Oduu Haaraya

Uf ‘Yaa Bineensotaa…Qabsoo Dheeraa Booda!

  • Ani maaluma godhu bineensota kana
    Eeboo maaliinan dugdashee waraanaa?
    Fala maaf dhabdanii maaloo yaa jaranaa
    Maafan ba’aa baadhee kophaakoo maassanaa?

    Booyyeefi waldiigessatu goodaadha baroodaa
    Fociif jaldeessatu gaadee waliin ooda
    Fardaafi gaalatu ta’e akka harrootaa
    Raachaafi karkarrootu dararsan hoolota
    Hantuutatatu diige keenyan mana keenyaa
    Tuqaatu barbadeesse hundumasaa beeknaa
    Rirmatu madeesseem garasiif garanaa
    Qe’een gogoloofnaan keessaa baduuf deemna

    Tisiisa bosonaa kuruphisa qe’ee
    Ilbiisaam jarana ani naman se’ee
    Anoo ragaan bahaam biyyoo lafaa haree
    Uf’ yaa bineensotaa anoo si abaare!

    Mixii akka ilbiisotaa holqa keessaa yaatuu
    Jaamaa akka hinjiraanii lafee namaa nyaatuu
    Kansaa tuulee kaa’ee kan namaaf maraatuu
    Yoon hindhabamsiifnee maaf biyyoon nanyaatuu?

    Waan akka kanniisaa qarxaasaa midhaanii
    Dhiiga garraamotaa xuuxanii dhuganii
    Sossobnees dadhabnee nudhiisuus didanii
    Erga fala dhabnee lafuma kanarraa maaliif nunfixanii?

    Boombii mataa qottoo huummoo laga gamaa
    Akka farda gootaa maaf nurra garmaamaa?
    Dhaala abaabileekoo maalumaaf nasaamaa?
    Bilisaan uumamee maafan dararamaa?

    Egaa barasaatuu bara ammaa kanatuu
    Diinnis qaawwaa argatee firris kan walnyaatuu
    Qabsoodha barbaada miti malaafmaltuu
    Abshaaloma diinaaf maaf taana maraatuu?

    Namuma amma kana anas dabalatee
    Kophumadha fiiga qomoosaa dagatee
    Akkasiin fullaanaan maal fala ta’aree?
    Duuba deebi’anii of laaluudha malee

    Qilleensarra kaatee yaadaan tabjaajja’aa
    Jireenya mo’achuuf takka kufee ka’aa
    Deemsa keessa lufe meeqansaa lakkaa’aa
    Gocha tokko malee yaadasaan akaa’aa

    Addunyaa xaxamtuu ishee hiika hinqabne
    Joorsuuf jaamsuu malee boqonnaa hinlaanne
    Nyaattee dhuguu malee nanquufee hinbeekne
    Halkan guyyaa fiignee mo’achuu hindandeenye

    Ogeeyyis gaafannee hayyuu biyya bulchuu
    Hiika addunyaa kanaa dadhabe nuulaachuu
    Qotee bulaas taanee yookaan daldalachuu
    Barataas taaneetu dhabneerra gammachuu

    Afaaniin kolfina garaan numadaa’ee
    waan dubbannu hinbeeknu akka isa raata’ee
    Waan yaaddoof gidiraa nurratti walgahee
    Kam himnee kam dhiifna callisuudha malee

    Bineensi daggalaa ilbiisonni hundumtuu
    Yeeyyiin gama sanaa leenci inni dhaadatuu
    Gafarsi duubanaa Joobirri halkan kaatuu
    Biiftuun samii Waaqaa maaf ifa nuu laatuu?

    Oduus maan dheeressa maafan sindheebossaa
    Yaadni abbaa huba abbuma jiitessaa
    Kophuman guunguma akka haadha hiyyeessaa
    Maan of yaadachiisa madaakoo kaleessaa

    Mala dhahee buusee guyyaan taa’ee mugee
    Bineensi keessakoo fixeera daguugee
    Hawwannisi jooraan allaattii akka gugee
    Maaf ibsaa keessakoo gaaddisaan haguugee?

    Abbaafi ilmatu didee waliin oodaa
    Haadhaaf intalatu guyyaadhaan abjootaa
    Falli ta’uu qabu kan ilmaan namootaa
    Albuudni argamuun qabsoo dheeraan booda!
    Gaaffiin lafakootii kumaaf kumaatamaa
    Firamoo halagaa eenyu naaf quuqamaa?
    Barri an jiraadhusoo kunoo dhumuuf deemaa
    Waan haqaa dubbadheen isaaf wareegama.

    Wanta ani dhaga’uu yaadaan qalbeeffadhu
    Qilleensa qofaadha duumessallee hinqabu
    Lafa abbaakoorratti eenyummaa hinkadhadhuu
    Bilisummaa balfee garboomee hin jiraadhu!
    ********
    Beekan Gulummaa Irranaa
    beekanguluma@gmail.com

Check Also

a

Kuusa jechoota Afaan Oromoo Ramaddiin isii maqaa. (noun) A Qubee 1 Jechi kun akkmitti dubbifma? …