hin olle. Dhugaan Oromiyaa keessa jiru kanaa fi kana.
Wayyaaneen waggoottan 25n darbaniif Mirga ummatootaa, aadaa, seenaa fi kanneen kana Kff…. kabajee kabachiiseen jira jettee hololaa fi sobaa turtee jirti. Keessumaa ammoo erga maqaa Sadaasa 29 guyyaa sabaa fi sablammootaa jettee hololuu eegaltee asii sobni ishiin maqaa sabootaatiin hin tarrisiin hin jiru. Waggaa waggaan sadaasa 29 guyyaa mirgi sabootaa fi sabalammootaa itti kabajame jettee sirbaa fi dhiichisaan lafa goosaa turte. Kan baranaatifis erga holola eegaltee oolee buleera. Haata’uutii Ummattoota cunqurfamoo biyyattii keessumaa ammoo ummata Oromoo dibbee sobaa dhaanamaa jiru kanaaf takkaawuu gurra kennee hin beeku. Kan baranaatifis sirbii fi dhichifni inni addabaabaayii bahee murna gabroonfattuu fi ajjeechaa jumlaa irratti raawwattu waliin sirbu hin jiru. Bara wayyaanee Oromoon hidhaa, ajjeechaa fi biyyaa godaansifamuu malee wanti buufate hin jiru. keessumaa ammoo barana ajjeechaa jumlaa hora arsadii ayyaanaa irreechaarratti waraana wayyaanee Aga’aaziidhaan raawwate dabalatee yoo xiqqatee Oromoon kumaa 2 ol yeroo waggaa tokko hin guunne keessatti waan ajjeeffameef, kuma kurnootaan madaahee, kuma hedduun mana hidhaa waan jiruuf gaddarra jira malee itti tolee sirbarra hin jiru. gaafiin isaas, gaafii mirga abbaa biyyummaati malee sirbaa fi dhiichisa waan hin ta’iniif waggaatti si’a tokkoo sirbuun wareegama Oromoon baasaa turee fi jiruuf deebii hin ta’u.
Murni gabroonfattuu wayyaaneen of sobaa fi gowwoomsaa jirti. Inni ishiin guyyaa sbaa fi sablammootaa jettee akka waan gaafiin sabaa fi sablammootaa marti deebi’eetti waggaa waggaan sadaasa 29 jettee hololtu kun karaa kamiinuu fudhatama hin qabu. Gaafii sabootaatifis deebii ta’uu hin danda’u.
Gaafiin saboota cunqurfamoo keessumaa ammoo gaafiin ummanni irratti wareegamaa turee fi jiru gaafii hiree ofii ofiin murteeffachuuti, gaafii mirga abbaa biyyummaati. Amma inni kun deebii argatuttis hololo bubuutun qabsoo isaa hin dhaabu. Sirbaa fi dhichisni fakkeessii waggaatti gaafa 1 magaalootarra deemaniii ergamtoonni sirnichaa lafa qaaccessaa olananiin Oromoo sobuun hin danda’amu. Guyyaan sirbaa, guyyaan dhiichisaa gaafa saboonni hiree ofii ofiin murteeffataniidha. Gaafa wayyaanee jalaa bahaniidha. Barri bara fakkeessanii, sobanii fi nama sossobanii ittiin jiraachuu danda’anii miti. Kan dorsisaan callisuus hin jiru.///