Abdii Boruutiin
Kaayyoon Qabsoo Bilisummaa Oromoo (QBO) fi warraaqsi biyya keessatti akka ibiddaa boba’aa jiru injifannoolee hanga ammaatti argaman tikfachaa; waan hafe “Abbaa-Biyummaa Oromoo” mirkaneessuuf akka ta’e firaafis ta’ee diinaaf ifa waan ta’ee dha. Dhugaan lafarra jiru kana ta’ee otuu jiruu, shira biraa xaxuudhaan injifannoo QBOn argamsiise ”Qubee Afaan Oromoo” tartiiba isaa jijjiiruun duula bifa biraa, Oromummaa irratti labsuu dha. Kun tooftaa diinaan ittiyaadamee fi sirriitti karoorfatamee gadi bahee dha. Haa ta’u malee, gochaan ykn shirri kun ibidda QBO kan boba’aa jirurratti boba’aa biraa dabaluu waan ta’eef, ibiddi kun ammoo yeroo xumuraatiif diina fi tajaajiltoota isaanii gubee akka balleessu shakkiin hin jiru. Qabsoon haqaa ni tura malee booddeen isaa injifannoo akka ta’u seenaa Addunyaatu ragaa ta’a.
Akka waliigalaatti yoo ilaalame, Afaan tokko seeraa fi sirnaan, sirna seer-lugaa Afaanichaa eeggatee yoo barreeffame, qubee kamiinuu jalqabuun rakkoo hin uumu. Haa ta’u malee, ayinaa barumsaa fooyyessuufis ta’ee barattoota gargaaruuf imaammata barumsaa fooyyessuu; akkasumas hanqina meeshaalee barumsaa guutuu fi leenjii gahaa barsiistotaaf kennuu dha malee, tartiiba qubee jijjiiruun bu’aa waan fidu natti hin fakkaatu. Bakkeen irratti hojjetamuu fi fooyya’uu qabu otuu jiruu; isa dhiisanii Qubee Afaan keenyaa, kan uummata keenya keessatti margitee dagaade lafumaa ka’anii tartiiba ishii jijjiiruun waa fooyyessuuf ykn rakkoolee jiran karaa kanaan hiikuuf otuu hin taane, injifannoo QBO kana diiguu ta’a. Shirri fi kaayyoo dhokataan duula kana duuba jirus isuma kana ta’a malee waan biraa akka hin taane hundaafuu ifa ta’uu qaba.
Karaa biraatiin yoo ilaalme fi hubatame ammoo, kaayyoon jijjiirama tartiiba Qubee kun, uummata keenya sochii warraaqsaa kanarraa ilaalcha isaa dabsuu fi Sabboontotni keenyas waan qabsoof gargaarsa ta’u irratti hojjechuu dhiisanii waan hin taane irratti beekumsa fi yeroo isaanii akka balleessan taasisuufi. Haala akkanaa kana keessatti diinniis afuura galfatee; shira biraa xaxuudhaaf yeroo akka argatu achumaanis umurii bittaa isaa akka dheeraffatu taasisa jechuu dha. Egaa kun tilmaama biraa ti. Kaayyoon shira kanaa garuu ifaa dha. Innis karaa danda’amu hundaan bu’aalee QBOn argamsiise balleessuu dha; Oromummaarratti duula hamaa gaggeessanii, QBO laaffisuu dha. Uummata keenya jidduuttis nagaa fi tasgabbiin akka hin uumamne godhuu dha. Hayyoota Oromoo jidduuttis karaa danda’ameen walmormuun akka uumamu fi beekumsi gara gara akka faffaca’u godhuu dha. Kun hunduu shira ittiqophaayamee gadi bahee dha.
Mee ilaalaa, hubadhaa erga sochiin uummata keenyaa eegalee fi gama warraaqsaatti ce’ee kaasee, mootummaan Wayyaanee waan Oromoof tolu fakkeessee olola adda addaa afarsaa fi afarsiisaa, akkasumas afaanfaajjii uumaa akka jiru. Fakkeenyota tokko tokko kaasuuf:
- Uummata keenya karaa kanaan gowwoomsuuf, warraaqsa diinagdee jechuudhaan Wayyaaneen tajaajiltoota ishiitiin olola afarsaa jirti. Waan lafarratti mul’achuu hin dandeenye fi milkaayuu hin dandeenye odeessuudhaan uummata keenyaaf hojjechaa waan jiran fakkeessanii afaanfaajjii uumaa jiru.
- Faayidaa addaa Oromiyaan Finfinneerraa qabdu laalchisee, wixinee labsii qopheessuudhaan, waa lamaa sadi damma irra diddibuudhaan dhiyeessanii; duubaan garuu waa shanii jaha nurraa fudhachuuf shira xaxaa jiru. Waa shanii jaha qofaa otuu hin taane dhimma keenya awwaaluuf tattaafachaa jiru jiechuun ni danda’ama. Sabboontotni Oromoo shira kanatti dammaqnaan waan jedhan san waakkachuu jalqaban.
- Amma ammoo waan ijoollee Oromootiif gaarii ta’u fakkeessanii; ayinaa barumsaa fi dandeettii barattoota keenyaa ni fooyyesina jechuudhaan shira biraatiin gadibahanii; kunoo waan waggoota diigdamii-torban dabran keessatti sammuu Oromootaa keessatti margee fi daraare “Qubee Afaan Oromoo” kan mallattoo Oromoummaa taate mudaa ittihoruuf carraaqaa jiru. Borus shira biraa hojjechuurraa duubatti hin deebi’an.
Wanti nama gaddisiisu garuu, ammallee Oromootni muraasa ta’an shira diinaa kana hubachuu dhabuu isaanii yookaanis otuma beekanuu gochaa baleessaa kanaaf meeshaa ta’uu isaanii ti. Beekaniis ta’ee otuu hin beekin diinaaf tumsa ta’uun isaanii garuu, yoo balan nutti dhufu, isaanis balaa dhufa kanarraa akka hin hafne hubachuu qabu. Diinni yoomiyyuu rafee akka hin bulle beekamee; Sabboontotni fi uummatni Oromoo bal’aan qabsoo bilisummaa kana caalaatti cimsuu ala furmaatni fi karaan nu baasu hin jiru. Qabsoon itti fufa, injifannoonis ni dhufa. Qabsoo hadhooftuu booda injifannoo mi’ooftuun akka jirtu kun dhugaa waliigalaa ti. Injifannoon xumuraa kan qabsoo haqaa ti; kan uummata bal’aa Oromoo ti. Guyyaa Oromoon abbaa biyyaa ta’u fagoo hin ta’u; hammasitti garuu wareegama ulfaataa kaffaluunis hin oolu.