Oduu Haaraya

SOMAAN GOOTAA URGAAYEE

                                                                            Taammanaa Bitimaa irraa
DURADUBBII
Barri isaa walakkeessa bardhibbee 19 fi shantamootaa (“1950s“) keessa. Mootummaan Habashaa kan mootii-mootolii Hayila-Sillaasee-tiin gaggeeffamu Biyya Gadaa: biyyaa fi biyyee, magaalaa fi baadiyyaa mara waan harkatti galfate fakkaata. Uummanni Oromoo erga waraana Minilikiin dirree waraanatti, humna meeshaa waraanatiin moyamuun Habashootaan dagabaafatamee (koloneeffatamee) biyyi isaa qabamee kunoo waggaalee 140 ol tahee jira. Bara dheeraa kana keessa ginni-bittee Habashaa, keessumaa kan Amaaraa wanni hamaa fi suukkaneessaan inni uummata Oromoo irratti hin adeemsifne hin jiru yoo jedhame, dubbii hoowwisuu miti. Kanneen keessaa barreeffama kana irratti gariin isaa ibsamuuf yaalamaa, mee yoo yeroon isiniif hayyame duukaa-bu’aa!
Barreeffama kana keessatti walaloo sirbaa, kan dhiichisaan lafa sochoosuu fi seenaa baldhaa kan isa waliin walqabatutu isiniif dhiyaata. Walaloon kun bara dheeraa dura kan uummata irraa walitti-qabame. Kunis barreeffama kana kutaa isa xumuraa irratti isiniif dhiyaata. Asi irratti jecha “somaa” jedhamu kana yoon isiniif addeesse mishaa natti fakkaata. Biyya Oromoon qubatee, akka abbaa biyyaatti irra jiraatu maratti: Oromiyaa, Keeniyaa fi Somaaliyaa Kibbaa keessatti “somaa“-n muka eebooti. Garuu, naannoo Macca Bahaatti san irratti hiikkoo biraas dabalatee argama. Asitti “somaa“-n ulee cimaa kan akka meeshaa waraanaatti dhimma ittiin-bayanis taha. Isa naannoo Oromoo Tuulamaatti “shimala” jedhamu, jechaa dha. Dhugaa dha; Macci Bahaas “shimala” ni jedha. Shimalli yookaan somaan akkasitti godina Oromiyaa Waltajjiitti jaalatamuu fi farfamuu kun heddumminaan naannoo Gindabarat irraa dhufa. Achi irraayyi daldalaan-bultoonni akkuma bunaa fi soogiddaa faatti biyyaa-biyyatti dabarsuun ittiin-daldalu. “Diirri shimala akka koodee offiitti jaalata” jedhama. Kanaaf, akkuma faashistoota Xaaliyaaniitti minisshiriin Garasuu Dhukii faa itti-urgaaye san Saayiluu Dufaayee fi nafxanyoota isaatti “Somaan Gootaa Urgaaye” jechaa dha. Akkuma xiyyiitiin uursitee diina dhooftu san, somaan/ shimalli urgaayee nafxanyaa goobe fi addaggoometti (baalagoometti) kakaksee haleela. Kutaa lammaffaa keessatti akkamitti “somaan gootaa” Fitaraarii Saayiluu Dufaayeetti (Saahiluu Difaayee) akka urgaayee fi inni eenyu akka ture, isiniif dhiyaataa mee hammasitti obsa Oromoo san natti hin qusatinaa!      
SEENSA                                                                                           
Minilik gara-jabeessichi gargaarsa meeshaa waraanaa humnoota aango-qabeeyyii warra Oroppaa oggaa sanii: Biritaaniyaa Guddoo, Faransaa, Xaaliyaa fi Rusiyaa irraa maqaa Kiristaanummaa isaatiin argateen uummata Oromoo, uummatoota Kuush warra kaanii fi warreen biroo jilbeeffachiisee Oromiyaa fi biyyoota Kibbaa qabachuu dandaye. Harma-muraa fi harka-muraan Aannolee, morma-muraa fi funyaan-muraan inni Calanqoo, Gullallee, Darraa faa irratti adeemsise barreeffameeti argama. Lafarraa duguuggaan inni uummata Oromoo irratti oofee fi dhibee garagaraa isa Habashoota hordofuun Biyya Oromoo seene faa irraan kan ka’een, sa’aa-namni dhumee lakkoofsi uummata Oromoo kitila (miliyoona) 10 irraa gara kitila 5-tti gaddeebiyuu dandaye. Lafti Oromoo irraa fudhatamee uummanni kun sirna gabbaarummaa isa obboleessa gabrummaa tahe jalatti kufe.
Gabbaarummaan kun Oromiyaa fi Biyyoota Kibbaa (biyyoota Oromiyaa irraa gara kibbaatti argaman) keessatti warri gabbaartota tahan, akka meeshaatti Habashootaan kan ilaalaman ture. Habashoonni (Amaartonnii fi Tigroonni) Abasiiniyaa irraa wanni isaan qabatanii dhufan wanneen afur callaa ture: 1) gaangotaa fi fardeen tokko tokko kan warri dureewwan isaanii yaabbatan 2) bututtuu, waarroo fi dabaloo uffatan sana 3) galaa hamma Laga Abbayyaa, Laga Bashiloo fi Laga Barreessaa cewuun Biyya Oromoo seenanitti isaaniif tahu 4) qawwee Faranjoota irraa dhoortoo fi kadhannaan argatan sani. Sana booda biyya humna qawweetiin cabsaniitoo seenan irra akka awwaannisaatti qubatanii nyaachuu fi akka shilmiitti dhiiga uummataa xuuxuu ture, hojiin isaanii! Loltoonni isaanis, abbootiin duulaa isaaniis, qeesonni isaanii faas mindaa wayiituu hin qabaniyyu. Mindaan isaanii uummatoota: Oromoo, Hadiyyaa, Kambaataa, Alaabaa, Sidaamaa, Gede’oo, Burjii, Koonsoo, Walaayitaa, Goofaa, Kafichoo, Kuulloo-Kuntaa, Moochaa fi Gimiraa faa ture.
Duraan biyyatu ganda gandaan, mana manaan hirachuun isaan soorayyu. Sooruu bira kutee kan isaan miila-dhiqu, kan isaaniif midhaanii-bishaan qoppheessee dhiyeessu dubartoota Oromooti. Gaangota isaaniitii kan okaa haamu ijoollee Oromooti. Jarri qawwee rarraafatanii ooluu fi qawwee boraafatanii buluu malee, wanni isaan hojjatan tokkollee hin turre. Akkuman kanaan dura waayee Oromoota Kurnan Gullallee (Shaggar guddichaa fi naannoo isaa) keessatti ibsee sana, warri abbootii qawwee kun: “yoo baalli shokokseyyuu, yoo shimbirroon bar jetteyyuu Oromoon na qabate jechuun wareeranii ka’u; ol-utaalu“. Jarri ennaa sanas, harras qawwee isaanii kana malee, uummata Oromoo hin amanne; hin amananisi. Olee- bulee warrii abbootii qawwee kun manneeni fi gandeen garii keessaa walitti yaa’uun bakka tokko qubatani. Bakka qubatan kanaan isaan afaan abbootii qawwee saniin: “misshigii” jedhuun ture. Ammas oolee-bulee “misshigiin” isaanii kun “katamaa” isaanii kan nuti mandara yookaanmagaalaa jennuun tahe*.
Magaalaawwan hedduun kanneen ammaan tana Oromiyaa fi Biyyoota Kibbaa keessatti argaman “misshigoota” isaanii kan warri Ingilizii “garsion towns” jedhaniin kan Oromoon immoo shaddee-wwan jedhuun turani. Dhugaa dha; magaalaawwan: Jimma, Naqamte, Harar, Geeraan, Gidaamiin, Daseen, Waldiyaan faa durumaan kanneen turani. Magaalaawwan shaddeewwan isaanii turan kun immoo garri irra caalan, tulluuwwan yookaan goorolee gubbaatti kan hundeeffamani. Kanaaf fakkeenyi gaariin: Inxooxxoo, Shano, Ejeree (“Addis Alam“), Geedoo, Gimbii, Dambi Doolloo, Goree, Asallaa, Gobba, Diillaa fayi. Tulluuwwanii fi goorolee kanneen irra taa’anii Oromoota isaanitti duulanii fi ka’an towachuu waan dandayaniifi, kan akkanatti shaddatanii “Gheto” ofitti dalleeffatani. Mee as irratti fakkeenya tokko qofa haa ilaallu!
Waraanni Minilik Oromoo Afran Walisoo kan ennaa lama moyee isaan ofirraa deebise sana, isa sadaffaaa irratti mowuu dandaye. Gootonni biyyaa kaan dirree waraanatti dhumanii, kaan boojiyamanii ganda teessoo Minilik turte, Ankoobaritti dabarfamani. Biyya Oromoo Afran Walisoo isa Ilaansoo Halloo Bokkuu mana hidha keessa ciisee, garaa fi qoma isaa lafatti sukkuumaa, ilkaan ciniinnatee: “yaa orooboo battee, yaa orooboo battee, yaa orooboo battee; yaa Oromoo baddee, yaa Oromoo baddee, yaa Oromoo badde!”, jechaa caraanu sana Habashoonni amananii keessa taa’uu waan sodaataniif, Tulluu Boddaa gobbaatti shaddee isanii dhaabbatani. Hubaddhaa Afran Walisoo qobaa isaa hin dhalannee, qobaa isaas hin lollee, qobaa isaas hin cabnee! Oromoota ollaalee Afran Walisoo tahan: leencota Jahan Bachoo, qeerransoota Sadeen Sooddoo, hamaaqexoota Torban Kuttaayee, gichilloota Kudhalamaan Caboo fi Jahan Ammayyaa-tiin olloomee jiraa! Isaan kun martinuu biyyaa fi biyyee ofiitiif jecha, diina rifeensa mataa isaa irraa hamma qeensa quba-miilaa isaatti meeshaa waraanaa isa Faranjii irraa argate hedhatee itti-dhufe sana dura goranii dirree waraanaatti moyamanii biyyi isaanii qabame.
Amma egaa, Amaartonni Habashaa isaan Tulluu Boddaa isa biyya Afran Walisoo keessaa gara kaabaatti argamu sana irra qubataniis nagaan taa’uu hin dandeenye. Tulluu Boddaa kana irra dhaabatanii gara Lixaatiin waraanuma Afran Walisoo isa cabsame san keessaa kan mimmiliqee hafetu: Qaqaldhii Gurree Birqii fi Walisoo Coree, Dandi Jaarroo Dasee, Daawo Ilaansoo Halloo Bukkuu fi Dhugoo Bultum faa oggaa itti-dhufu argu. Karaa Kaabaa immoo leencota Torban Kuttaayee keessaa: Abeebe irraa Hasaquu Horaa, Macca Qorichaa, Macca Cillimoo faa irraa Abbaa Dooyyuu kan Waamii Garoo faa ennaa itti-dhufu argu, gara Kibbaatiin waraana Afran Walisoo ollachiisaa san irraa kan hafe waraana Abbaa Caalaa (Goobanaa Bixoo Qoricoo) faa argu. Karaa Bahaa (karaa fuula Shaggar) waraana Jahan Bachoo, kan Shabbuu Bordee, Dachaasaa Baqsaa fi Tufaa Awaash faa inni dhumatii irraa hafe sun oggaa itti-dhufu argu. Maarree Oromiyaa dachee leencotaa, qeyee qeerransootaa humnaan cabsanii seenanii nagaan taa’uun yoom ture-ree?
Egaa, namoonni Oromoo tokko tokko gubbaa-gubbaa argu malee, naannoo Oromiyaa Waltajjii kanatti nafxanyaanis Oromoo amanee, Oromoonis nafxanyichaaf tolaan gabbaree, amantii isaa Oromee (Waaqeffannaa) dhiisee hin beeku. Ee, Oromoon humna qawweetiin laggeenitti yaafamee cuubamuun Kiristaana jedhame kun, inni akka amanutti sibiila (fannoo warra Kiristaanaa) mallattoo du’aa saniin qeesii-dhaan addi isaa tuqame sun, inni dirqiin manneen Kiristanaa (bataskaanni) qeyee isaatti ijaarame sun takkaa amantii ofii hin irraanfannee, sirumaayuu bataskaana warra Habashaa sana bakka aadaan isaa itti-agarsiifamutti jijjiirrate. Wanni qawwee fi ibdiddaan namatti dhufe yoom qaama fi qalbii namaatiin fudhatama-ree? Kanaafi-kaa kan aadaan, afaani fi amantiin Oromoo funyaan mootolii Habashaa jalatti, boongoo (waasshaa) nafxanyootaa fi phaaphasoota Habashaa kan taasifame Shaggar cinaatti hafee, daraaraa kan nuu fi Dhaloota Qubee kana dhaqqabe.
 QAAMADUBBII
Handhuura Shaggar keessa, Birbirsa (Piyaassaa) yookaan Markaatoo dhaabattanii yoo gara Lixaa ilaaltan, gaara guddicha garaa waaqaatti (samiitti) ol-ijaajjee dhaabatu agartu. Inni Gaara Hococaajedhama. Silaa arrabni warra Amaaraa kun nadhii damma Oromoo xuuxxachuu malee, sagalee fi jechoota Oromoo jajallisuu irraa hin adabatuu akkuma: Urgeessaan, “Worgessaa“, Olqabaan “Wolqabbaa” faa jedhu sana Gaara kanaanis “Wocaccaa” jedha. Kanas kan jedhu beektota isaaniiti malee, ijoolleen isaanii kan Shaggarumatti dhalattee, guddatte maqaa gaara kanaa yoo gaafatamte hin beektu. Barsiisonni isaanii waayee Biyya Oromoo, akka amma jedhanitti immoo biyya “Woromoo” kana isaan hin barsiisani. Jarreen kun laggeeni fi tullubbeewwan Shaggar keessa heddumminaan jiran sanis kan Laga Qabbanaa fi Lagaa Aqaaqii faa irraa hafe, homaayyuu hin beekani. Oromoo jidduu taa’anii: lafa isaas, laga isaas, afaan isaas hin beekani. Kana beekuu dhabuunillee warreeni fi barsiisota isaanitu isaanitti hin himnee, kan hammana isaan taajjabsiisuu miti. Haatahu malee, wallaalummaa kanaan dhaadachuutu, wallaalummaa kanaan boonutu wallaaltota wallaaltuu gadiitti isaan ramada. Silaa ijoolleen Oromoo tokko tokko isaan jala-deemuu hammallee hin dhiifnee, mee Waaqni wallaalummaa kana jala isaan hin galchini!
Jarreen kun Finfinnee-Shaggar dirbantii (“metropolis“) biyyalafaa (addunyaa) keessaa tokkoo isaa tahe, sunumtuu magaalmataa (“capital city“) Afrikaa teenyaa tahuu isaa hin hubannee laata? Ammaan tana namoonni dirbantii tokko keessa jiraatan harki irra caalan, afaan naannoo magaalaa sanaa callaa hin beekani. Mee magaalaa Barliin yoo fudhanne nama kaleessa yookaan dheengadda dhufe, yookaan immoo imaltuu (tursitii) bulee dabru yoo tahe malee, hundumtuu afaan biyyaa, Afaan Jarmanii beeka. Sana irratti dabaluun Jarmanoonni hedduun Afaan Ingilizii san irrattiyyuu Afaan Faransaa yookaan Ispaanyaa beeku. Barliin teenya tana keessa Jarmanoonni Afaan Jarmanii duwwaa beekan lakkoofsi isaanii xiqqaa dha. Garuu, ijoolleen nafxanyoota “keenyaa” jecha araadoyyee (“araadaa“) jedhamu dadarbachuu jaalatu. Ammoo, isaan karaa kanaan (karaa afaanii) qutee-bulaa Amaaraa isa Bichanaa yookaan Saalaa-Dingaay waliin tokkuma. Qotee-bulaan Amaaraa isa Bichanaas tayee inni biraa afaan biraa barachuun isaaf barbaachisaa miti, carraa akkasiillee hin qabu. Kanaaf inni hedduu, hedduu kan kabajamu taha. Ijoolleen Amaaraa ishiin: Shaggar, Adaamaa, Asallaa fi Jimma faa keessaa, ee ishiin araadoyyee of-fakkeessitu karaa afaanitiin dhugumatti: jaanjoffee (“faaraa“) dha. Mee wallaalummaa, doofummaa fi duubatti-hafummaa kana keessaa Waaqni isaan haa baasu!
Amma Shaggar Gaara Hococaa kana jala dhaqabeeti jira. Karaan konkolaataa inni Shaggar irraa ka’uun gara: Walisoo, Jimmaa, Aggaaroo, Buunoo Baddallee fi Mattuu faa nama geessu Tulluu Furii fi Gaara Hococaa kana jidduudhaan dabra. Magaalaan Sabbataa gaara kana jala karaa fuula Kibbaatiin jirtu, Birbirsa irraa wantee (kiilomeetira) 25 fagaattee argamti. Otoo Sabbata hin gayinuu magaalattiin Daalattii (“Alam Ganaa“) wantee 15 irratti argamti. Magaalattii tana irraa gara fuula kaaba-lixaatti wantee sadii fagatee galmi beekamaan, guddichii fi jaalatamaan kan Maaram Haadha Abbayyiiargama. Gaara Hococaa kana irraa gara lixaatti yoo deemame jechuun: Meettaa Abbuu, Meettaa Hoolotaa, Kuttaayee, Calliya, Daannoo, Ammayya, Waliso, Noonnoo, Bacho, Sooddo faa karaa bahaa fi kaabaa immoo Galaan, Ada’a Liiban (Bishooftuu), Gimbichuu, Meettaa Roobii, Sululta, Salaale, Darraa, Jidda, Jirruu, Abbichuu faatu argama. Naannoon Oromiyaa Waltajjii jedhamu kun gosoolii Oromoo kanneen Tuulama-a fi Macca Bahaa jalatti ramadaman of-keessaa qaba. Keessumaa naannoon Bishooftuu (naannoon Odaa Nabee) fi naannoon Amboo galmoota akkaan hedduu tahan qabu. Gubbaa gubbaa naannoon kun Kiristaana Ortodoksiiti, keessi keessi isaa immoo Waaqeffataa dha. Amaartonni Habashaa naannoo kana miiccanii, dhiqanii aadaa fi afaan isaa akka gatee kan isaanii fudhatu halaknii-guyyaa irratti hojjatanillee, qeesii fi fannoon magananillee (“gazzatanillee“), seera itti-baasuun dhoowwanillee, eeboo fi qawween dorsisanillee waa fiixaan-bawuu hin dandeenye.
Oromiyaa Waltajjii kana keessatti dubbii Afaan Oromoo kan: “nuu fi isaan” jedhamutu cimeetoo argama. “Isaan mana barumsaa ijaaraa jedhan! Mana hidhaa ijaaraa jedhan! Gibra dafaa galchaa jedhan! —!” faatu heddumminaan dhagayama. “Isaan“, eekaa isaan “jedhan” kun Amaarota; Habashoota. Warri “jedhaman” kunimmoo Oromoota. Kan “jedhu” (abboomu) jara qawwee qabatee Oromiyaa keessa deddeemu. Warri “jedhamu” (“abboomamu“) immoo Oromoo humna qawweetiin cabsamee kottee Habashootaa jala jiru. Ajajaan, abboomaan, daanyaan, malkaanyaan, nafxanyaan, foolisiin, doorsisiin faa Amaartota, Habashoota. Manneen murtii isaanii dubbii bubbulchuun dheeressanii waggaalee hedduu dhaqqabsiisu. Manneen seeraa dhiisitii manneen gibira itti-galchaniifuu gubboo kennuutu ture. Silaa jarrii warra hojii kamiyyuu hin jaalannee, warra hojii kamiyyuu tuffatuu, warra dhibaawummaa aadaa isaa fakkeeffatee, jarri of-tuulummaa fi sanyummaa mallattoo godhate kun uummanni Oromoo: Shaggaritti, Adaamaatti, Bisooftuutti, Mojotti, Shanotti, Sandaafatti, Fichetti, Garba Gurraachatti, Hoolotatti, Ijereetti, Giinciitti, Ambotti, Gudaritti, Geedotti, Tibbeetti, Shobokatti, Ijaajjiitti, Sabbatatti, Tafkiitti, Tajiitti, Tullu Boollootti, Walisotti, Walqixxee fi Cittuu faatti dubbiif marmaaruun, gibraaf deddeebiyuun isa daddhabisse; isa ijibbaachise. Amma uummanni Oromoo sababa wayii barbaadeeti kana jalaa-bawuu fedhe. Roorroo fi gabrummaan itti-hammaannan mala baafatekaa! Isa warri Ingilizii: “rakkootu mala namaaf fida!“, jedhan san Oromoon keenya hojii irra oolfate jechaa dha.

Manneen murtii (“firdi-beet“) dhaqee wal-himachuu dhiisuun gara manneen warra qaalluu, jechuun gara galmoota qaalluu deemee wal-himachuutti ka’e. Kun dursee kan jalqabame naannoo Torban Kuttaayee, naannoo Ambootti. Silaa yoo Torban Kuttaayee qufa’eyyuu Afran Walisoo: “haadhoon koo maal tayelaa?” jechuun gurra-buusee dhaggeeffataa, dubbiin kun ennasuma naannoo Afran Walisoo fi Jahan Ammayyaa dhaqqabe.  Booda naannoo Sadan Liiban kana irraa ka’uun Oromiyaa Waltajjii kana keessatti balbaldhachaa deeme. Sirumaa naannoo Amboo kanatti manneen murtii mootummaa Habashaa qullaa tahaa, onaa deemani. Manneen murtii mootummaa Habashaa kun kan dubbatan Afaan Amaaraati. Abbaa murtii irraa kaasetoo hamma barreessaa fayitti kan hojjatan yoo Tigroota dabranii dabranii jiran dhiifne Amaartota callaa dha. Yoo Oromoonni tokko tokko, dhibba keessaa afurii-shan argaman Oromoon keenya: “akkamitti isaan dabarsan?” jedheeti afaan qabachuun raajeffata. Dubbii lafarra harkisanii waggaalee heddumeessuu fi gubboon isaanii biyyuma ofii kana nama jibbisiisa. Himata galfachuufillee dursanii warra Afaan Amaaratiin iyyannoo namaaf barreessan, barbaadanii horii baasaniifii kitaabsisuutu ture. Jarreen qawwee fi fannoon biyya Abbaa Gadaa fi biyya Haadha Siiqqee seenan kun biyya kana Gondor fakkeessuuf, halkanii-guyyaa irratti hojjachaa turani. Kanaaf, “qeyee” jarreen kanaa fi “boongoo” jarreen kanaa kan tahe, manneen murtii irraa baqachuun Oromoon qeyee eebbaa fi qeyee ayyaantuukan tahe, gara galmoota warra qaalluu dhaquun wal-himachuu filate.
                                                                                         Itti-fufa —!
==============    Hubachiisa Miiljalee    ==============
* Mandara jechuun mana walitti daramee (walitti qabamee) jiru jechuu dha. Kunis: mana + dara =mandara.

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Waraana calqaba isaa malee xumurrii fi ittibahinsi isaa hin beekamne – Oromoon maal godhuu qaba?

Berhanu Hundee Waraanni amma garee seeraa fi heeraa ala mootummaa Federaalaa ofiin jedhu fi mootummaa …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *