Torban dura Oromo hin hidhatin hiriira nagaa irra turan kumoota qawween gad ciraman keessaa kan du’an harka yaraa kan ta’an afurtaman tokko eegumsa ifsa dungoon yaadannoo Camsaa 22, 2014 “White House” fulduratt ta’e irratt maqaan saanii gabaasamee ture. Sun Oromiyaa guutuu keessati raawwatame. Oromo hundi lammiin saanii biyya ofii bakka hallett hoomaan guyyaa saafaa yeroo gad ciraman diina irraa facisuu dadhabuun waan garaa nama waxalu. Yeroo aanga’oo fi qubqabsiis gurguddoon fedha saba saanii hammaa baasanii ilaaluun yeroo ilmoo namaatt roorrifamu callisanii irra darbuun waan nama gaddisiisuu fi aja’ibsiisuu. Bulchooti Itoophiyaa, garee saanii akka Ministeera Dantaa Alaa Amerikaa daawwii irra jiruufillee kabaja kan hin beekne bakka itt walgahan mayila jatama irratt ijoollee Oromoo fixaa ture. Sooka’uu dhabuun saanii deggeruu jechuu dhaa? Sammu hooqqachuun giroo ofiiti.
Kan du’an akka dabaankufootaatt bakka boqonnaa saanii dhumaa jiru, kan jiraa du’anii, kanneen madaawanii fi firooti yeroo kana mana hidhaa faalamaa keessa bakka itt gad ciisanillee hin qabne fi qaamaa fi sammuquwiin guraaramaa, gudeedamaa; reefa waan hin arganneef abaa fi haadhaa fi akaakayyuu imimmaan roobsaa jiran gidiraan saan itt fufee jira. Kan gara milli isaan geessett baqachuun hamaa caalaatt,. o’aa, qorra, bokkaa fi bineens dagalaatt saxilamaa jiranis ni argamu. Sun hundi gatii birmadummaaf gaafatamu. Hamma yoomiitt laata Oromoon kan qaanii akkasii baatee ta’u? Hamma sabichi harka walqabatee ka’uun ba’aa saa ofirraa hin fonqolchinett gadadoon Oromoo hin raawwatu. Ummata itt roorrifame qofa kan balaa koloneeffataa albaadhess kanaan dhufu dhaabuu danda’u. Dhigii barattoota, angafootaa fi kurkrtuu saanii didhaa itt bulchee fana dhooftuu gara bilisummaatt geessu isaaniif haa ta’u. Koloneeffataaf akeekii duroomaa fi dagaagina argachuu dha. Gaaga’amtootaaf garuu akeeki saanii bilisummaa fi kan dhaban deeffachuu dha. Kan ta’e kun tooftaa diinaa keessaa tokko. Tooftaa hundi olhantummaa jabeessuu dha.Akeeki koloneeffataa qabeenya waatattaa fi humna namaa kolonootaa ittisa malee bolquu dha. Sanaaf mala argachuu danda’u hundaan koloneeffamaa jilbeenfachisuuf tattaafata. Yeroo amma TPLF qooda sana fudhachaa jira. Caasaan federaalaa fulduree qofaa. Herrega kamiinuu Itophiyaan ammallee empayera kolonummaati. Humna buubaa,lammii biyyaa haqanii baasuu, deegsa, goolii, fi dorsisi tooftota mancaasaan fedha saa bakkaan gahuf dhimma itt bahu. Danuun seenaa akka Oromoon walitt bu’a wal hin madaalleen injifatamu tolche. Oromoon akka Habashaan keessaayyuu TPLF haxiixaa meetra dhibbbaa malee kan karaa dheeraa akka hin taane beekaa; hamaaketa malee qeeransa mitii. Qeerransichi gurraachii kan hamaaketi ajjeeffatte yeroon ka’ee irraa buufatu fagoo hin ta’u. Barri bulcha goolii fi fixiqacee koloneeffataaa hamma Oromoon kan saamame deeffachuuf murannoon walga’ee ka’utt qofa tura. Koloneeffatoo hundi akka Oromiyaan hoggana roga qabu hin baafanne gochaa jiraatani. Adamsanii qoomaa yk boojuu harkatt kufe ajjeesaa turani. Kan hafan biyyaa bahan yk hidhaa gaarreen Habashaa irratt dhumani. Kanneen biro hordoftoota saanii kumkumoota waliin garbummaan gurguraman. Sun ammayyuu tooftaa too’annoo fi gabbarsiisa saaniitii. Oromoon cookkoo saa gochuu dhaa, kan qabu jajjabeesssaa qoree saanii dhoqqee keessaa saxiluutu irra jira.Bulchooti itt haananii dhufan akka ilmaan Oromoo takkallee too’annoo saanii sammuu fi qaamaa alatt hin guddanne mirkaneeffataa turani. Oromoo hundi eenyummaaa ofii gatanii kan koloneeffattuu akka fudhatan dirqisiifamaa bahan. Kan qaban hunda dhabanii afaan saanii, aadaa saanii, fi amantee saanii maqaan dhuunfaallee utuu hin hafin gad dhiisisani. Lammooti koloneeffataa gadadoo ummataa utuma arganii sun hundi dagaagina saanii kan calaqisuu ta’uun madaqfamanii. Kan isaan ilaalcha hunda caallaatti dhandhoonamanii hafan akka san ta’eetu. Sanaaf malee gocha bu’aa caalaa badiisi itt fidu hin dhiiban turani. Goolii, haqa lammii fi deegsi akkasii hamma jarri yartuun quba saanii keessaan miliqxe dammaqina malbulchaa guddifattee nakkaruu eegaltett itt fufee ture. Jarri yartuun kun seerawummaa sirnichaa gaaffii jala oolchuun hunda malalchiifte. Sun mootummaa abbaa gonfoo fi gola kumunistii loltuu, gola sabaawaa Tigraawayiin bakka buufame finqilchuu gargaaree ture.
Hardha gowwaa karaa irraa maqsuuf heeraa fi seeroti hunda walqixee laalu jedhan labsamaniiru. Garuu finnaan empayeraa doo’ii murna albaadhessa tokkoo, duraan Amaara, amma Tigraawayi ta’ee hafe. Imaammati, Oromoo hoogansa, barumsatt carraa wal qixxee fi qabeenyatt saaqaa dhabsiisuun humna caalaan si’aawaan oofamaa jira. TPLF akka barruu saa “Hizbaawii Adaraa” jedhamuutt gita giddu galeessa Oromo baleessuuf karoorfachuu saatu muldhataa. Karoorfati kun addatt kan xiyyeeffate qabsoo Oromoo irrattii. Sabboonaa Oromoo diinagdeen jabaa ta’e akkka tasaa sochii Oromoo walaba utubuu danda’innaa jedhanii arguu hin fedhani. Sun Oromoo waan fedha bu’uuraa fi baraaramaa dhabsiisa.
Waliigalatt humna fi lakkofsa saanii gad cabsuuf, Oromoon, ajjeechaa, gibira, baasii gargaarsaa, saamicha fi buqqaafamaan mancaafamaa fi deegfamaa jiru. Oromoo garri wayyabi warraa fi maatiif nyaata gabatee irra kaa’uu hin danda’ani. Bishaan dhugaatii fi qulqullinaaa, godoo mataa jala galfatan hin qabani. Tajaajilli fayyaa fi daarrii dubbatamuuf waan qananii ta’u; rakkoon saanii waan mullatu. Sun ta’us dhaaaboti misoomaa fi horoo, waa’ee deetii guddinaa olaanaa Itoophiyaan agarsiiste jedhanii hodeesuu. Finfinneett akka fooqiin toora galuuf Oromoo hammammi ajjeefamuu, buqqifamuu, beela’uu fi dhukkubaan faalamuu qabu? Qoosaamoo guddinni waaan hin mullane, qayyabannoo ilmaan namaa irraa fagoo ta’e laata? Yoo jireenya wayyabaaf hin tolu ta’e bu’aan guddinaa maalii? Sunis tooftaa biraa sadootaa kan fixaqaccee, buqqifamaa fi bakkaa sochoosaa roorrisaan Oromoo irratt raawwate golguufii laata? Dilormaa wayyabi hojii waan hin qabneef firoota yartuu irratt hirkachuuf dirqamee jira. Mootummaan jedhame sana gargaaruun hafee kan waraanaatt ergee fafawani, lafaa saanii irraa kan buqqisee fi waabarii kan ari’e ol deebisuun ba’aa jaruma yaraa sana irratt dabalaa jira.
Lafa Oromoon maatii guddataa jiru itt sochoosuuf ol kaatan irra Oromoomittii qubachiisuun, tooftaa biraa hawaasa Oromoo tasgabii dhabsiisuu fi atooma balleessuuf tolfamaa jiru. Jarri qubatan yaroon, wayyaba qabeenya saa dhabsiisame naanna saanii jiru ni sodaatu. Kanaaf roorrisaa gita hin qabne akka fayyisaa saaniitt ilaaluun keettoo badii ta’anii isaaf ma’ii baasu. Oromoon sodaachisuun, sammuu jara qubatan kana qofatt utuu hin ta’in, kan yaroo Oromiyaa keessa jiranii fi olla jiraatan hundaatt gad tumamaa jiraa. Tuqii kitila biyya keessa facaaseen TPLF Oromiyaa fi olloota see gidduutt waldhabdee uumuuf yero hedduu yaala, yeroon milkaawus jira. Tooftaan Oromiyaa burjaajessuu akkasii qomoo Oromoo tokko kan biratt naquus ni dabalata. Kun jaarraa tokkoo oliif dhalootaa dhalootatt darbaa waan dhufe.
Bulchichi Oromoo bakka tokkoo sochoosuun bakka biraa geessee ni qubachiisa. Sun akka itti hin tollee fi naannaa baratanitt dhimma bahuun hamaa irraa of golguu akka hin dandeenye gochuufi. Misoomatt qabachuun lafa saamanii ummata homishaa naannaa magaalaa buqqisaa jiru. Dhugaan saa karoora guddicha Finfinnee qabaniif Oromoo irraa fageessuu dha. Kan buqqifaman hiree saaniitt dhifamanii, hedduun qaata ala buloota fi kadhattoota ta’ani. Kan dubaroo Oromoo irra gahuu dandahu haa hednu. Lubbuun hundaa akka gabaabbatu mirkanii dha. Akka ammaa Oromoon takkaa umrii kanaan lakkobsa hammanaan kadhachuun hin beekamu. Gonkumayyuu hin kadhatu ture. Tooftaan akkasii erga qabamaatii kaasee buqqaattuu fi boojuun tokko tokko rakkinaan kan ka’e diinatt galanii, akka gargartuu, loltu fi hojjettuu jiruu adda addaatt tajaajilaa dhufani.
Kiraayiin lafaa hin qabsiifnes Oromoo hedduu Finfinnee keessa jiraachuu irraa fageessa. Sun jiraattoti magaalaa akka kan afaan Oromoo hin dubbannett heddummatan gumaacha. Finfinneeen akka laaqii gabra Oromoo keessaa hin tanee hanga garri caalaan see ummatoota biraan daanga’amanitt ballisuu itt fufuu. Finfinneen egaa, biyya afaan Oromoo hin dubbanne ta’uu itt fufuun abbaa biyyaaf halagaa tahaa jirti. Baraarama ayyaana sabaaf, lafti waan guddaa dha. Oromoof too’annoon lafa saa harkaa bahuun dhimma du’aa fi jireenyaa taatii.
Sirni barumsaa wayyaba kutaa kurnaffatti danga’u “Sector Review” Mootii Moottotaan walfakkaata; kaasaa isa conqplaachisan keessaa tokko. Sababa tooftaa walfakaatan sanatu deebi’ee dhufe. Akka akeekaatt jijjiirammi sirna barumsaa akkasii irratt tolfamu ijoolee akka waggaa kudhan caalaa hin baranne godhamaniif duraan dursee waabarii teeknikaa fi leenjisaa gahaa qopheessuu feesisa. Sana malee kaayyoon daa’immi akka afaansee ganamaan barattu addunyaan irratt waliigalee fi wareegama gootota Oromoo kumootan hojii irra oolfame fashalsiisuu ta’a. D oorsis sichi dargaggoo Oromoo afaan halagaa akka waaqeffatan gochuu waan hin dandeenyeef mirgoota akkasii dhorgachuun kan eegamu miti. Akki durii harma jigee.
Akki itt barumsi biyya koloneeffataa fi Oromiyaatt gaggeeffamu adda addaa. Akaakuun barsiisotaa fi dhiheessiin waatattaa barumsaa wal hin gitani. Ijoolleen saanii hogganoota akka ta’an kan Oromiyaa hojjii humnaa fi jawwarummaatu itt murtaawe. Dhalooti Qubee afaan ofii barachuu filachuu saaniif adabamaa jiru. Qaxaraa guddichi, Mootummaan Federaalaa fi qaxartooti Finfinnee garri caalan utuu mirga durfannoo yoo hin taanee carraa walqixxxeee biyya ofii keessatt hojii argachuu dhaloota Qubee utuu hin hedin sadarkaa kamittuu qaxaramuuf dandeettii afaan Amaaraa fi Inglishii gaafatu. Bakka sana kan wal caalmaan itt seentu tokko. Sababa sanaan Oromoon akka ergamtuu waajjiraa fi eegduu karraatt illee qaxaramuuf mirgi saanii mulqamaa dha. Magaalota hundaa keessaa Finfinneen ijoollee Oromoof kan itt hin aggaamamne taatee jirti. Hundi kan aggaamame Oromoon afaan ofiitt dhimma bahuu akka gaabbu gochuu dha. Garuu sun gonka hin ta’u, furmaati jilbeenfachuu utuu hin ta’in mirga sabii hiree ofii ofiin murteeffachuu fi walabummaaf qabsaawuudha. Sun xifa dhaabbachuun irra hin jiru. Aarsaan gaafatu guddaa ta’uu dandaha garuu filmaati jiru bilisoomu yk nambiyyaa gadgaloo ta’anii bara baraan jiraachuu dha.
Nammi kamuu akka seera beekamaatt empayeritt yk addunyaa gara fedhee Finfinnee yk magaalaa Oromiyaa kamuu keessa jiraatee hojjechuu fi qabeenya horachuu ni danda’a. Magaaloti wiirtuu hoomishaa fi daldalaati. Kaapitaallii saba hin qabu; naannaa itt tole kamittuu guddachuu fi godaanuu danda’a. Seenaa irraa akka barannutt baadiyyaa irraa magaalaatt guddachuu dhaabuun hin danda’amu. Daldalooti, hoomisheessoti, tajaajila kennooti fi hojjettooti bakki saanii magaalaa dha. Eenyuu magaalota Oromiyaa keessa qubatee hojjechuu ni danda’a garuu sun mirga moo’ummaa Oromiyaaf giroo dhabuu danda’u jechuu miti
Kan olla gaarii walii ta’ani, wal qayyabatanii fi dantaa fi ulfina walii yoo walii eeganii. Yeroo cehumsaa kana ilaalchoti gurgudaa lamatu jiru. tokko mirga sabootaa hiree ofii ofiin murteeffachuu walabummaa dabalatuu mirkanrrffachuu fedhan, kaan tokkummaaan ummatoota empayera jala jiranii kan hin uggamne kan jedhani. Kanaaf furmaati rakkina empayerittii bara kolonummaa duubaa irraa ka’a adda addaa wal fincilan qabu. Yoo murnooti hundi tokkummaan fedha tokko tokkoon ummatootaa irratt akka hundaawuu hin fudhannee lola malee hin furamu, sun badaa dha. Heerri TPLF dira’ina haaqabaatu malee dhimma kan baasu fedha tokko tokkoon ummatootaa tahu beekeeraa. Bilisummaan Oromiyaa bilisummaa jiraattota see ilaalcha dansa qaban hundaati. Dudhaan Gadaa sana ajajaa.
ABO fi golooti mormituu hedduun TPLFn gooltuumaan dhahamaniiru. Anga’ooti jecha sobaa akkasiitiif gurra kennuun yeroo hariiroo abba tokkootaa tuqan mullatta jira. Sun tajaajila kenneef dudda baasuuf jedhameetuu. Maddi tajaajilaa Oromiyaa dhaa; utuu Oromoon of agarsiisuu dandahee waantii naannaan tajaajila soqaniif hin jiraatu. Haa ta’u malee kan sammuu nama hooqu kanneen burqaa demokraasiiti ofiin jedhan abbaan humnaa waan fedhe akka godhu hayyama gaddhiisaa laachuu saaniiti.
Oromiyaa keessatt Oromoo kamuu ABO yk Al-Qaayidaa jedhamee qabamuu, hidhamuu, ajjeefamuu fi guraaramuu ni danda’a. Gara caaluu qajeelloon dhagahamuun barbaachisaa miti. Kanaaf miseensoti goloolta Oromoo mormituu dubbiin saanii qajeelaan utuu hin laalamin hiddhamanii jiru. Miseensoti OPDO tokko tokkollee ABO marfachuun ciicatamanii “kiraayi sabsaabii” jedhamuun yoo ari’aman mullata. Sun qooqa kanneen gocha TPLFtt gaafii kaasan hundaaf dhimma baasuu. Miseensota PDO saanii hamaatti dhiibuun duuba ittiin dorsisanii seexaan saanii kan hin hayyamneef akka tolchan dirqsiisuunis beekamaa dha. Kan hardha gateettii rurrukatan bor hudduu keessa dhiituu.
Akeekii kan qabatee Oromiyaa bu’aa murna tokkoof gadi qabee saamuu, Oromoo namummaa baasuu dha. FInnaa Oromoo beekuun saa hanga qabaa jabeeffatee didhuu danda’utt jaalbiyyoota Oromoo akka walabummaa hin dhiibne gara dabarsuufii. Garuu ammas yoomis kolneeffataa waan ta’uuf Oromiyaa irratt seerawummaa hin argatu. Jiraattoti magaalaa hedduu horee nafxanyoota duri fi kanneen moototi walitt haananii dhufan mararfatanii. .Jara keessaa kaan bantii riqaa irra turuu abjootuu. Oromiyaa irra darbanii kunuunsa Finfinneett gabaasuu faa gaafatuu u.
Tooftaan humna daangaa hin qabne, haqa lammii, buqqa’umsa, deegfama, goolii fi doorsisaatt roorrisaan dhimma bahus Oromiyaan mirga see irraa hamaa faccisuu malee filamata hin qabdu. Fixisi ummataa 191 kaasee tolfamaa bahe silaa kanneen hubannoo addunyaatti fidhuu danda’aniin irra ilaalamee hafe. Sannaayiroon quunnamitii namoota taraaf akka ammaa saaqaamaa hin turree. Wayyaaneen si’achi fixasanyyi gootu dhoffachuu hin dandeessu.
Altokko doonnachoo fincilaan takko “Kanniisi gaagurri see tuqamee fi ummati abdii kutate tokko” jedhee turee. Mootummaan Itoophiyaa si’an jiru imaammata roorrisa kolonummaa ni jijjiira jedhee hin abdatu. Kanaafi moormii dhiheenya barattooti eegalanii fi deebiin kenname soda Oromoo mirkaneesse kan jedhamu. Karoorii magaalaa citaa isee dhumaa gala dugda kutte jedhamu sana. Kanniisi kan yaa’anii gaagura fi tuuta saanii baraaruufi. Oromoonis kanumaa, eenyuu kan eegalame yeroo dheeraaf ni qabanaawa jedhee eegachuu hin qabuu. Furmaati tokkittiin godinichaaf jiru utuu ofirrummaan murnaa manca’uu irraan hin gahin waldhabdee nagaan furuudha. Kanneen godinicha keessaa dhimmi saa isaan laalu hundi xiyyeeffannoo sardaa kennuufiitu irraa eegama. Oromiyaa akka durii gulummaal fudaal mitii, Oromoonis ciisanyaa baroota 1974 duraa sana hin ta’an.
Oromiyaa dabaankufoota see yoomuu hin irraanfatu; jabduu saanii faaruun, siidaan bara baraan bollaa ol jiraachisti. Oromoon bakka bakkaa “Gootota keenya eessaan dhaqxu” jedhaa jira. Gaddaa fi waacifi walmakeera. Yartuun ajjeefamuu, dhiitamuu, biyyaa ari’amuu fi tuffatamuu, isee nyaachisanii daa’ima ofii agabuu bulchuu caalaa salphinni hin jiru. Salphina kana ofirraa hin buusan taanaan namummaan gaaffii jala ooltii; akka sabaatt badunis fagoo hin ta’tuu. Baayyina fi onnee Oromo qindeessinaan kan jala dhaabbatu hin jiru. Oromoomatu of qindeessa malee nama biraa eeggachuu hin qabu. Of qindeessas. “Abbatu of mara jette bofti” kan jedhan yaadachuu dha. Kun bulee ooluu waan hin qabnee. Karaa hawasomaa dammaqinni argame itt fufuu qaba. Karaa malbulchaa seenaan haromee, Qabsoon Oromo hoggansa tokkoome bilchaataan gadi bahuun waan yeroo hin kenninee.
Kanneen guyyoota 1974 duraa yaadan kan hubachuu qaban Oromiyaan bara durii keessa jiraachuu diduu dha. Wiirtota magaalaa see kan lafquwii, diinagdee fi hawaasomaan walkeessa seenanii jiran irratt sagalee jabaa qabaachuu feeti. Heddummataniif ciisanyooti abbaa lafaa mirga saa yk keessumootii mana abbaa manaa irraa fudhachuu hin danda’ani. Jiraattoti saaanii eessaayuu haa dhufanii, tooftaa fi fixiisii hagamiiyyuu akka Oromiyaan magaalota see irratt mo’ummaa hin arganne dhaabuu hin dandahanii. Fedha saba Oromoo hubachuu dhabuun karaa nagaan gargar deeman qayyabachuu diduun karaa fafawe olhaantummaa koloneessaatt geessu filachuu ta’a. Hundi nagaa irraa waan buufatuu fi lola irraa waan dhabu hedduu qaba. Garuu lolli qoftii nagaa fi tasgabii buusa taanaan jireenyi nagaa malee waan dhimma hin baafneef haa ta’u. Qabsoon bilisummaa fi nagaa haa jiraatu! Hacuuccaa fi ajjeechaan haa manca’u! Oromiyaa walaba dafqaa fi dhiiga jaalbiyyoota seen ni ijaarra! Qabsoon itt fufa!
Ulfinaa fi surraan gootota kufaniif; walabummaa, walqixxummaa fi bilisummaan kan hafaniif; nagaa fi araarri Ayyaana abboolii fi ayyoliif haa tahu!